Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:04

[1] Nuyi amma marfamneerra, yaa warra mandara loltootaa, loltummaa keessaniin walitti qabamaa! Warri nu marsan isa Israa'elin seerratu uleedhaan maddii isaa in rukutu.

[2] Ati immoo yaa mandara Betlihem-Efraataa, mandaroota Yihudaa warra gurguddoota keessaa ati ishee xinnoo dha; Israa'elin kan mo'u tokko si keessaa anaaf in ba'a; hundeen isa si keessaa ba'uuf jiruus kan bara durii durii bara baraa ti.

[3] Hamma bara isheen isa da'uuf jirtu sun deessutti, gooftichi waa'ee namoota sanaa in dhiisa; obboloota isa dhalatu sanaa keessaa warri hafan gara biyyaa, gara ijoollee Israa'elitti in deebi'u.

[4] Inni mo'u sun jabaatee in dhaabata, humna Waaqayyootiin, ulfina maqaa Waaqayyo gooftaa isaatiinis isaan in tiksa; guddinni isaa hamma andaara lafaatti in beekama; warri tika isaa jala jiranis nagaatti in jiraatu.

[5] Isumatu immoo nagaa isaanii ti; yommuu warri Asor biyya keenyatti darban, mana keenya warra jajjaboottis lixan, nuyi geggeessituu torba, gurguddaa namaa saddeetis itti in kaafna.

[6] Isaan warra biyya Asor billaadhaan, warra biyya Naamrodis billaa luqqifamaadhaan in tiksu; inni sun immoo harka warra Asorii dhufanii biyya keenyatti darbanii lafa keenya irra ejjetanii, nu oolcha.

[7] Ijoollee Yaaqoob keessaa warri hafan saba baay'ee gidduutti akka fixeensa Waaqayyo biraa dhufuu, akka tiifuu biqiltuu irratti roobuus in ta'u; nama hin abdatan, ijoollee namaas hin eeggatan.

[8] Ijoollee Yaaqoob keessaa warri hafan namoota lafa irraa keessatti saba baay'ee gidduutti, akka leenca bineensa caakkaa gidduu jiruu ti; isaan akka leenca saafela isa karra hoolotaa gidduu lixee qabee tatarsaasuu, isa namni afaan isaa keessaa oolchu hin jirrees in ta'u.

[9] Harki keessan warra isin cunqursan irratti ol haa ka'u; diinonni keessan hundinuu lafa irraa haa balleeffaman!

[10] Waaqayyo,“Gaafas waanan godhu beeka! Fardeen kee si gidduudhaa nan balleessa, konkolaataa ati lolaaf qopheeffattes nan caccabsa;

[11] mandaroota biyya keetii lafa irraa nan balleessa, marsaa ati qabdu hundumaas lafatti nan dabala;

[12] qoricha ittiin nama doorsiftu si harkaa nan balleessa; moora-ilaaltuus deebitee hin qabaattu;

[13] bifa fakkeenya kee, utuboota dhagaa ati jalatti hirreefattus biyya kee keessaa nan balleessa; ati wanta harka keetiin qopheessitetti deebitee hin sagaddu.

[14] Mukkeetii ati qiqqirixxee waaqayyittii tolfamtuuf dhaabde si gidduudhaa nan bubuqqisa, mandaroota kees nan jijjigsa.

[15] Saba lafa irraa warra anaaf hin dhageenye hundumaa aariidhaa fi dheekkamsaan ijaa nan ba'a” jedhee dubbateera.

Macaafa Miikiyaas Raajichaa — Chapters