[1] Warra siree isaanii irra ciisanii akeeka jal'inaa baasanii hamaa qopheessaniif wayyoo! Kana gochuudhaaf humni harka isaanii keessa waan jiruuf, yommuu lafti bari'u isaan kana hojii irra in oolchu.
[2] Isaan lafa namaa isa kajeelan humnaan in qabatu; mana namaa isa barbaadanis in fudhatu; nama tokko mana isaa wajjin, isa kaanis dhaala isaa wajjin in cunqursu.
[3] Kanaafis Waaqayyo in dubbata, “Ani dhaloota kana irratti wanta hamaa nan yaada; yeroo hamaan ta'uuf waan jiruuf, isin morma keessan isa jalaa baafachuu hin dandeessan; mataa irra-keessa qabattaniis hin adeemtan.
[4] Gaafas weedduu yaada gad fagoo of keessaa qabu isinitti in weeddisu, boo'icha hadhaa'aadhaanis in boo'u, “Nuyi raawwannee diigamneerra, Waaqayyo ga'aa saba keenyaa in geddara; attamitti nu harkaa baasa laata! Inni lafa keenya warra isa gananiif in hira” in jedhu.
[5] Kanaafis wal ga'ii gooftichaa keessatti, nama muka buusuudhaan lafa isiniif hiru tokko illee hin argattan” in jedha.
[6] Isaan,“Hin lallabinaa! Wanti akkasii waan lallabamu miti! Salphinnis nu irra hin ga'u!
[7] Yaa mana Yaaqoob, wanti akkasii in jedhamaa ree” Hafuurri Waaqayyoo obsa dhabee ree” Hojiin isaas kan akkasiitii ree” Isa gara-qajeelinaan deddeebi'uuf immoo dubbiin isaa waan gaarii hin godhuufii ree?” jedhanii in lallabu.
[8] Waaqayyo immoo,“Isin garuu akka diinaatti saba koo irratti in kaatan, warra duulaa deebi'anii“Nagaa dha” jedhanii amanatanii achiin darban irraas wayyaa isaanii isa irra-keessatti uffatan irraa in baafattan.
[9] Dubartoota saba koo mana isaanii isa isaanitti tolu keessaa gad ooftan; simboo ani ijoollee isaaniif kennes bara baraan irraa fudhattan.
[10] Xuraa'ummaan waan isa balleessuuf, badiisi gaddisiisaanis waan isa mancaasuuf, iddoon kun lafa itti boqotan miti; ka'aa asii adeemaa!” jedhe.
[11] Namni tokko dhufee qilleensa keessaa fuudhee soba yoo dhageessise, “Ani waa'ee daadhii waynii fi waa'ee dhugaatii jabaa isinitti nan lallaba” yoo jedhes, saba kanaaf isatu lallabaa dha.
[12] Waaqayyo,“Ani dhuguma hunduma keessan walitti nan sassaaba, yaa sanyii Yaaqoob! Saba Israa'el keessaas warra hafan walitti nan qaba; akka hoolotaa karra tokko keessaa walii wajjin isaan nan teessisa, akka karra dheedicha irra jiruus tuuti namootaa in huursu” jedhe.
[13] Inni cabsee karaa banu isaan dura in ba'a; isaan cabsanii balbala kellichaa keessa darbanii jalaa in ba'u; mootiin isaanii darbee isaan dura in adeema, Waaqayyo isaan dura in bu'a.