[1] Yommus ani warra ijoollee Yaaqoobiif dura buutuu ta'aniin, warra mana Israa'el geggeessaniinis, “Mee dhaggeeffadhaa! Wanta qajeelaa ta'ee fudhatame beekuun isiniif hin ta'uu ree”
[2] Isin garuu wanta gaarii in jibbitu, wanta hamaa immoo in jaallattu; namoota irraa gogaa isaanii, lafee isaanii irraas foon isaanii in qunciftu.
[3] Foon saba kootii kan nyaatu, gogaa isaanii kan irraa baasu, lafee isaanii kan caccabsu, akka nama foon xuwweetti naquudhaaf murmuruu, huurootti naquudhaafis kukkutuu kan godhu, isin!
[4] Yeroon itti isin gara Waaqayyootti iyyitan in dhufa, inni garuu isiniif hin deebisu; isin hamaa waan hojjettaniif, inni yeroo sanatti fuula isaa isin duraa in dhoksa” nan jedhe.
[5] Raajonni warri saba koo karaa irraa kaachisan, waan nyaatan argannaan “Nagaa dha” jedhanii in himu; nama waa afaan hin keenyeen immoo “Lolatu ka'e” in jedhu; Waaqayyo warra akkasii kanaan,
[6] “Isin raajota kanatti halkan isinitti in ta'a, mul'ata hin argitan; isinitti in dukkanaa'a, hoodas hin dubbattan; aduun isin duraa in lixxi, guyyaanis isinitti in dukkanaa'a.
[7] Warri waan akka mul'ataa argaa turan in yeella'u, warri hooda dubbachaa turanis in qaana'u; Waaqayyo biraa deebiin waan dhabameef, hundumti isaanii mataa in qabatu.
[8] Ani garuu Yaaqoobitti irra-daddarbaa isaa, Israa'elitti cubbuu isaa himuudhaaf humna, hafuura Waaqayyoo, wanta dhugaa ta'e beekuu, ija jabina guutuus argadheera.
[9] “Isin warri mana Yaaqoobiif dura-buutuu taatan, warri mana Israa'el geggeessitan kana dhaggeeffadhaa! Wanti qajeelaa ta'ee fudhatame isin in jibbisiisa, wanta qajeelaa hundumaas in jal'iftu.
[10] Isin Xiyoonin dhiiga dhangalaasuudhaan, Yerusaaleminis jal'inaan in ijaartu.
[11] Warri dura-buutuu ishee ta'an gabbarsuu fudhatanii firdii in kennu, luboonni ishee gatii fudhatanii nama in gorsu, raajonni ishees horii fudhatanii hooda in dubbatu; kanuma irratti iyyuu, “Waaqayyo nu gidduu jira mitii ree” Wanti hamaan nu hin argatu” jedhanii ana Waaqayyoon in abdatu” jedhe.
[12] Ammas sababii keessaniif Xiyoon lafa qotiisaa taatee in qotamti, Yerusaalem lafa tuullaa dhagaa caccabaa in taati, tulluun manni qulqullummaa irra jirus lafa ol jedhaa caakkaan fudhate in ta'a.