[1] Yoonaas waa'ee kanaaf baay'ee dallanee, aaree in boba'es;
[2] yommus inni Waaqayyoon kadhatee,“Maaloo yaa gooftaa, utuun biyya kootii hin ka'in, inni ani sodaadhe isuma kana mitii ree” Ati Waaqayyo araara-qabeessa, oo'a-qabeessa, aariitti suuta-jedhaa dha, gaarummaan kee baay'ee dha, wanta hamaa fiduuf jettees in dhiifta; ani kana beekeen harka si dursee Tarshiishitti sokke.
[3] Amma immoo yaa Waaqayyo, ani jiraachuu irra du'uu anaaf wayya, hadaraa lubbuu koo ana keessaa fuudhi!” jedhe.
[4] Waaqayyo immoo deebisee,“Ati aaruun siif in ta'aa ree?” jedheen.
[5] Yommus Yoonaas mandaricha keessaa ba'ee, mandaricha irraa gara ba'a-biiftuutti goree taa'e; achitti godoo baalaa walitti qabatee, wanta mandarattiitti dhufu hamma argutti gaaddisa isaa jala taa'e.
[6] Yommus Waaqayyo gooftaan biqiltuun akka qobboo biqilee, gaaddisa isaa mataa Yoonaas irra buufatee dallansuu isaa akka itti foyyeessuuf godhe; Yoonaas immoo biqiltuu sanatti baay'isee in gammade.
[7] Borumtaa garuu yeroo boruun baqaqutti Waaqayyo, raammoon tokko biqiltuu akka qobboo sana akka ciniintu in godhe; biqiltuun sunis in goge;
[8] yeroo aduun baatetti immoo Waaqayyo, qilleensi ba'a-biiftuu inni gubaan akka isatti qilleensa'u in godhe; aduunis hamma Yoonaas gaggabutti mataa isaa waraane; yommus inni,“Jiraachuu irra du'uu anaaf wayya” jedhee du'uu in hawwe.
[9] Waaqayyo ergasii Yoonaasiin,“Ati waa'ee biqiltuu sanaaf aaruu in tolchitee?” jedhe; inni immoo,“Ani hamma du'aatti aaruuf iyyuu nan tolche” jedhee deebiseef.
[10] Waaqayyo garuu,“Ati biqiltuu waan tokko itti hin dadbabiniif, isa hin guddisiniif, isa halkan tokkotti ba'ee halkanuma tokkotti immoo badeef in gaddita;
[11] mandara Nanawwee keessa namoota kumaatama dhibba tokkoo fi kuma digdama irra caalanii fi horii qe'ee baay'eetu jiraata; namoonni ishee keessa jiraatan sun warra bitaa fi mirga iyyuu gargar baasuu hin dandeenyee dha; egaa ani immoo mandara guddittii namoonnii fi horiin hammasii keessa jiraatan kanaaf garaan ana hin jibbuu ree?” jedhe.