[1] Ergasii dubbiin Waaqayyoo si'a lammaffaa gara Yoonaas dhufee,
[2] “Ka'i, gara Nanawwee mandara guddittii dhaqi, wanta ani akka ati labsituuf sitti himus irratti labsi!” jedhe.
[3] Kana irratti Yoonaas akkuma Waaqayyo isatti himetti ka'ee gara Nanawwee dhaqe; Nanawween fuula Waaqayyoo duratti iyyuu mandara baay'ee guddoo turte, gara tokkoon lixanii gara kaaniin ba'uudhaaf adeemsa guyyaa sadii in fudhata ture.
[4] Yoonaas mandarattii keessa lixuu jalqabee, adeemsa guyyaa tokkoo erga adeemee booddee,“Nanawween gara gaggaluudhaaf guyyaa afurtama duwwaatu hafe!” jedhee labse.
[5] Warri Nanawwee dhaamsa Waaqayyoo kana amananii fudhatan; gurguddaan, xixinnaanis akka soomaniif labsanii, uffata gaddaas in uffatan.
[6] Dubbiin kun mootii Nanawwee bira in ga'e, yommus inni teessoo isaa irraa ka'ee, uffata isaa isa surra-qabeessa of irraa fuudhee, uffata gaddaa uffatee daaraa keessa in taa'e.
[7] Achumaan mootichi guutummaa mandara Nanawweetti labsiin akka labsamu in godhe; labsiin ba'e sunis,“Mootichaa fi gurguddoota isaa biraa akka abboomametti namni, sa'i, bushaayeen, horiin qe'ee warri kaanis, waa afaaniin hin qabin, marga hin dheedin, bishaan iyyuu hin dhugin!
[8] Namnii fi horiin gadda haa uffatan; jabeessaniis gara Waaqayyootti haa iyyan; namni adduma addaan karaa isaa isa hamaa irraa, irree isaa nama irratti argisiisuu irraas haa deebi'u!
[9] Waaqayyo isa fiduuf yaade dhiisee in deebisa ta'a, maaltu beeka” Akka nuyi hin badnettis aarii isaa isa finiinaa irraa in deebi'a ta'a” kan jedhu ture.
[10] Waaqayyo kana gochuu isaanii, karaa isaanii isa hamaa irraa deebi'uu isaaniis in arge; kanaaf inni wanta hamaa isaanitti fiduudhaaf dubbate sana in dhiise, irrattis hin fidne.