[1] Waaqayyo yeroo sanatti, qurxummiin guddaan tokko achitti argamee, Yoonaasin akka liqimsu godhe; akkasitti Yoonaas garaa qurxummichaa keessa guyyaa sadii fi halkan sadii ture.
[2] Yoonaas immoo garaa qurxummichaa keessaa Waaqayyo isaa goofticha in kadhate;
[3] “Yaa Waaqayyo, ani rakkina koo keessatti si nan waammadhe, ati yommus ana jalaa in owwaatte; garaa iddoo lafa jalaa keessaa sitti nan iyyadhe, ati immoo sagalee koo anaaf in dhageesse.
[4] Ati tuujjuba keessatti, garaa galaanaa keessatti na darbatte; bishaan humnaan lola'us ana marsee ture, dha'aan kee fi tuulamee darbatamuun bishaan keetii hundinuu ana irra in yaa'an.
[5] Yommus,“Anoo fuula kee duraa gatameera, deebi'ee mana qulqullummaa kee nan arga laataa?” jedhee nan yaade.
[6] “Bishaanonni mataa koo irra yaa'anii, lubbuu koof in sodaachisan; tuujjubni na marsee, margi bishaan keessaas mataatti na marme.
[7] Yommus ani gara hundee tullootaatti, gara biyya danqaraan isaa bara baraan ana irratti cufameetti gad nan bu'e; ati garuu yaa Waaqayyo gooftaa ko, boolla gad fagoo sana keessaa fayyaatti ol na baafte.
[8] Yeroo lubbuun koo na keessatti gaggabdetti, yaa Waaqayyo ko, ani sin yaadadhe; kadhanni koos mana kee isa qulqullaa'aa keessatti gara kee anaaf in dhufe.
[9] “Warri waaqayyolii tolfaman warra waa'ee hin baafneef safuu buufatan, Waaqayyoon isa gaarummaa isaanitti argisiisu in dhiisu.
[10] Ani garuu sagalee galataatiin, aarsaa siif nan dhi'eessa; wanta ani wareeges nan baasa; fayyisuun kan Waaqayyoo ti!” jedhe.
[11] Ergasii Waaqayyo qurxummichatti in dubbate, inni immoo gara lafa gogaatti baasee Yoonaasin ol deebise.