Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:42

[1] Isin warri sooressonni immoo gadadama isinitti dhufuuf jiruuf boo'aa, wawwaadhaas!

[2] Soorumni keessan in tortora; uffanni keessanis biliidhaan in nyaatama.

[3] Warqeen keessanii fi meettiin keessan sameera; inni same kunis dhugaa isin irratti in ba'a, akka ibiddaas foon dhagna keessanii in nyaata. Guyyoota gara dhumaa kanatti badhaadhummaa walitti qabattaniittu.

[4] Kunoo dadhabbiin warra isin maasii keessan keessaa midhaan haamsifattanii gatii isaanii dhowwachiiftanii in iyya; boo'ichi warra midhaan isiniif sassaaban kanaa gurra Waaqayyoo gooftaa maccaa bira ga'eera.

[5] Qannoo fi gammachuutti lafa irra jiraattaniittu; guyyaan gorra'amuu jala ga'ee utuma jiruu, isin ittuma fuftanii nyaattanii of gabbiftaniittu.

[6] Nama qajeelaatti faraddanii ajjeeftaniittu; inni immoo mormee isin harkatti hin qabu.

[7] Ammas obboloota ko, hamma gooftaan deebi'ee dhufutti obsaan danda'aa! Kunoo, qottuun hamma lafti bokkaa isa dura robuu fi isa booddee roobu argatutti, obsaan danda'uudhaan ija lafaa isa gati-jabeessa in eeggata.

[8] Isinis immoo obsaan danda'aa! Deebi'ee dhufuun gooftaa waan dhi'aateef garaa keessan jajjabeessaa.

[9] Obboloota ko, akka isinitti hin faradamnetti wal rakkiftanii hin aadinaa! Kunoo abbaan firdii balbala dura dhaabatee jira!

[10] Waa'ee waan hamaa isa namatti dhufu baachuu fi waa'ee obsaan danda'uu immoo obboloota ko, fakkeenya raajota warra maqaa gooftaatiin dubbatanii fudhadhaa!

[11] Warra obsa-qabeeyyii turan sana, nuyi akka warra gammachuu qabaniitti isaan in ilaalla. Iyoob attam akka obse dhageessaniittu; wanta gooftaan ittiin raawwates argitaniittu. Kunis gooftichi gara-laafessa, oo'a-qabeessas ta'uu isaa in argisiisa.

[12] Caalaadhumatti immoo hin kakatinaa! Yaa obboloota ko; waaqaan, lafaan, waan biraatiinis hin kakatinaa! Firdii jala akka hin buunetti, wanti ?Eyyee? jettan eyyee haa ta'u, wanti ?Waawuu? jettanis waawuu haa ta'u.

[13] Isin keessaa namni rakkinni itti dhufe jiraa? Inni haa kadhatu! Namni gammadu immoo jiraa? Inni immoo faarfannaadhaan galata haa dhi'eessu.

[14] Isin keessaa namni dhukkubsate jiraa? Inni jaarsolii waldaa kristiiyaanaa haa waamsifatu; isaan immoo maqaa gooftaatiin dibata dibanii kadhata haa godhaniif.

[15] Kadhanni amantiidhaan godhamu kun, isa dhukkubsataa in fayyisa; gooftaan isa in kaasa, cubbuu hojjeteera yoo ta'es in dhiisaaf.

[16] Yoos dhukkubattii akka fayyifamtanitti cubbuu keessan walitti himadhaa, waliifis kadhadhaa! Kadhannaan nama qajeelaa waan baay'ee hojjechuu in danda'a.

[17] Eliyaas nama akka keenyaa ture; kadhata isaa keessatti bokkaan akka hin roobneef yommuu kadhate, waggaa sadii fi ji'a ja'aaf bokkaan biyya sanatti hin roobne.

[18] Yeroo inni deebi'ee kadhatetti immoo, waaqni bokkaa in kenne, laftis midhaan in baase.

[19] Obboloota ko! Isin keessaa namni tokko dhugaa irraa yoo jal'ate, namni biraa deebisee kan isa fidu jiraachuun in ta'a.

[20] Inni nama cubbamaa karaa jal'aa irraa deebise kun, lubbuu du'a oolchuu isaa, baay'ina cubbuus deebi'ee akka hin argamne gochuu isaa haa beeku!

Ergaa Yaaqoob Erge — Chapters