Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:49

[1] Yaa obboloota ko! Gooftaa keenya Yesus Kristos, gooftaa ulfinaatti amantii erga qabaattanii, nama wal hin caalchisinaa!

[2] Fakkeenyaaf namni sooressi tokko amartii warqee kaa'atee, uffata ba'eessas uffatee gara walitti qabama keessanii in dhufa; akkasuma namni hiyyeessi uffata xurii uffatus in dhufa.

[3] Isin namicha uffata ba'eessa uffate sana yaadaan qabdanii, ?Ati iddoo ba'eessa kana taa'i!? jettanii, namicha hiyyeessa sanaan immoo, ?Ati achi dhaabadhu yookiis as miilla koo bukkeedhaan taa'i!? in jettu ta'a.

[4] Yoo akkas ta'e walii keessan gidduutti garaagarummaa fiduu keessan akkasumas warra yaada hamaadhaan faradan ta'uu keessan mitii ree?

[5] Yaa obboloota ko jaallatamoo, dhaggeeffadhaa! Waaqayyo akka isaan amantiitti sooromaniif, mootummaa isaa isa inni warra isa jaallatan abdachiisettis akka galaniif, namoota biyya lafaa duratti hiyyeessota warra ta'an fo'ate mitii ree?

[6] Isin garuu nama hiyyeessa ulfina dhowwitan; warri isin cunqursan, gara yaa'iittis warri isin harkisan sooressota mitii ree?

[7] Maqaa ba'eessa isa isin ittiin waamamtan kan arrabsu isaan mitii ree?

[8] Seera mootichaan kenname akka caaffanni qulqullaa'aan, ?Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!? jedhutti, yoo raawwattan ba'eessa gochuu keessan.

[9] Nama yoo wal caalchiftan garuu cubbuu in hojjettu; seerichis irra-daddarbaa keessaniif yakka isinitti in mura.

[10] Namni tokko seera keessaa warra kaan hundumaa eegee tokko yoo cabse, akka waan hunduma isaanii cabsetti yakki itti in murama.

[11] Inni, ?Hin ejjin? jedhe sun, isuma ?Hin ajjeesin? jedhe sana waan ta'eef, ati yoo ejjuu dhabaatte iyyuu erga ajjeeftee, nama seera irra-daddarbe taateetta.

[12] Akka warra ija seera birmadummaatiin ilaalamanii firdii argattaniitti dubbadhaa, hojjedhaas!

[13] Nama oo'a hin qabnetti, oo'a malee firdiin itti in faradama; oo'i garuu firdii irratti in mo'a.

[14] Yaa obboloota ko! Namni tokko, ?Ani amantii qaba? jedhee, hojii gaarii [isa ittiin amantii qabaachuu isaa argisiisu immoo] hin qabu yoo ta'e, maaliif waa'ee baasaaf ree? Amantiin inni jedhu sun isa fayyisuu danda'aa ree?

[15] Fakkeenyaaf obboleessi tokko obboleettiin tokkos bututtuu in uffatu akkasumas guyyaa guyyaatti nyaata ga'u hin argatan ta'a;

[16] isin keessaa tokko immoo, waan namummaa isaaniif barbaachisu utuu hin kenniniif, ?Nagaadhaan dhaqaa, isinitti haa ho'u, quufaas!? yoo ittiin jedhe, bu'aa maalii qabaaf ree?

[17] Amantiinis akkasuma, hojii gaariidhaan hin argisiifamu yoo ta'e, inni ofii isaatii du'aa dha.

[18] Namni tokko garuu, ?Inni tokko amantii qabaatee, inni kaan immoo hojii gaarii yoo qabaate maal ta'a?? in jedha; ani immoo, ?Ati amma amantii qabaachuu kee hojii gaarii malee na argisiisi! Ani immoo amantii qabaachuu koo hojii koo isa gaariidhaan sin argisiisa.

[19] Waaqayyo tokkichi akka jiru ati in amanta mitii? Ba'eessa goote! Isa kana hafuuronni hamoonni iyyuu in amanu, in roqomus.

[20] Namicha gowwaa nana! Amantiin hojii gaarii yoo argisiisuu dhabaate, waa'ee kan hin baafne akka ta'e beekuu in barbaaddaa?? nan jedha.

[21] Abrahaam abbaan keenya ilma isaa Yisihaqin, iddoo aarsaa irratti yeroo dhi'eesse, hojii isaatiin qajeelaatti lakkaa'ame mitii ree?

[22] Kana keessatti amantiin isaa hojii isaa isa gaarii wajjin wal gargaaraa akka ture, amantiinis hojiidhaan fiixaan akka baafame in argita.

[23] Inni caaffata qulqullaa'aa keessaa, ?Abrahaam Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti in lakkaa'ameef? jedhu in raawwatame; inni fira Waaqayyoo jedhamee in waamame.

[24] Egaa namni amantii duwwaadhaan utuu hin ta'in, hojii gaariidhaan qajeelaatti akka lakkaa'amu in argitu.

[25] Akkasuma Rahaab ejjituunis yeroo warra ergamanii dhufan sana simtee, karaa biraa akka ba'an goote, hojii gaariidhaan qajeeltuutti lakkaa'amtee turte mitii ree?

[26] Akkuma dhagni hafuurri keessaa ba'e, du'aa ta'e akkasuma amantiin hojii gaarii hin argisiifne du'aa dha.

Ergaa Yaaqoob Erge — Chapters