Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:05

[1] Obboloota ko, baay'een keessan barsiisota ta'uutti hin ariifatinaa! Nuyi warri barsiisota taanu warra kaan irra caalaa firdii fudhachuuf akka jirru in beektu.

[2] Nuyi hundumti keenya baay'ee irraa in kaanna; namni dubbii isaatiin irraa hin kaanne nama fiixaan ba'ee dha. Inni akka nama luugama itti kaa'etti, namummaa isaa guutummaatti qabuu in danda'a.

[3] Fardi akka nuuf abboomamuuf afaan isaatti luugama yoo keenye, dhagna isaa guutuu luugamichaan qabnee gara jaallannetti in geessina.

[4] Mee markaba ilaalaa! Markabni hammana utuma guddatuu qilleensa jabaadhaanis utuma oofamuu, batoo xinnoo tokkoon gara inni isa oofuu barbaadetti in geeffama.

[5] Arrabnis akkasuma bu'aa dhagnaa xinnoo tokkoo dha; waan gurguddaa baay'eedhaan of in jaja. Ibiddi hammam xinnaatu illee caakkaa hammam guddatu iyyuu in guba.

[6] Arrabni ibidda; lafas jal'ina hundumaan in guuta. Arrabni bu'aa dhagna keenyaa keessatti iddoo dhaabataa qaba, guutummaa dhagnaas in xureessa; ofii isaatii qilillee ibiddaatiin qabsiifamee, naannoftuu dhalootaa hundumaatti ibidda in qabsiisa.

[7] Namni uumama isaatiin bineensota keessaa, simbirroota keessaa, bineensota lafa irra munyuuqan keessaa, bineensota bishaan keessa jiraatan keessaa leejjisuu in danda'a, leejjiseeras.

[8] Garuu namni arraba leejjisuu danda'u hin jiru; inni hamaa gabii hin qabnee dha, hadhaa du'a fiduunis guutuu dha.

[9] Arabbaan maqaa Waaqayyoo gooftaa in eebbifna, isumaanis namoota fakkaattii Waaqayyootti uumaman in abaarra.

[10] Afaanuma tokko keessaa eebbii fi abaarsi in ba'a; kun akkas ta'uun irra hin jiru, obboloota ko.

[11] Burqaan tokko bishaan miyaa'aadhaa fi hadhaa'aa in yaasaa ree?

[12] Obboloota ko! Mukti harbuu ija ejersaa, mukti wayniis ija harbuu godhachuu danda'aa ree? Akkasuma immoo burqaan horaa bishaan namni dhugu yaasuu hin danda'u.

[13] Isin keessaa namni ogeessi hubataanis jiraa? Inni karaa garraamummaa ogummaa keessaa argamu sanaa, adeemii isaa isa gaariidhaan hojii isaa isa gaarii haa mul'isu.

[14] Garaa keessan keessatti hinaaffaa hadhaa'aa, ofittummaas yoo qabaattan garuu, akka ogummaatti ittiin of hin jajinaa! Dhugaa irrattis soba hin dubbatinaa!

[15] Ogummaan akkasii kun isa lafa irraa ti, kan yaada foonii ti, kan hafuura hamaa ti malee, waaqa irraa isa gad bu'e miti.

[16] Lafa hinaaffaanii fi ofittummaan jiru, hammacamni, wanti hamaan hundinuus jira.

[17] Ogummaan waaqa irraa garuu, hundumaa dura qullaa'aa dha, akkasumas naga-qabeessa, garraamii dha, of kennaa dha; oo'aan, ija gaariidhaanis guutuu dha; garaa hir'uun, of arguu dhabuunis keessa hin jiru.

[18] Karaa isaa warra nagaa buusaniif, sanyiin ija qajeelummaa kennu nagaadhaan in facaafama.

Ergaa Yaaqoob Erge — Chapters