Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:30

[1] Birmadummaatti akka nuyi jiraannuuf Kristos birmaduu nu baase; kanaaf itti jabaadhaa dhaabadhaa! Deebitaniis waanjoo garbummaa jalatti hin qabaminaa!

[2] Ani Phaawulos, isin dhagna yoo of qabsiiftan Kristos homaa waa'ee akka isiniif hin baafne isinitti nan hima.

[3] Namni dhagna of qabsiisu seera guutummaatti eeguun akka isa irra jiru keessa deebi'ee dhugaa nan ba'aaf.

[4] Isin warri seera eeguudhaan qajeelota taatanii lakkaa'amuu barbaaddan, Kristosin of irraa kuttaniittu; ayyaana Waaqayyoo irraas kuftaniittu.

[5] Nuyi karaa hafuura qulqulluu abdii qajeelotatti lakkaa'amu amantii keessaa eeggachaa jirra.

[6] Kristos Yesusiif amantii jaalalaan hojjetutu gatii qaba malee, dhagna qabachuu yookiis dhagna qabachuu dhiisuu miti.

[7] Isin gaarii gootanii dubbii dhugaa duukaa bu'aa turtan; amma garuu dhugaadhaaf akka hin abboomamneef eenyutu isin dhowwe ree?

[8] Dhugaadhaaf akka hin abboomamneef sababii kan isinitti ta'e Waaqayyo isa isin waame miti.

[9] Raacitiin xinnoon ishee guutummaa bukichaa in bokoksa.

[10] Ani immoo karaa gooftaa isin waan tokkoon anattii yaadaan gargar akka hin baane nan amanadha; eenyu iyyuu yoo isin raase adaba isaaf ta'u in argata.

[11] Garuu obboloota ko, amma iyyuu seerri dhagna-qabaa akka eegamu utuun nan lallaba ta'ee, hamma ammaatti iyyuu maaliifan ari'atama ree? Yoos fannoon Kristos namootatti gufuu ta'uun isaa in hafa ture.

[12] Namoonni warri isin raasan kunis utuu xu'aashii of godhanii in wayya ture.

[13] Obboloota ko, isin birmadummaadhaaf waamamtanoo, jaalalaan waliif ergamaa malee, birmadummaan keessan yaada fooniitiif karaa hin kennin!

[14] Guutummaan seeraa dubbii tokkicha isa, ?Nama akka ofii keetiitti jaalladhu!? jedhuun in xumurama.

[15] Isin garuu yoo wal ciniintan, yoo wal nyaattanis akka wal hin fixnetti eeggadhaa!

[16] Ani garuu, ?Hafuuraan geggeeffamaa jiraadhaa malee, fedha foonii hin raawwatinaa!? nan jedha.

[17] Fedhi foonii hafuuraan in morma; hafuurris fooniin in morma; isin waanuma jaallattan akka hin gooneef, isaan kun lamaan waliin in mormu.

[18] Hafuurichaan yoo geggeeffamtan garuu, isin seericha jala hin jirtan.

[19] Hojiin foonii mul'ataa dha. Isaanis halalummaa, xuraa'ummaa, jireenya gad-dhiisii,

[20] waaqayyolii tolfaman waaqessuu, qoricha namatti gochuu, diinummaa, qoccolloo, hinaaffaa, dheekkamsa, ofittummaa, yaadaan gargar ba'uu, barsiisaan gargar cabuu,

[21] weennoo, machii, albaadhummaa, wanta kana fakkaatus. Akkuma ani kanaan dura isinitti himee ture, warri wanta akkasii hojjetan mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye ammas isinitti nan hima.

[22] Iji hojii hafuuraa immoo, jaalala, gammachuu, nagaa, obsa, gaarummaa, arjummaa, amanamummaa,

[23] garraamummaa dha, of dhowwuu dhas; egaa seerri isaan kanaan mormu hin jiru.

[24] Warri kan Kristos Yesus ta'an immoo yaada foonii, hawwa isaa, fedha isaas fannisaniiru.

[25] Nuyi jireenya hafuuraatti yoo jiraanne, hafuura kana duukaa bu'uu keenya.

[26] Egaa kottaa of-dhiibduu, walitti naqxuu, walitti hinaaftuu ta'uu in dhiifnaa!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Galaatiyaatti Erge — Chapters