[1] Ani Phaawulos, namoota biraa yookiis karaa nama tokkoo utuu hin ta'in, Yesus Kristosiin, Waaqayyo abbaa isa Kristosin du'aa kaaseen ergamee,
[2] nagaa koo, nagaa obboloota anaa wajjin jiran hundumaas waldoota kristiyaanaa kutaa biyya Galaatiyaatiif nan dhi'eessa.
[3] Waaqayyo abbaan keenya, gooftaan keenya Yesus Kristosis ayyaana, nagaas isiniif haa kennu!
[4] Kristos akka fedha Waaqayyoo abbaa keenyaatti bara hamaa isa si'anaa kana keessaa nu baasuudhaaf jedhee, sababii cubbuu keenyaaf dabarsee of kenne.
[5] Baraa hamma bara baraatti Waaqayyoof hooqubaan haa ta'u! Ameen.
[6] Isa karaa ayyaana Kristos isin waame irraa garagaltanii, akkas ariifattanii gara wangeela kan biraatti goruu keessaniif nan dinqifadha.
[7] Wangeelli biraa illee hin jiru; garuu namoonni isin wallaalchisanii, wangeela Kristos garagalchuudhaaf barbaadan tokko jiru.
[8] Haa ta'u iyyuu malee, ani yookiis ergamaan waaqa irraa tokko, wangeela isa nuyi kanaan dura isinitti himnettii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u!
[9] Akkuma ani kanaan dura dubbadhe, ammas immoo keessa deebi'ee nan dubbadha; eenyu illee wangeela isa isin fudhattanittii kan gargar ba'e yoo isinitti hime, abaaramaa haa ta'u!
[10] Ani amma namoota moo yookiis Waaqayyoon tole jechisiisuudhaafan dubbadha ree? Yookiis namoota gammachiisuu nan barbaadaa ree? Amma iyyuu utuun namoota gammachiisee, hojjetaa Kristos hin ta'un ture.
[11] Ammas yaa obboloota ko! Wangeelli inni ani lallabe, waan namni of keessaa fuudhee dubbate akka hin ta'in, isinittan hima.
[12] Yesus Kristos anatti mul'achuu isaatiin wangeelicha nan argadhe malee, ani namattii isa hin fudhanne, namnis ana hin barsiifne.
[13] Amantii warra Yihudootaatti qabamee yommuun jiraachaa ture, gar-malee waldaa Waaqayyoo ari'achaa, balleessuudhaafis dhama'aa akkan ture dhageessaniittu.
[14] Yihudoota akka kootii warra akka amantii warra Yihudootaatti jiran keessaa hiriyoota koo nan caalan ture; seera muka abbaa keenyaatiifis caalchisee nan hinaafan ture.
[15] Waaqayyo garaa haadha kootii jalqabee na fo'achuutti ayyaana isaatiinis na waamuutti gammade.
[16] Yeroo ofii jaallatettis warra saba isaa hin ta'in gidduutti isuma wangeela godhee akkan lallabuuf, ilma isaa kana yommuu anatti mul'ise, ani duraan dursee mareedhaaf gara nama foon uffatee hin dhaqne;
[17] gara warra na dura ergamoota ta'aniittis Yerusaalemitti ol hin baane, garuu biyya Arabaa dhaqee Damaasqootti nan deebi'e.
[18] Ergasii waggaa sadii turee, Phexrosii wajjin wal baruudhaaf Yerusaalemitti ol ba'een, guyyaa kudha shan isa bira ture.
[19] Yaaqoobin obboleessa gooftaa irraa kan hafe, ergamoota warra kaan keessaa tokko iyyuu hin argine.
[20] Kunoo, waan ani isiniif caafu keessatti hin sobu, dhugaa Waaqayyoo ti!
[21] Ergasiin gara kutaa biyya Sooriyaa fi Qiliiqiyaa dhaqe.
[22] Waldoonni kristiyaanaa biyya Yihudaa fuula koo hin beekan turan.
[23] Garuu isa warri kaan, ?Namichi inni takka nu ari'achaa ture, amantiidhuma isa dur balleessuudhaaf dhama'aa ture sana lallabaa jira? jedhan duwwaa dhaga'an.
[24] Isaanis sababii kootiif Waaqayyoof hooqubaa dhi'eessaniiru.