[1] Isin yaa warra wallaalota Galaatiyaa! Fannifamuun Yesus Kristos akka waan caafamee rarraafameetti ija keessan dura ture; kana deebitanii akka wallaaltaniif eenyutu qoricha isinitti godhe?
[2] Waan seerri isin irraa barbaadu gochuudhaan moo yookiis wangeela dhageessanii itti amanuudhaan hafuura qulqulluu fudhattan? Kana duwwaa isin irraa baruu nan barbaada.
[3] Attam akkas wallaalota taatu? Hafuura qulqulluudhaan jalqabdanii, amma immoo yaada fooniitiin raawwachuu barbaadduu ree?
[4] Waan baay'ee akkasii miyeeffachuun keessan wanta waa'ee hin baafneef turee ree? Waa'ee baasuu dhiisuu duwwaa yoo ta'eefoo!
[5] Isa seerri isin irraa barbaadu waan hojjettaniif moo yookiis wangeela dhageessanii waan itti amantaniif Waaqayyo hafuura isaa isiniif kennee, hojii aangoos isin keessatti hojjeta?
[6] Abrahaamin yoo ilaalle, ?Inni Waaqayyoon amanate, kunis qajeelummaatti lakkaa'ameef? kan jedhu caafameera.
[7] Egaa warri amanan Abrahaamiif ilmaan akka ta'an hubadhaa!
[8] Waaqayyo warra saba isaa hin ta'in amantiidhaan qajeelota gochuuf akka jiru, duraan dursee caaffata qulqullaa'aa keessatti dubbachiiseera; inni Abrahaamiin, ?Sabni hundinuu siin in eebbifamu? jedhee duraan dursee misraachoo itti himeera.
[9] Egaa warri amanan, Abrahaam isa amanee wajjin in eebbifamu.
[10] Warri waan seerri isaan irraa barbaadu hojjechuu isaanii abdatan, abaarsa jala jiru; caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni wanta macaafa seerichaa keessatti caafame hundumaa gochuutti qabamee hin jiraanne abaaramaa dha!? in jedha.
[11] Namni tokko illee hojii seeraa raawwachuudhaan Waaqayyo biratti qajeelaa ta'ee akka hin lakkaa'amne mul'ataa dha; ?Namni amantiidhaan fuula Waaqayyoo duratti qajeelaa ta'e jireenya dhugaa in argata? in jedha.
[12] Seerri garuu amantii irra hin dhaabatu; haa ta'u iyyuu malee, ?Namni wanta seerichi barbaadu hojjetu ittiin in jiraata? kan jedhu caafameera.
[13] Kristos immoo nuuf jedhee abaaramaa ta'uudhaan, abaarsa isa seerichi nutti fidu jalaa nu fureera; akkuma caafame, ?Namni mukatti rarraafame abaaramaa dha? in jedha.
[14] Eebbi Abrahaam argate, karaa Kristos Yesus saba Waaqayyoo warra hin ta'in hundumaaf akka kennamuuf, hafuura isa Waaqayyo abdachiises amantiidhaan akka fudhannuuf Kristos nu fureera.
[15] Obboloota ko, waan naanna'aa keenyatti hojjetamu yoo ilaalle, dhaamsa namni du'uuf jedhu kennu, erga seeraan fudhatamee booddee, eenyu illee gatii hin dhabsiisu yookiis waa itti hin dabalu.
[16] Egaa Waaqayyo Abrahaamii fi hidda isaatiif abdii kenneera; caaffanni qulqullaa'aan, akka nama baay'eedhaaf dubbatamutti ?Hiddoota? hin jedhu, akka nama tokkoof dubbatamutti ?Hidda? jedha, innis Kristos.
[17] Kana jechuun koos, seerri inni waggaa dhibba afurii fi soddoma booddee kenname sun, abdii sana balleessuudhaaf, kakuu Waaqayyo duraan dursee galee ture diiguu hin danda'u, jechuu koo ti.
[18] Fayyina argachuun seeratti hidhameera yoo ta'e immoo, si'achi abdii Waaqayyootti hidhamuu hin danda'u; haa ta'u iyyuu malee, Waaqayyo kennaa ayyaana isaa Abrahaamiif karaa abdii sanaa kenneef.
[19] Egaa seerri maaliif dhimma baasa ree? Hamma hiddi inni abdichi gara isaa ilaalu dhufutti, seerri, irra daddarbuun maal akka ta'e mul'isuudhaaf dabala ta'ee kenname; seerri ergamoota Waaqayyootiin karaa namicha isa isaaniif namoota gidduu dhaabatee kenname.
[20] Inni gidduu dhaabatu illee tokkoof hin dhaabatu, Waaqayyo garuu tokko.
[21] Egaa seerri abdii Waaqayyo abdachiiseen in mormaa ree? Kun matumaa hin ta'u! Seerri nama jiraachisuu danda'u utuu kennameera ta'ee, seera eeguudhaan qajeelummaan in argama ture.
[22] Abdiin Yesus Kristositti amanuudhaan akka argamuuf kenname, warra isatti amananiif akka raawwatamuuf, caaffanni qulqullaa'aan waan hundumaa cubbuu jalatti boojisiise.
[23] Utuu amantiin hin dhufin dura, hamma gaafa inni mul'ifameetti booji'amnee harka seeraa jalatti hidhamnee turre.
[24] Nuyi amantiidhaan qajeelota taanee akka lakkaa'amnuuf, seerri adabduu keenya isa gara Kristositti nu geessu ture.
[25] Amantiin erga dhufee garuu, nuyi si'achi harka adabduu jala hin jiraannu.
[26] Amantiidhaan isin hundumti keessan karaa Kristos Yesus ilmaan Waaqayyoo ti.
[27] Warri Kristositti dabalamuudhaaf cuuphamtan Kristosin akka uffataatti uffattaniittu.
[28] Karaa Kristos Yesus isin hundumti keessan tokko; Yihudii yookiis Griikii; garba yookiis birmaduu, dhiira yookiis dubartii gidduu garaagarummaan hin jiru.
[29] Erga kan Kristos taatanii, yoos isin sanyii Abrahaam; waan Waaqayyo abdachiises in argattu.