[1] Akka ijoollee jaallatamootti fakkeenya Waaqayyoo fudhadhaa!
[2] Kristos akkuma nu jaallate, isinis immoo jaalalatti jiraadhaa! Inni aarsaa fooliin isaa tolu, qalma Waaqayyoof dhi'aatus godhee nuuf jedhee dabarsee of kenneera.
[3] Akka warra Waaqayyoof qulqullaa'aniitti jiraadhaa malee, halalummaan, xuraa'ummaan hundinuu, sassatis isin gidduutti hin dhaga'amin iyyuu.
[4] Dubbii galateeffachiisu malee, dubbiin gurratti hin tolle, dubbiin midhaan hin qabne, qoosaan hin taanes hin dubbatamin!
[5] Namni halaleen yookiis xuraa'aan yookiis sassataan mootummaa Kristosii fi mootummaa Waaqayyootti galuu akka hin dandeenye beekaa! Namni sassataan waaqayyolii tolfaman waaqessuu isaa ti.
[6] Sababii wanta kana hundumaatiif dheekkamsi Waaqayyoo warra isaaf hin abboomamne irratti in dhufa; homtinuu dubbii hundee hin qabneen isin hin gowwoomsin!
[7] Hidhata namoota akkasii kana hin ta'inaa!
[8] Isin dur dukkanaa'oo turtan, amma garuu karaa gooftaa iftaniittu; egaa akka ijoollee ifaatti jiraadhaa!
[9] Wanti ifa keessaa ba'u, gaarummaa, qajeelummaa, dhugaa hundumaa keessatti in argama.
[10] Wanta gooftaatti tolu qoraa bira ga'aa!
[11] Hojii dukkanaa, isa wanti dhimma baasu keessaa hin baane, bakkeetti baasaa malee, ittii hin hirmatinaa!
[12] Namoonni hojii akkasii keessaa qaban jiru; waan isaan dhoksaatti hojjetan immoo dubbachuun iyyuu yeelloo dha.
[13] Wanti ifichi bakkeetti baasu hundinuu mul'ataa in ta'a;
[14] wanti bakkeetti baafamu hundinuu ifaa dha. Kanaaf, ?Ati yaa isa raftuu, dammaqi! Warra du'an keessaa ka'i, Kristos siif in ibsa? jedhame.
[15] Egaa attamitti akka deddeebitan haleelaa ilaaladhaa! Akka warra ogeessotaatti malee, akka warra ogeessota hin ta'iniitti hin jiraatinaa!
[16] Guyyoonni kun guyyoota gadhee waan ta'aniif, yeroo isiniif kenname utuu hin dabarsin itti hojjedhaa!
[17] Kanaaf jaalalli gooftaa maal akka ta'e hubadhaa malee, wallaalota hin ta'inaa!
[18] Dhugaatiidhaan machooftanii of hin wallaalinaa, isaanis of hin balleessinaa! Qooda kanaa hafuura qulqulluudhaan guutamaa!
[19] Qooqa garaa garaatiin, faarfannaa galataatiin, weedduu hafuuraatiinis wal harkaa fuudhaa! Garaa keessan keessatti faarfachaa galata gooftaa dhageessisaa!
[20] Yeroo hundumaa waan hundumaafuu maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin Waaqayyo abbaadhaaf galata galchaa!
[21] Kristosin safeeffachuudhaan waliif abboomamaa!
[22] Haati manaa akkuma gooftaa Yesusiif abboomamtu abbaa manaa isheetiifis haa abboomamtu!
[23] Kristos mataa waldaa kristiiyaanaa akkuma ta'e, abbaan manaas mataa haadha manaa ti; Kristos fayyisaa waldaa kristiiyaanaa ti; waldaan immoo dhagna isaa ti.
[24] Waldaan kristiiyaanaa harka Kristos jala akkuma of galchitu, haati manaas waan hundumaatti harka abbaa manaa isheetii jala of haa galchitu.
[25] Kristos akkuma waldaa kristiiyaanaa jaallate, waldaadhaafis dabarsee of kenne, akkasuma abbaan manaas haadha manaa isaa haa jaallatu!
[26] Waldaan kristiiyaanaa Waaqayyo biratti fudhatamtu akka taatutti, Kristos karaa dubbii isaatii bishaaniin dhiquudhaan ishee in qulleessa.
[27] Waldaas xurii fi dirmammuun, wanti kana fakkaatus utuu irratti hin argamin fudhatamtuu mudaa hin qabne godhee, ulfinaan of dura ishee dhaabuuf jira.
[28] Akkasuma immoo abbaan manaa akkuma dhagna ofii isaa jaallatutti, haadha manaa isaa jaallachuun in ta'aaf; namni haadha manaa isaa jaallatu ofii isaa in jaallata.
[29] Namni foon isaa in soora, in dhimmaaf malee, takkaa foon isaa jibbee hin beeku; Kristosis waldaadhaaf akkasuma godhe.
[30] Nuyi bu'aa dhagna Kristos.
[31] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Sababii kanaaf dhiirri abbaa isaa fi haadha isaa in dhiisa, haadha manaa isaattis in maxxana; isaan lachanuus foon tokko in ta'u? in jedha.
[32] Dubbiin kun dhoksaa gad fagoo of keessaa qaba; inni waa'ee Kristosii fi waa'ee waldaa kristiiyaanaa in dubbata jechuu koo ti.
[33] Dubbiin kun isinis immoo in ilaala; tokkon tokkon abbaa manaa akkuma kanatti haadha manaa isaa akka ofii isaatiitti haa jaallatu; haati manaas abbaa manaa isheetiif ulfina haa kennitu!