Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:27

[1] Egaa ani waa'ee hojii gooftaatiif hidhamee kanan jiru, waamicha isa itti waamamtan sanaaf akka ta'utti akka jiraattan isin nan gorsa.

[2] Gad of deebisuu fi garraamummaa hundumaan, obsaanis walii wajjin jiraadhaa, jaalalaanis waliif danda'aa!

[3] Hidhaa nagaatiin tokkummaa hafuura qulqulluu of harkatti eeggachuudhaaf dhama'aa!

[4] Akkuma abdiin waamichaa inni isin itti waamamtan tokkicha ta'e, dhagni tokko, hafuurris tokko;

[5] gooftaan tokko, amantiin tokko, cuupphaan tokko.

[6] Waaqayyoo fi abbaan waan hundumaa tokkicha, inni waan hundumaa irra jira waan hundumaan in hojjeta, iddoo hundumaa jiras.

[7] Tokkon tokkon keenya garuu akka safara kennaa Kristositti ayyaana arganneerra.

[8] Kanaaf caaffanni qulqullaa'aan, ?Inni gara waaqaatti yeroo ol ba'e, boojuu booji'ee dhaqee, namootaafis kennaa kenne? in jedha.

[9] Amma, ?Ol ba'e? yommuu jedhu maal jechuu isaa ti? Dura biyya lafaa kana keessaa gara iddoo gadiitti gad bu'e jechuu dha.

[10] Isuma gad bu'e sanatu, waaqaa fi lafa ofii isaatiin guutuudhaaf bantiiwwan waaqaa hundumaa gara irraatti ol ba'e.

[11] Isumatus namootaaf kennaa kenne; kennaan isaas kaan ergamoota, kaan waan Waaqayyo isaanitti mul'ise warra himan, kaan warra wangeela lallaban, kaan eegdota, kaanis barsiisota akka ta'aniif ture.

[12] Inni warra Waaqayyoof qulqullaa'an, hojii isa itti ergaman sanaaf qopheessuudhaaf, [waldaa isa] dhagna Kristos sanas cimsuudhaaf kana godhe.

[13] Kunis hamma hundumti keenya tokkummaa amantii, ilma Waaqayyoo beekuu namoota ga'an taanee, guddannees safara guutummaa Kristos bira hamma geenyutti ta'a.

[14] Egaa nuyi si'achi ijoollee dha'aan asii fi achi rukutu, warra qilleensa barsiisa namoota axaarotaatiin, haxxumaa isaanii isa gowwoomsaadhaan raawwatamuunis fudhataman hin taanu.

[15] Kanaa mannaa jaalalaan dubbii dhugaa dubbachaa, kottaa karaa hundumaan gara isa mataa nuuf ta'ee, gara Kristositti in guddanna!

[16] Isa jalatti bu'aan dhagnaa hundinuu wal fudhatanii, buusaa adduma addaan argataniin walitti qabsiifamaniiru; yeroo bu'aan dhagnaa adduma addaan tooraan hojjetuttis, dhagnichi in guddata, jaalalaanis of in cimsa.

[17] Egaa si'achi akka warra saba Waaqayyoo hin ta'iniitti yaada waa'ee hin baafne duukaa buutanii akka hin jiraanne maqaa gooftaatiin cimsee isinan gorsa.

[18] Isaan sammuun isaanii dukkaneeffameera; sababii Waaqayyoon beekuu hin barbaanneef, sababii mata-jabina isaaniitiifis jireenya isa Waaqayyo kennu keessaa gad baafamaniiru.

[19] Isaan of qabuu dadhabanii jireenya gad-dhiisiitti of kennaniiru; wanta nama xureessu hundumaa in hojjetu, in ga'as hin jedhan.

[20] Isin garuu Kristosin akkasitti hin barre.

[21] Silaa waa'ee isaa dhaga'uun keessan, akka dhugaa isa Yesus keessa jiruttis maqaa isaatiin barsiifamuun keessan hin oolle!

[22] Yaada namummaa moofaa isa dur itti jiraachaa turtan, isa kajeellaa nama gowwoomsuun manca'e of keessaa baasaa!

[23] Hafuura yaada garaa keessanii keessattis haareffamaa!

[24] Namummaa haaraa isa qajeelummaa fi qulqullummaa dhugaatti, fakkaattii Waaqayyootiin uumame uffadhaa!

[25] Kanaafis namni adduma addaan soba of keessaa baasee, dhugaa namatti haa dubbatu! Nuyi bu'aa dhagna walii ti.

[26] Yoo aartan iyyuu aariin keessan gara cubbuutti isin hin geessin! Utuma aariitti jirtaniis aduun isin duraa hin lixin!

[27] Seexanaaf karaa hin kenninaa!

[28] Inni hatu deebi'ee hin hatin, warra dhaban gargaaruu akka danda'utti hojii waa'ee baasu harka isaatiin itti dadhabee haa hojjetu malee.

[29] Dubbii gargaaru, yeroo barbaachisutti kan cimsu, warra dhaga'uufis ayyaana kan kennu malee, dubbiin hamaan afaan keessan keessaa hin ba'in!

[30] Hafuura Waaqayyoo isa qulqulluu, isa guyyaa fayyinaatiif ittiin mallateeffamtan hin gaddisiisinaa!

[31] Hadhaa'umaan, dheekkamsi, aariin, waci, maqaa wal balleessuun, hamminni hundinuu isin irraa haa fagaatu!

[32] Walitti kan toltan, garaas kan waliif laaftan ta'aa; akkuma Waaqayyo karaa Kristos cubbuu keessan isiniif dhiise, isinis akkasuma waliif dhiisaa!

Ergaa Phaawulos Gara Warra Efesoonitti Erge — Chapters