[1] Isin kanaan dura irra-daddarbaa keessanii fi cubbuu keessaniin [karaa hafuuraa] duutanii turtan.
[2] Yeroo sanatti isin toora biyya lafa kanaa duukaa buutanii deddeebi'aa, aboo qilleensa keessa jiru irratti isa gooftummaa qabuuf abboomamaa turtan; hafuurichi hamaan amma namoota Waaqayyoof hin abboomamne gidduutti hojjechaa jira.
[3] Nus hundumti keenya hawwa foon keenyaa duukaa buunee, akka fedha namummaa keenyaa fi yaada keenyaatti warra akkasii gidduu jiraanneerra; kana irraa kan ka'es akkuma warra kaanii dhalootaan dheekkamsa Waaqayyoo jala gallee turre.
[4] Araarri Waaqayyoo garuu baay'ee waan ta'eef, jaalala isaa isa guddaa sanaan nu jaallate.
[5] Nuyi irra-daddarbaa keenyaan karaa hafuuraa du'oo taanee utuma jirruu, inni warra Kristosii wajjin jiraatan nu godhate; isin ayyaana Waaqayyootiin fayyifamtan.
[6] Karaa Kristos Yesus isumaa wajjin du'aa nu kaase, isumaa wajjin bantii waaqaa keessaa iddoo nuuf kenne, nu teessises.
[7] Inni arjummaa karaa Kristos Yesus nuuf godhe sanaan, bara dhufu hundumaattuu baay'ina ayyaana isaatii isa hammas hin jedhamne argisiisuudhaaf kana godhe.
[8] Isin ayyaana Waaqayyootiin karaa amantii fayyifamtan; inni immoo kennaa Waaqayyoo ti malee, gochaa ofii keessanii miti;
[9] hojiidhaanis miti, namni tokko illee akka ittiin of hin janyetti.
[10] Nuyi hojii harka isaatii ti, hojii gaarii isa Waaqayyo duraan dursee qopheesse keessa akka deddeebinuuf karaa Kristos Yesus uumamne.
[11] Isin warri saba Waaqayyoo hin ta'in, ?Warra dhagna qabatan? waan harkaan dhagna namaa irratti hojjetamuun warra of waaman biratti, ?Warra dhagna hin qabatin? jedhamtanii akka waamamaa turtan yaadadhaa!
[12] Yeroo sanatti isin Kristosii wajjin homaa walittii hin qabdan turtan; waldaa ijoollee Israa'elitti orma, kakuu abdii isaanii keessaa kan hin qabne, ofii abdii kan hin qabne, biyya lafaattis Waaqayyo malee akka turtan yaadadhaa!
[13] Amma garuu Kristos Yesusii wajjin tokkummaa qabaachuudhaan isin warri dur fagaattanii turtan dhiiga Kristosiin dhi'eeffamtaniittu.
[14] Kristos nagaa keenya; inni keenyan diinummaa isa gidduu ture diigee, warra Yihudoota hin ta'in Yihudootas, lamaanuu tokko godheera.
[15] Inni nagaa buusuudhaan qooda gosa lamaanii namummaa haaraa isatti argamu tokko akka uumuuf abboommotaa fi toora seera sanaa namoota irraa kaase.
[16] Fannoo irratti du'uudhaan gosa lamaanuu akka dhagna tokkotti, Waaqayyotti araarsuudhaaf, ofii isaatiin diinummaa balleesse.
[17] Inni dhufee isin warra fagoo turtanitti isaan warra dhi'oo turanittis misraachoo nagaa lallabe.
[18] Nuyi lamaanuu hafuuruma tokkoon karaa isaa akka itti abbaa bira geenyu qabna.
[19] Egaa isin si'achi warra Waaqayyoof qulqullaa'anii wajjin warra biyyaa, warra mana Waaqayyoo tis malee, orma, nama biyya diidaas miti.
[20] Isin hundee ergamootaa fi raajotaa irratti ijaaramtaniittu, Kristos Yesus immoo ofii isaatii dhagaa golee qajeelchuu dha.
[21] Guutummaan ijaarsa sanaa isumaan walitti qabamee, mana qulqullummaa Waaqayyoo ta'uudhaaf gooftaatti in guddata.
[22] Isinis immoo isumaan mana isa Waaqayyo hafuura isaatiin keessa jiraatu taatanii itti ijaaramuu keessan.