[1] Ana isa maanguddicha biraa, haa ga'u gara Gaayos jaallatamaa isa ani dhugaadhaan jaalladhu!
[2] Yaa michuu ko! Akkuma karaa lubbuu sitti tole, karaa hundumaan akka sitti tolu, akka ati fayyaa taatus nan kadhadha.
[3] Obboloonni tokko dhufanii, dhugaatti qabamtee akka jiraattu, dhugaadhaaf amanamuu kee mul'isanii yommuu dubbatan, guddaan gammade.
[4] Ijoolleen koo dhugaatti qabamanii jiraachuu isaanii dhaga'uun gammachuu koo ti; gammachuu kana irra caalus hin qabu.
[5] Yaa michuu ko! Waan obbolootaaf, caalaadhumatti immoo keessummootaaf gootu amanamummaadhaan in hojjetta.
[6] Obboloonni keessummummaaf dhufan sun waa'ee jaalala kee waldaa kristiiyaanaa duratti mul'isanii dubbataniiru; Waaqayyo duratti qajeelaa akka ta'utti karaadhaaf waan isaan barbaachisu laateefii, yoo isaan geggeessite gaarii hojjechuu kee ti.
[7] Isaan maqaa Kristosiin barsiisuudhaaf ba'aniiru; warra amantoota hin ta'in irraas homaa hin fudhatan.
[8] Nuyi dubbii dhugaa kana keessatti hidhata isaanii ta'uudhaaf namoota akkasii kana simannee gargaaruun nuuf in ta'a.
[9] Ani waldaa kristiiyaanaatiif waan tokko caafeera; Diyotreefes inni geggeessituu ta'uu barbaadu immoo nu hin dhaga'u.
[10] Egaa yoon dhufe, waan inni hojjetuuf isa inni dubbii hundee hin qabneen maqaa keenya balleessu hundumaa nan kaasa; kunumtuu isa ga'uu dinnaan, ofii isaatii obboloota warra diidaa dhufan dhaga'uu dide; warra obboloota kana dhaga'uu barbaadan immoo dhowwee, waldaa kristiiyaanaa keessaa in baasa.
[11] Yaa michuu ko! Waan hamaa hin akkeessin waan gaarii akkeessi malee; namni waan gaarii hojjetu, kan Waaqayyoo ti; namni waan hamaa hojjetu Waaqayyoon hin argine.
[12] Namoonni hundinuu, waa'ee Demeexrosiif waan gaarii mul'isanii in dubbatu; ija dhugaa durattis waan gaariitu dubbatamaaf; nus immoo kana mul'ifnee in dubbanna, atis inni nuyi mul'ifnee dubbannu kun dhugaa akka ta'e in beekta.
[13] Kanan siif caafu illee waan baay'ee qaba; garuu biriidhaa fi qalamiidhaan siif caafuu hin barbaadu.
[14] Afaaniin walii wajjin akka haasofnuuf dafee si arguu nan abdadha.
[15] Nagaan siif haa ta'u, firoonni kee nagaa siif ergu; tokkuma tokkoon maqaa dha'iitii firoota keenyatti nagaa nuuf himi!