Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:23

[1] Nama jaarsa akka abbaatti gorsi malee, hin ifatin! Namoota gara ijoollee akka obbolootaatti isaan qabi!

[2] Dubartoota maangoddoota akka haadhotaatti, warra gara ijoollees yaada qullaa'aadhaan akka obboleetotaatti gorsi!

[3] Warra abbaan manaa irraa du'e, dhugumaanis gargaartuu hin qabnetti ulfina argisiisi!

[4] Isheen abbaan manaa irraa du'e ijoollee yookiis akkoo yoo qabaatte immoo, ijoolleen sun duraan dursanii wanta karaa amantii isaanii maatii ofii isaaniif gochuun isaan irraa barbaadamu haa baran; akkasumas dugda warra isaanii haa deebisaniif, inni kun Waaqayyo duratti fudhatamaa dha.

[5] Isheen dhugumaan abbaan manaa irraa du'e, nama gargaaru malee hafte, abdii ishee Waaqayyo irra kaa'atteetti, halkanis guyyaas himataa fi kadhata itti in fufti.

[6] Isheen abbaan manaa irraa duunaan qannaniitti of gad dhiifte garuu, fayyaatti utuma jirtuu iyyuu duutuu dha.

[7] Warra waan ittiin jedhan hin qabne ta'anii akka argamaniif, gorsa kana akka fudhataniif isaan barsiisi!

[8] Namni tokko akkasitti fira isaatiif, caalaadhumatti immoo warra mana isaatiif yoo yaaduu dhabaate, inni amanticha ganuu isaa ti, nama hin amanin caalaas hammaachuu isaa ti.

[9] Dubartiin tarree warra abbaan manaa irraa du'aniitti caafamtu, barri ishee waggaa jaatamaa gad hin ta'in; duraan immoo dubartii abbaa manaa tokkichaa kan turte haa taatu.

[10] Hojii gaarii hojjechuu isheetiif, ijoollee akka ta'utti guddisuu isheetiif, keessummoota simuu isheetiif, warra Waaqayyoof qulqullaa'aaniif miilla dhiquu isheetiif, warra rakkatan gargaaruu isheetiif, karaa hundumaas hojii gaariidhaaf of kennuu isheetiif, maqaa gaarii kan qabdu ta'uun ishee irra jira.

[11] Dubartoota gara ijoollee warra abbaan manaa irraa du'e garuu tarree isaaniitti hin dabalin! Hawwiin foonii yeroo itti cimu, isa takka Kristosiif of kennanii heerumuu dhiisan irraa deebi'anii heerumuu in kajeelu.

[12] Kakuu takka isaaf galan cabsuu isaaniitiifis yakki itti in murama.

[13] Kana malees, hojii malee taa'uu in baru, manaa manas in labu; hojii malee taa'uu duwwaas utuu hin ta'in, jette-jettee in baay'isu, dhimma namaa keessas in lixu, wanta dubbachuun isaaniif hin taanes in dubbatu.

[14] Kanaafis diinni hamaa nu irratti akka dubbatuuf karaa akka hin kennineefitti, dubartoonni abbaan manaa irraa du'an warri gara ijoollee akka heeruman, ijoollees akka godhatan, manas akka qaban nan barbaada.

[15] Kaan immoo kanumaan dura iyyuu Seexana duukaa bu'uudhaaf karaa irraa goraniiru.

[16] Dubartiin amante tokko firoota abbaan manaa irraa du'an yoo qabaatte, isheen isaan haa gargaartu! Waldaan kristiiyaanaa immoo warra abbaan manaa irraa du'anii, dhuguma gargaarsa hin qabne haa gargaartu! Ba'aan warra kan biraas itti hin dabalamin!

[17] Maanguddoonni warri ba'eessa godhanii hojii waldaa geggeessan, addumaan immoo warri lallabaa fi barsiisatti dadhabanii hojjetan, gatii dadhabbii isaanii dachaa lama ulfinaan argachuun isaaniif in ta'a.

[18] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Qotiyyoo siribsiisuu irra jiru afaan isaa hin hidhin!? in jedha; akkasumas, ?Hojjetaan gatii dadhabbii isaa argachuun in ta'aaf? kan jedhu barsiifameera.

[19] Dhuga-baatuu lama yookiis sadii yoo qabaate malee, hadheessa maanguddoo tokko irratti dhi'aate hin fudhatin!

[20] Warra cubbuu hojjetan immoo, warri hafan akka sodaatanitti, hundumaa duratti ifadhu!

[21] Seerrata kana wal caalchisuu malee, nama tokkos utuu hin loogin akka eegduuf Waaqayyo duratti, Kristos Yesus, ergamoota Waaqayyoo warra fo'aman durattis kaksiisee sitti dabarsuu koo ti.

[22] Harka mataa namaa irra kaa'uutti hin ariifatin, cubbuu nama biraattis hin galin! Ati ofii kee qullaa'ummaatti eeggadhu.

[23] Si'achi sababii garaa keetii fi sababii ammaa-amma dadhabbiin sitti dhaga'amuufis daadhii waynii xinnoo itti dabalii dhugi malee, bishaan duwwaa hin dhugin!

[24] Cubbuun nama tokko tokkoo, dura bakkeetti mul'atee gara firdiitti isa geessa; cubbuun warra kaanii garuu booddeedhaan in mul'ata.

[25] Hojiin gaariinis akkasuma bakkeetti in mul'ata, yoo mul'ataa ta'uu dhabaates dhokatee hafuu hin danda'u.

Ergaa Phaawulos Gara Thimotewositti Erge Isa Duraa — Chapters