[1] Ammas waan hundumaa dura himannaan, kadhannaan, warra kaaniif dubbachuun, galata dhi'eessuunis Waaqayyo duratti nama hundumaaf akka godhamuuf nan gorsa.
[2] Nagaatti gabiitti akka namoota Waaqayyootti jireenya ulfina qabu jiraachuu akka dandeenyuuf, moototaaf, biyya bulchuu keessatti warra aboo qaban hundumaafis akkasuma godhaa!
[3] Kun gaarii dha, fuula Waaqayyoo fayyisaa keenyaa durattis fudhatamaa dha.
[4] Waaqayyo, namni hundinuu akka fayyu, dhugaa beekuu biras akka ga'u in fedha.
[5] Waaqayyo tokkicha, inni gidduu dhaabatee Waaqayyoo fi nama walitti fidus tokkicha; inni immoo Kristos Yesus isa nama ta'ee mul'atee dha.
[6] Inni furii namoota hundumaatiif ofii isaa dabarsee kenne; kunis yeroo isaatti dhugaa baafame.
[7] Isa kanaafis ani lallabaa, ergamaas ta'een jira; kanas ani dhugaan dubbadha malee hin sobu; amantiidhaan dhugaadhaan geggeeffamees warra saba Waaqayyoo hin ta'in nan barsiisa.
[8] Lafa kadhata godhatanitti immoo warri dhiiraa yaada dheekkamsaa fi qoccollootiin utuu hin ta'in, yaada qullaa'aadhaan harka isaanii ol kaasanii akka kadhatan nan barbaada.
[9] Warri dubartii immoo amalli isaan argisiisan mataa tolfachuutti warqeedhaa fi callee naqachuutti, uffata gati-jabeessa uffachuutti, keessa ba'uudhaan of kuuluu utuu hin ta'in, uffata qajeelaa fakkaatu akka ta'utti uffachuudhaan maal naan jedhudhaan, of qabuudhaanis haa ta'u!
[10] Dubartoota Waaqayyoof in saganna jedhaniif akka ta'uttis, wanta gaarii haa argisiisan.
[11] Dubartiin abboomamuu hundumaan gab jettee haa bartu.
[12] Dubartiin gabiitti haa jiraattu nan jedha malee, haa barsiiftu, dhiira irrattis aboo haa qabaattu hin jedhu;
[13] Addaam duraan dursee tolfame, Hewwaan immoo ergasii tolfamte.
[14] Addaam hin sossobamne, dubartittiin garuu sossobamtee, seera-cabsituu taate.
[15] Haa ta'u iyyuu malee, dubartittiin mucaa da'uudhaan in fayyiti; warri kaanis amantiitti, jaalalatti, qullaa'ummaattis of qabuudhaan yoo jiraatan in fayyu.