[1] Bara booddetti namoonni tokko hafuurota wallaalchisoodhaa fi barsiisa hafuurota hamootaa duukaa bu'anii, amantii wangeelaa irraa akka gara galan, hafuurri qulqulluun keessaa baasee in dubbata.
[2] Warri sobduun, of-hinargineen, yaadni garaa isaanii diimnaan gubamee milikkita Seexanaa godhate kun, jara kana wallaalchisanii gara galchaniiru.
[3] Isaan kun, ?Fuudhuunii fi heerumuun, nyaata akkasii fi akkasii nyaachuun dhowwaa dha? jedhu; Waaqayyo garuu, nyaata adda addaa kana, warri amanan, warri dhugaa beekuu bira ga'anis, galataan fudhatanii akka nyaataniif uume.
[4] Wanti Waaqayyo uume hundinuu gaarii dha, wanta galataan fudhatamu keessas hirmiin hin jiru.
[5] Dubbiin Waaqayyoo, kadhannis isa in qulleessa.
[6] Obboloonni kana akka baran yoo goote, Kristos Yesusiif hojjetaa isa ba'eessa in taata; ofii keetiis dubbii amantiitti, barsiisa ba'eessa isa duukaa buute sanattis guddachaa in adeemta.
[7] Mammaaksa wanta qulqullaa'aadhaan mormu isa dubartoonni dullooman mammaakan hin fudhatin; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qopheessi!
[8] Namummaa foonii cimsuuf of qoqqopheessuun wanta muraasaaf nama gargaara; nama Waaqayyoo ta'uudhaaf of qoqqopheessuun garuu, wanta baay'eedhaaf nama gargaara; jireenya ammaaf, isa dhufuufis abdiin isuma keessa jira.
[9] Dubbichi amanamaa dha, guutummaatti fudhatamuunis in ta'aaf.
[10] Waaqayyo fayyisaa nama hundumaa ti, addumaan immoo fayyisaa amantootaa ti; nuyi abdii keenya Waaqayyo isa jiraataa irra kaa'anneerra; kanaafis kanatti in dadhabna in dhamaanas.
[11] Kana hundumaa isaan abboomi, isaan barsiisis!
[12] Dubbii afaan keessaa ba'uun, akka jireenyaatiin, jaalalaan, amantiidhaan, of-qabuudhaanis amantootaaf fakkeenya ta'i! Namni tokko illees ijoollummaa keetiif si hin tuffatin!
[13] Hamma ani dhufutti immoo, caaffata qulqullaa'aa namootaaf dubbisuutti, gorsuutti, barsiisuuttis of kenni!
[14] Sagalee raajii dubbatameen, maanguddoonni harka isaanii mataa kee irra kaa'uudhaanis, kennaa hafuuraa siif kennamee si keessa jiru sana hin dagatin.
[15] Namoonni hundinuu itti guddachaa adeemuu kee akka arganitti, kennaa kanaan hojjedhu! Ittis of gad dhiisi!
[16] Ati ofii kee, barsiisa kees eeggadhu, itti jabaadhu! Akkas gochuu keetiin mataa kee, warra si dhaga'anis gara fayyinaatti in geessita.