[1] Ergamaan shanaffaan malakata isaa afuufe; anis urjii samii irraa lafa dhaʼe tokko nan arge. Urjii sanaafis furtuun “Boolla Qilee” ni kenname.
[2] Yommuu inni Boolla Qilee sana banettis aarri tokko akkuma aara boolla ibiddaa guddaa keessaa baʼuutti ol baʼe. Aduu fi samiinis aara Boolla Qilee keessaa baʼu sanaan ni dukkanaaʼan.
[3] Aara sana keessaas hawwaannisa baayʼeetu lafatti yaaʼe; hawwaannisoota sanaafis taayitaan akka taayitaa torbaanqabaa lafaa ni kenname.
[4] Isaanis akka marga lafaa yookaan biqiltuu yookaan muka tokko illee miidhan utuu hin taʼin akka namoota adda isaanii irraa chaappaa Waaqaa hin qabaatin qofa miidhan ajajaman.
[5] Isaanis akka namoota sana jiʼa shan dhiphisaniif eeyyamameef malee akka jara ajjeesaniif miti. Dhiphinni kunis akkuma dhiphina isa yommuu torbaanqabaan nama iddutti dhiphatanii ti.
[6] Guyyoota sana keessa namoonni duʼa barbaadu; garuu hin argatan. Duʼuus ni hawwu; duuti garuu isaan baqata.
[7] Bifti hawwaannisoota sanaas fardeen duulaaf qopheeffaman fakkaata ture. Mataa isaaniittis waan akka gonfoo warqee kaaʼatanii turan; fuulli isaaniis fuula namaa fakkaata ture.
[8] Rifeensi isaanii rifeensa mataa dubartootaa fakkaata ture; ilkaan isaaniis ilkaan leencaa fakkaata ture.
[9] Isaanis maddaa maddaa sibiilaa fakkaatu qabu turan; sagaleen qoochoo isaaniis sagalee fardeenii fi gaariiwwan baayʼee kanneen gara duulaatti didichanii fakkaata ture.
[10] Isaanis akkuma torbaanqabaa eegee fi ilkee qabu turan; eegee isaanii keessaa immoo taayitaa ittiin jiʼa shan nama dhiphisan qabu turan.
[11] Isaanis mootii qabu turan; innis ergamaa Boolla Qilee ti; maqaan isaas afaan Ibraayisxiitiin Abadoon, afaan Giriikiin immoo Aphooliyoon jedhama ture.
[12] Wayyoon inni duraa darbeera; kunoo, wayyoowwan biraa lamatu dhufuuf jira.
[13] Ergamaan jaʼaffaanis malakata isaa afuufe; anis gaanfa afran kanneen iddoo aarsaa warqee irraa hojjetamee fuula Waaqaa dura jiru irraa sagalee tokko nan dhagaʼe.
[14] Sagaleen sunis ergamaa jaʼaffaa malakata qabu sanaan, “Ergamoota afran kanneen laga Efraaxiisi guddicha biratti hidhaman sana gad dhiisi” jedhe.
[15] Ergamoonni afran saʼaatii kanaaf, guyyaa kanaaf, jiʼaa fi waggaa kanaaf qopheeffamanii turanis sanyii namaa harka sadii keessaa harka tokko fixuuf gad dhiifaman.
[16] Baayʼinni loltoota fardeeniin duulanii miliyoona dhibba lama ture. Anis baayʼina isaaniis nan dhagaʼe.
[17] Anis mulʼata koo keessatti fardeenii fi namoota farda yaabbatan nan arge: Isaanis maddaa diimaa akka ibiddaa, sanpeerii fi keelloo akka dinyii qabu turan. Mataan fardeen sanaas mataa leencaa fakkaata ture; afaan isaanii keessaas ibidda, aaraa fi dinyiitu baʼe.
[18] Dhaʼicha sadan kanaan jechuunis ibidda, aaraa fi dinyii afaan isaaniitii baʼeen sanyiin namaa harka sadii keessaa harki tokko ni ajjeefame.
[19] Taayitaan fardeen sanaas afaan isaaniitii fi eegee isaanii keessa ture; eegeen isaanii akkuma bofaa mataa qaba tureetii; isaanis mataa sanaan nama miidhu turan.
[20] Namoonni dhaʼicha sanaan ajjeefamuu jalaa baʼanis amma iyyuu qalbii jijjiirratanii hojii harka isaanii irraa hin deebine; hafuurota hamoo waaqeffachuu fi waaqota tolfamoo warqee irraa, meetii irraa, naasii irraa, dhagaa fi muka irraa hojjetaman kanneen arguu yookaan dhagaʼuu yookaan deemuu hin dandeenye waaqeffachuu hin dhiifne.
[21] Akkasumas gaabbanii nama ajjeesuu isaanii irraa yookaan falfala hojjechuu isaanii irraa yookaan halalummaa isaanii irraa yookaan hanna isaanii irraa hin deebine.