Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:21

[1] Anis mallattoo guddaa fi dinqisiisaa biraa samii keessattin arge; mallattoon kunis ergamoota torban kanneen dhaʼicha dhumaa torba qaban ture; dhaʼichi torban kunneenis sababii dheekkamsi Waaqaa isaaniin raawwatamuuf dhaʼicha dhumaa jedhaman.

[2] Anis waan galaana bilillee ibiddaan makamee fakkaatu tokko nan arge; warri bineensichaa fi fakkii isaa, lakkoobsa maqaa isaas moʼatan baganaa Waaqni isaaniif kenne harkatti qabatanii galaanicha bira dhadhaabachaa turan.

[3] Isaanis faarfannaa Musee garbicha Waaqaatii fi faarfannaa Hoolichaa akkana jedhanii faarfatan: “Yaa Waaqa Gooftaa Waan Hundumaa Dandeessu, hojiin kee guddaa fi dinqisiisaa dha. Yaa Mootii sabootaa, karaan kee qajeelaa fi dhugaa dha.

[4] Yaa Gooftaa, namni si hin sodaanne, kan maqaa kees hin ulfeessine eenyu? Si qofatu qulqulluudhaatii. Hojiin qajeelummaa keetii waan mulʼifameef, saboonni hundinuu ni dhufu; fuula kee durattis ni sagadu.”

[5] Ergasiis nan ilaale; manni qulqullummaa inni samii jechuunis dunkaanni dhuga baʼuu ni baname.

[6] Mana qulqullummaa sana keessaas ergamoonni torban dhaʼicha torba qaban ni baʼan. Isaanis uffata qulqulluu fi calaqqisaa quncee talbaa irraa hojjetame uffatanii naannoo qoma isaaniittis sabbata warqee hidhatanii turan.

[7] Uumamawwan lubbuu qabeeyyii afran keessaas inni tokko waciitiiwwan warqee torba kanneen dheekkamsa Waaqa isa bara baraa hamma bara baraatti jiraatuutiin guutaman ergamoota torbaniif kenne.

[8] Manni qulqullummaa sunis aara ulfinaa fi humna Waaqaa keessaa baʼuun guutame; hamma dhaʼichi torban ergamoota torbanii raawwatamuttis eenyu iyyuu mana qulqullummaa sana seenuu hin dandeenye.

Mulʼata Yohannis — Chapters