Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:34

[1] Ergamaan sunis laga bishaan jireenyaa, qulqulluu akka bilillee kan teessoo Waaqaatii fi Hoolichaa keessaa burqu tokko natti argisiise;

[2] bishaan sunis walakkaa daandii magaalattii irra yaaʼaa ture. Gamaa gamana lagichaa irras mukni jireenyaa ija gosa kudha lama naqatu dhaabatee ture; innis jiʼuma jiʼaan ija naqata ture. Baalli muka sanaas saboota fayyisa ture.

[3] Siʼachi abaarsi tokko iyyuu hin jiraatu. Teessoon Waaqaatii fi Hoolichaa magaalattii keessatti argama; garboonni isaas isa tajaajilu.

[4] Isaan fuula isaa ni argu; maqaan isaas adda isaanii irratti ni argama.

[5] Siʼachi halkan hin jiru. Ifni ibsaa yookaan ifni biiftuu isaan hin barbaachisu; Waaqni Gooftaan ifa isaaniif kennaatii. Isaanis bara baraa hamma bara baraatti ni moʼu.

[6] Ergamaan Waaqaa sunis, “Dubbiin kun amanamaa fi dhugaa dha. Gooftaan, Waaqni hafuurota raajotaa sun waan dafee taʼuu qabu garboota isaatti argisiisuuf jedhee ergamaa isaa ergeera” naan jedhe.

[7] “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Namni dubbii raajii kitaaba kana keessa jiruu eegu eebbifamaa dha.”

[8] Kan wantoota kanneen dhagaʼee fi arge ana Yohannis. Anis yommuu wantoota kanneen dhagaʼee argetti ergamaa wantoota kanneen natti argisiisaa ture sanaaf sagaduudhaaf miilla isaa irrattin kufe.

[9] Inni garuu, “Kana hin godhin! Anis garbicha siʼii fi obboloota kee raajota wajjin, akkasumas warra dubbii kitaaba kanaa eegan wajjin tajaajiluu dha. Waaqaaf sagadi!” naan jedhe.

[10] Inni akkana naan jedhe; “Sababii yeroon sun dhiʼaateef dubbii raajii kitaaba kanaa chaappaadhaan hin cufin.

[11] Jalʼaan jalʼina isaatti haa fufu; xuraaʼaan xuraaʼummaa isaatti haa fufu; qajeelaanis qajeelummaa isaatti haa fufu; qulqulluun immoo qulqullummaa isaatti haa fufu.”

[12] “Kunoo, ani dafee nan dhufa! Gatiin koo na bira jira; tokkoo tokkoo namaatiifis akkuma hojii isaatti nan kenna.

[13] Ani Alfaa fi Omeegaa dha; isa Duraatii fi isa Booddee ti; isa Jalqabaatii fi isa Dhumaatis.

[14] “Warri akka muka jireenyaa irratti mirga qabaatanii fi akka karrawwaniin magaalattii seenaniif uffata isaanii miicatan eebbifamoo dha.

[15] Garuu saroonni, falfaltoonni, halaleewwan, warri nama ajjeesanii fi warri waaqota tolfamoo waaqeffatan akkasumas warri soba jaallatanii fi warri soba dubbatan hundinuu alatti hafu.

[16] “Ani Yesuus, akka inni wantoota kanneen waldoota kiristaanaa keessatti dhugaa isinii baʼuuf ergamaa koo ergeera. Ani Hiddaa fi Sanyii Daawit, Bakkalcha Barii kan ifuu dha.”

[17] Hafuurichii fi misirrittiin, “Kottu!” jedhu; namni dhagaʼus, “Kottu!” haa jedhu; namni dheebote haa dhufu; kan barbaadu bishaan jireenyaa tola haa fudhatu.

[18] Nama dubbii raajii kitaaba kanaa dhagaʼu hunda nan akeekkachiisa: Yoo namni kam iyyuu dubbii kanatti waan tokko illee dabale, Waaqni dhaʼichawwan kitaaba kana keessatti ibsaman isatti dabala.

[19] Namni kam iyyuu yoo dubbii kitaaba raajii kana keessaa waan tokko illee hirʼise, Waaqni muka jireenyaatii fi magaalattii qulqulluu kitaaba kana keessatti ibsaman keessaa qooda isaa hirʼisa.

[20] Inni waan kana dhugaa baʼus, “Eeyyee, ani dafee nan dhufa” jedha. Ameen. Yaa Gooftaa Yesuus kottu.

[21] Ayyaanni Gooftaa Yesuus qulqulloota hundumaa wajjin haa taʼu. Ameen.

Mulʼata Yohannis — Chapters