Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:39

[1] Kana booddee Yesuus Galiilaa keessa deddeebiʼaa ture; sababii Yihuudoonni isa ajjeesuu barbaadaniif inni Yihuudaa keessa hin deddeebine.

[2] Ayyaanni Daasii Yihuudootaa dhiʼaatee ture.

[3] Obboloonni isaas akkana jedhaniin; “Akka barattoonni kee warri achii waan ati hojjettu arganiif kaʼiitii Yihuudaa dhaqi.

[4] Namni utuu ifaan ifatti beekamuu barbaaduu dhoksaatti waa hojjetu hin jiruutii. Atis sababii waan kana hojjettuuf addunyaatti of mulʼisi.”

[5] Obboloonni isaa iyyuu isatti hin amanne tureetii.

[6] Yesuusis akkana jedheen; “Yeroon koo amma illee hin geenye; isiniif garuu yeroon hundi mijaaʼaa dha.

[7] Addunyaan isin jibbuu hin dandaʼu; ana garuu akka hojiin isaa hamaa taʼe waanan itti dhugaa baʼuuf na jibba.

[8] Isin gara Ayyaana sanaa dhaqaa. Ani garuu waan yeroon koo amma illee hin gaʼiniif gara Ayyaanichaatti ol hin baʼu.”

[9] Inni waan kana isaanitti dubbatee Galiilaatti hafe.

[10] Garuu erga obboloonni isaa gara Ayyaanichaatti ol baʼanii booddee innis utuu ifaan ifatti hin taʼin dhoksaadhaan ol baʼe.

[11] Yihuudoonnis Ayyaanicha irratti, “Namichi sun eessa jira?” jedhanii gaafachaa isa barbaadaa turan.

[12] Namoota gidduuttis waaʼee isaa guungummii guddaatu ture. Namoonni tokko tokko, “Inni nama gaarii dha” jedhan. Warri kaan immoo, “Akkas miti; inni nama dogoggorsa” jedhan.

[13] Garuu waan Yihuudoota sodaataniif namni tokko iyyuu ifaan ifatti waaʼee isaa hin dubbanne.

[14] Gara walakkaa Ayyaanichaattis Yesuus mana qulqullummaa seenee barsiisuu jalqabe.

[15] Yihuudoonnis dinqifatanii, “Namichi kun akkamitti utuu hin baratin beekumsa akkanaa qabaate?” jedhan.

[16] Yesuusis akkana jedhee deebiseef; “Barsiisni koo kan isa na ergeeti malee kan koo miti.

[17] Namni fedhii Waaqaa gochuu barbaadu kam iyyuu barsiisni koo Waaqa biraa dhufuu fi dhufuu baachuu isaa yookaan ani ofuma kootiin dubbachuu fi dubbachuu baachuu koo ni beeka.

[18] Namni ofuma isaatiin dubbatu inni ofuma isaatii ulfina argachuu barbaada; namni ulfina kan isa erge sanaa barbaadu garuu inni nama dhugaa ti; jalʼinnis isa keessa hin jiru.

[19] Museen seera isinii kenneera mitii? Isin keessaa garuu namni tokko iyyuu seera sana hin eegu. Isin maaliif na ajjeesuu barbaaddu?”

[20] Jarris deebisanii, “Hafuura hamaatu si keessa jira; eenyutu si ajjeesuu barbaada?” jedhaniin.

[21] Yesuusis deebisee akkana jedheen; “Ani hojii tokko hojjennaan hundi keessan dinqifattan.

[22] Museen seera dhagna qabaa isinii kenne; dhagna qabaa garuu abbootiitu jalqabe malee Musee miti; isinis Sanbataan nama dhagna qabdu.

[23] Akka seerri Musee hin cabneef erga namni tokko Sanbataan dhagna qabachuu dandaʼee, isin maaliif sababii ani Sanbataan dhagna namaa guutuu fayyiseef natti aartu?

[24] Murtii qajeelaa kennaa malee, bifa qofa ilaaltanii hin murteessinaa.”

[25] Kana irratti namoota Yerusaalem keessaa tokko tokko akkana jedhan; “Inni kun namicha isaan ajjeesuuf barbaadan sana mitii?

[26] Kunoo inni ifatti baʼee dubbata; isaanis homaa isaan hin jenne. Abbootiin taayitaa akka inni Kiristoos taʼe sirriitti beekaniiruu laata?

[27] Taʼus namichi kun nama eessaa akka taʼe nu beekna. Kiristoos yommuu dhufutti garuu inni eessaa akka dhufu namni tokko iyyuu hin beeku.”

[28] Yesuus utuu mana qulqullummaa keessatti barsiisuu sagalee isaa ol fudhatee akkana jedhe; “Isin na beektu; akka ani eessaa dhufe illee beektu. Ani ofii kootiin hin dhufne; inni na erge sun dhuga qabeessa. Isin garuu isa hin beektan;

[29] ani garuu sababiin isa biraa dhufee fi sababii inni na ergeef isa nan beeka.”

[30] Kana irratti isaan isa qabuu yaalan; garuu waan saʼaatiin isaa hin gaʼiniif namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.

[31] Taʼus namoonni baayʼeen isatti amanan. Isaanis, “Kiristoos yommuu dhufutti namicha kana caalaa mallattoo hojjetaa?” jedhan.

[32] Fariisonnis utuu namoonni waaʼee isaa waan akkanaa guungumanuu dhagaʼan. Luboonni hangafoonnii fi Fariisonni Yesuusin qabsiisuudhaaf eegdota mana qulqullummaa ergan.

[33] Yesuusis akkana jedheen; “Ani yeroo gabaabaa isin wajjin jira; ergasii gara isa na erge sanaa nan dhaqa.

[34] Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan.”

[35] Yihuudoonnis akkana waliin jedhan; “Namichi kun akka nu isa hin argineef eessa dhaquu yaade laata? Gara saba keenya warra Giriikota keessa faffacaʼanii dhaqee Giriikota barsiisaa?

[36] ‘Isin na barbaaddu; garuu na hin argattan; iddoo ani jirus dhufuu hin dandeessan’ jechuun isaas maal jechuu isaatii?”

[37] Guyyaa Ayyaanichi itti hobbaʼu, guyyaa guddaa sana, Yesuus kaʼee dhaabatee sagalee guddaadhaan akkana jedhe; “Eenyu iyyuu yoo dheebote, gara koo dhufee haa dhugu.

[38] Akkuma Katabbiin Qulqulluun jedhe nama natti amanu kam iyyuu laga bishaan jireenyaatu garaa isaa keessaa burqa.”

[39] Kunis waaʼee Hafuura Qulqulluu warri isatti amanan argachuuf jiranii dubbachuu isaa ti. Sababii Yesuus amma illee ulfina hin argatiniif Hafuuri Qulqulluun hamma yeroo sanaatti hin kennamne tureetii.

[40] Namoota sana keessaa tokko tokko yommuu dubbii kana dhagaʼanitti, “Kun dhugumaanuu Raajicha” jedhan.

[41] Warri kaan immoo, “Inni Kiristoosii dha” jedhan. Namoonni kaanis akkana jedhan; “Kiristoos Galiilaadhaa dhufaa?

[42] Akka Kiristoos sanyii Daawit keessaa dhalatuu fi akka inni Beetlihemii, ganda Daawitii dhufu Katabbiin Qulqulluun ni dubbata mitii?”

[43] Akkasiin waaʼee Yesuus irratti garaa garummaan waldaa gidduutti uumame.

[44] Isaan keessaas tokko tokko isa qabuu barbaadan; garuu namni tokko iyyuu harkaan isa hin tuqne.

[45] Eegdonni sun gara luboota hangafootaatii fi gara Fariisotaatti deebiʼan; isaanis, “Isin maaliif isa hin fidin?” jedhanii eegdota sana gaafatan.

[46] Eegdonnis, “Takkumaa namni akka namicha kanaatti hin dubbanne” jedhanii deebisan.

[47] Fariisonnis deebisanii akkana jedhan, “Isinis gowwoomfamtaniirtuu?

[48] Bulchitoota keessaa yookaan Fariisota keessaa namni tokko iyyuu isatti amaneeraa?

[49] Sabni seera hin beekne kun garuu abaaramaa dha.”

[50] Niqoodemoos inni duraan Yesuus bira dhaqee fi isaan keessaas tokko taʼe sun akkana isaaniin jedhe;

[51] “Seerri keenya utuu isa irraa hin dhagaʼin, waan inni hojjetes utuu hin beekin nama tokkotti ni muraa?”

[52] Isaanis, “Atis nama Galiilaatii? Akka raajiin Galiilaadhaa hin kaane qoradhuu bira gaʼi” jedhaniin.

[53] [Ergasii isaan hundinuu gara mana isaaniitti galan.

Wangeela Yohannis — Chapters