Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 8:44

[1] Faasiikaa dura guyyaa jaʼaffaatti Yesuus gara Biitaaniyaa ganda Alʼaazaar, kan Yesuus duʼaa isa kaase sun jiraachaa turee dhaqe.

[2] Achitti irbaata qopheessaniif. Maartaanis ni tajaajilti turte; Alʼaazaaris warra isa wajjin irbaatatti dhiʼaatan keessaa tokko ture.

[3] Maariyaamis shittoo Naardoos qulqulluu gatiin isaa guddaa kan gara liitirii walakkaa taʼu fiddee miilla Yesuus dibde; rifeensa mataa isheetiinis miilla isaa haqxe. Manichis urgaa shittoo sanaatiin guutame.

[4] Barattoota isaa keessaa tokko kan dabarsee isa kennuuf jiru Yihuudaa Keeriyotichi garuu akkana jedhe;

[5] “Shittoon kun maaliif diinaarii dhibba sadiitti gurguramee hiyyeeyyiif hin kennamne?”

[6] Akkana jechuun isaa waan hattuu tureef malee hiyyeeyyiif yaade miti. Innis sababii korojoon maallaqaa harka isaa tureef, waan achi keessa buufamu irraa ofii isaatii fudhachaa ture.

[7] Yesuusis deebisee akkana jedhe; “Isheen shittoo kana guyyaa awwaala kootiitiif haa tursituutii ishee dhiisaa.

[8] Hiyyeeyyii yeroo hunda of biraa qabdu; ana garuu yeroo hunda of biraa hin qabdan.”

[9] Yihuudoonni baayʼeen akka Yesuus achi jiru beekanii Yesuus qofaaf jedhaanii utuu hin taʼin, Alʼaazaar isa inni duʼaa kaases ilaaluuf dhufan.

[10] Kanaafuu luboonni hangafoonni Alʼaazaarinis ajjeesuuf mariʼatan;

[11] Yihuudoota keessaa namoonni baayʼeen sababii isaatiif dhaqanii Yesuusitti amanaa turaniitii.

[12] Guyyaa itti aanutti namoonni Ayyaanichaaf dhufanii turan baayʼeen akka Yesuus gara Yerusaalem dhufaa jiru dhagaʼan.

[13] Isaanis damee meexxii harkatti qabatanii isa simachuu baʼan; iyyaniis akkana jedhan; “Hoosaaʼinaa!” “Inni maqaa Gooftaatiin dhufu eebbifamaa dha!” “Mootiin Israaʼel eebbifamaa dha!”

[14] Yesuusis ilmoo harree tokko argatee yaabbate; kunis akkuma akkana jedhamee barreeffamee dha;

[15] “Yaa Intala Xiyoon, hin sodaatin; kunoo, mootiin kee, ilmoo harree yaabbatee dhufuutti jira.”

[16] Barattoonni isaa jalqabatti waan kana hin hubanne. Erga Yesuus ulfina argatee booddee garuu akka wanni barreeffame kun waaʼee isaa taʼee fi akka isaanis waanuma kana isaaf godhan yaadatan.

[17] Namoonni baayʼeen yommuu inni Alʼaazaarin awwaala keessaa waamee duʼaa kaasetti isa wajjin turanis ittuma fufanii dhugaa baʼan.

[18] Namoonni baayʼeenis sababii mallattoo kana gochuu isaa dhagaʼaniif isa simachuu baʼan.

[19] Kanaafuu Fariisonni, “Isin akka waa tokko illee gochuu hin dandeenye argitanii? Ilaa, addunyaan guutuun akkamitti akka isa duukaa buʼe ilaalaa!” waliin jedhan.

[20] Warra yeroo Ayyaanichaatti waaqeffachuuf ol baʼan keessaa tokko tokko Giriikota turan.

[21] Isaanis Fiiliphoos namicha Beetisayidaa Galiilaatii dhufe sanatti dhiʼaatanii, “Yaa gooftaa, Yesuusin arguu barbaanna” jedhaniin.

[22] Fiiliphoosis dhaqee Indiriiyaasitti hime; Indiriiyaasii fi Fiiliphoos immoo dhaqanii Yesuusitti himan.

[23] Yesuus immoo akkana jedhee isaaniif deebise; “Saʼaatiin Ilmi Namaa itti ulfina argatu gaʼeera.

[24] Ani dhuguman, dhuguman isinitti hima; iji qamadii tokko yoo lafa buʼee duʼuu baate kophaa isaa hafa. Yoo duʼe garuu ija baayʼee naqata.

[25] Namni lubbuu isaa jaallatu kam iyyuu lubbuu isaa ni dhaba; kan addunyaa kana irratti lubbuu isaa jibbu immoo jireenya bara baraatiif lubbuu isaa kaaʼata.

[26] Namni na tajaajilu kam iyyuu na faana haa buʼu; iddoo ani jiru tajaajilaan koos ni jiraata. Abbaan koo nama na tajaajilu kamiif iyyuu ulfina ni kenna.

[27] “Amma lubbuun koo dhiphatteerti; egaa ani maal jedhu ree? ‘Yaa Abbaa, saʼaatii kana jalaa na baasi;’ garuu ani sababii kanaafan gara saʼaatii kanaa dhufe.

[28] Yaa Abbaa, maqaa kee ulfeessi!” Ergasii sagaleen, “Ani isa ulfeesseera; ammas nan ulfeessa” jedhu tokko samiidhaa dhufe.

[29] Tuunni achi dhaabachaa ture yommuu sagalee kana dhagaʼetti, “Ni kakawwise” jedhe. Warri kaan immoo, “Ergamaa Waaqaatu isatti dubbate” jedhan.

[30] Yesuus akkana jedhee deebise; “Sagaleen kun sababii keessaniif dhufe malee sababii kootiif miti.

[31] Yeroon itti addunyaa kanatti muramu amma; bulchaan addunyaa kanaas amma gad gatama.

[32] Ani garuu yeroon lafa irraa ol fuudhamutti nama hunda ofitti nan harkisa.”

[33] Innis akka duʼa akkamii duʼuuf jiru argisiisuuf kana jedhe.

[34] Tuunnis deebisee, “Akka Kiristoos bara baraan jiraatu nu Seera irraa dhageenyeerra; yoos ati akkamitti, ‘Ilmi Namaa ol fuudhamuu qaba’ jetta? ‘Ilmi Namaa’ kunis eenyu?” jedheen.

[35] Yesuus immoo akkana jedheen; “Ifni yeroo gabaabaadhaaf isin bira jira. Akka dukkanni isin hin liqimsineef utuu ifa qabdanuu deddeebiʼaa. Namni dukkana keessa deddeebiʼu eessa akka dhaqu hin beekuutii.

[36] Ijoollee ifaa akka taataniif utuu ifa qabdanuu ifa sanatti amanaa.” Yesuusis erga waan kana dubbatee fixee booddee iddoo sanaa kaʼee isaan duraa dhokate.

[37] Yesuus fuula isaanii duratti mallattoo hedduu hojjetu iyyuu, isaan isatti hin amanne.

[38] Kunis dubbiin Isaayyaas raajichaa kan: “Yaa Gooftaa, ergaa keenya eenyutu amane? Irreen Gooftaas eenyutti mulʼate?” jedhu sun akka raawwatamuuf ture.

[39] Sababii kanaaf isaan amanuu hin dandeenye; Isaayyaas iddoo biraatti akkana jedheeraatii;

[40] “Ija isaaniitiin akka hin argineef, qalbii isaaniitiin akka hin hubanneef, akka ani isaan fayyisuufis akka gara kootti hin deebineef, inni ija isaanii jaamseeraatii; garaa isaaniis jabeesseera.”

[41] Isaayyaas sababii ulfina isaa argee waaʼee isaas dubbateef waan kana jedhe.

[42] Taʼus hooggantoota keessaa iyyuu namoonni baayʼeen isatti amanan. Garuu waan mana sagadaatii nu baasu jedhanii Fariisota sodaataniif amantii isaanii ifatti hin baafne;

[43] isaan ulfina Waaqaa irra ulfina namaa jaallataniiruutii.

[44] Yesuusis iyyee akkana jedhe; “Namni natti amanu isa na erge sanatti amana malee natti miti.

[45] Kan na argus isa na erge sana arga.

[46] Akka namni natti amanu hundinuu dukkana keessa hin jiraanneef ani ifa taʼee gara addunyaa dhufeera.

[47] “Namni yoo dubbii koo dhagaʼee eeguu baate kan isatti muru ana miti; ani addunyaa fayyisuufin dhufe malee itti muruuf hin dhufneetii.

[48] Namni na didu kan dubbii koos hin fudhanne abbaa murtii tokko qaba; dubbiin ani dubbadhe sun guyyaa dhumaatti isatti mura.

[49] Garuu Abbaa isuma na erge sanatu akka ani waanan dubbadhe sana jedhu na ajaje malee ani ofii kootiin hin dubbanne.

[50] Akka ajajni isaa jireenya bara baraa taʼe nan beeka. Kanaafuu wanni ani dubbadhu kam iyyuu waan akka ani dubbadhuuf Abbaan natti himee dha.”

Wangeela Yohannis — Chapters