Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:18

[1] Egaa Yesuus Yohannis caalaa barattoota akka baayʼifatee fi akka cuuphe Fariisonni dhagaʼuu isaanii Gooftaan ni beeke;

[2] taʼus barattoota isaatu cuuphaa ture malee Yesuus ofii isaatii hin cuuphine.

[3] Inni Yihuudaa dhiisee amma illee Galiilaatti deebiʼe.

[4] Innis Samaariyaa keessa darbuu qaba ture.

[5] Kanaafuu gara magaalaa Samaariyaa kan Siikaar jedhamu tokkoo dhufe; magaalaan sunis lafa Yaaqoob ilma isaa Yoosefiif kenne sanatti dhiʼoo dha.

[6] Boolli bishaanii kan Yaaqoob tokko achi ture; Yesuusis waan karaa deemuudhaan dadhabeef boolla bishaanii sana bira taaʼe. Yeroonis gara saʼaatii jaʼaa ture.

[7] Dubartiin Samaariyaa tokkos bishaan waraabbachuu dhufte; Yesuusis, “Mee na obaasi” jedheen.

[8] Barattoonni isaa nyaata bituuf gara magaalaa dhaqanii turaniitii.

[9] Dubartiin Samaariyaa sunis Yesuusiin, “Ati utuu Yihuudii taatee jirtuu akkamitti ‘na obaasi’ jettee ana dubartii Samaariyaa kadhatta?” jetteen. Yihuudoonni warra Samaariyaa wajjin walitti dhufeenya hin qaban tureetii.

[10] Yesuusis deebisee, “Kennaa Waaqaatii fi inni, ‘na obaasi’ siin jedhu kun eenyu akka taʼe utuu beektee silaa situ isa kadhata ture; innis bishaan jireenyaa siif kenna ture” jedheen.

[11] Dubartittiinis akkana jetteen; “Yaa gooftaa, ati waan ittiin waraabbattu hin qabdu; boolli bishaanii kunis gad fagoo dha. Yoos bishaan jireenyaa eessaa argatta?

[12] Ati abbaa keenya Yaaqoob isa boolla bishaanii kana nuu kenne caalta moo? Inni mataan isaa, ijoolleen isaatii fi horiin isaa boolla bishaanii kana keessaa dhugaa turan.”

[13] Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Namni bishaan kana dhugu hundinuu deebiʼee ni dheebota;

[14] garuu namni bishaan ani isaaf kennu dhugu kam iyyuu gonkumaa hin dheebotu. Bishaan ani isaaf kennu isa keessatti burqaa bishaanii isa jireenya bara baraatiif burqu ni taʼa.”

[15] Dubartittiinis, “Yaa Gooftaa, akka ani hin dheebonneef, bishaan waraabuufis akka ani as hin dhufneef bishaan sana naa kenni” jetteen.

[16] Yesuus immoo, “Dhaqiitii dhirsa kee waamii kottu!” jedheen.

[17] Dubartittiin, “Ani dhirsa hin qabu” jetteen. Yesuusis akkana jedheen; “Dhirsa hin qabu jechuun kee sirrii dha;

[18] ati dhirsoota shan qabda turteetii; namichi amma si wajjin jirus dhirsa kee miti. Wanni ati amma dubbate dhugaa dha.”

[19] Dubartittiinis akkana jette; “Yaa Gooftaa, akka ati raajii taate nan hubadha.

[20] Abbootiin keenya tulluu kana irratti sagadaa turan; isin Yihuudoonni garuu iddoon namni itti waaqeffachuu qabu Yerusaalem jettu.”

[21] Yesuusis akkana jedheen; “Dubartii nana, na amani; yeroon isin itti tulluu kana irrattis taʼu yookaan Yerusaalemitti Abbaa hin waaqeffanne tokko ni dhufa.

[22] Isin waan hin beekne waaqeffattu; nu sababii fayyinni Yihuudoota keessaa dhufuuf kan beeknu waaqeffanna.

[23] Warri dhugaan waaqeffatan yeroon isaan itti hafuuraa fi dhugaadhaan Abbaa waaqeffatan tokko ni dhufa; amma iyyuu dhufeera; Abbaan warra akkasitti isa waaqeffatan barbaada.

[24] Waaqni hafuura; warri isa waaqeffatanis Hafuuraa fi dhugaadhaan waaqeffachuu qabu.”

[25] Dubartittiinis, “Ani akka Masiihiin Kiristoos jedhamu dhufu nan beeka. Inni yommuu dhufutti waan hunda nutti hima” jetteen.

[26] Yesuusis, “Ani, namni amma sitti dubbachaa jiru kun isuma” jedheen.

[27] Barattoonni isaa yommusuma deebiʼanii utuu inni dubartii tokko wajjin dubbatuu arganii dinqisiifatan. Garuu namni, “Maal barbaadda?” yookaan “Maaliif ishee wajjin haasofta?” jedhee isa gaafatu tokko iyyuu hin turre.

[28] Dubartiin sunis okkotee ishee dhiiftee gara magaalaatti deebite; namootaanis akkana jette;

[29] “Kottaatii nama waan ani hojjedhe hunda natti hime tokko ilaalaa! Tarii inni Kiristoos taʼinnaa?”

[30] Isaanis magaalaa keessaa baʼanii Yesuus bira dhufan.

[31] Kana gidduutti barattoonni isaa, “Yaa barsiisaa, mee waa nyaadhu!” jedhanii isa kadhatan.

[32] Inni garuu, “Ani nyaata isin hin beekne kanan nyaadhu qaba” jedheen.

[33] Barattoonni isaas, “Namatu nyaata fideefii laata?” jedhanii wal gaafatan.

[34] Yesuus immoo akkana jedheen; “Nyaanni koo fedhii isa na ergee guutuu fi hojii isaa raawwachuu dha.

[35] Isin, ‘Jiʼa afurtu hafe; ergasii midhaan walitti qabama’ jettu mitii? Kunoo, ani isinittan hima; akka midhaan bilchaatee walitti qabamuu gaʼe mee ol jedhaatii lafa qotiisaa ilaalaa!

[36] Inni midhaan haamu amma iyyuu mindaa ni argata; jireenya bara baraatiif ija walitti ni qaba; kunis akka inni facaasuu fi inni walitti qabu waliin gammadaniif.

[37] Haala kanaan mammaaksi, ‘Inni tokko ni facaasa; kaan immoo ni haama’ jedhu sun dhugaa dha.

[38] Ani akka isin waan itti hin dadhabin haammattaniifan isin erge. Warri kaan itti dadhabaniiru; isin garuu buʼaa dadhabbii isaanii galfattu.”

[39] Sababii dubartittiin, “Inni waan ani hojjedhe hunda natti hime” jettee dhugaa baateef namoonni Samaariyaa warri magaalaa sanaa baayʼeen isatti amanan.

[40] Kanaafuu namoonni Samaariyaa yommuu gara isaa dhufanitti akka inni isaan wajjin turuuf isa kadhatan; innis guyyaa lama achi ture.

[41] Sababii dubbii isaatiinis namoonni biraa baayʼeen isatti amanan.

[42] Isaanis dubartittiidhaan, “Siʼachi wanni nu amannuuf sababii dubbii ati nutti himte sanaatiif miti; nu mataan keenya iyyuu isa dhageenyeerraatii; akka inni dhugumaan Fayyisaa addunyaa taʼes beekneerra” jedhan.

[43] Guyyaa lamaan sana booddee Yesuus Galiilaa dhaqe.

[44] Yesuus mataan isaa iyyuu akka raajiin tokko biyya isaa keessatti kabaja hin qabne dubbatee tureetii.

[45] Yommuu inni Galiilaa gaʼettis warri Galiilaa isa simatan. Isaanis sababii Yerusaalem turaniif waan inni yeroo Ayyaana Faasiikaatti achitti hojjete hunda arganii turan.

[46] Kanaafuu inni deebiʼee gara Qaanaa ishee Galiilaa keessaa iddoo itti bishaan gara daadhii wayiniitti geeddaree ture sanaa dhaqe. Qondaalli mootii kan ilmi isaa dhukkubsate tokkos Qifirnaahom keessa ture.

[47] Namichi kunis yommuu akka Yesuus Yihuudaadhaa kaʼee Galiilaa dhufe dhagaʼetti isa bira dhaqee akka inni dhufee ilma isaa kan duʼuu gaʼe sana fayyisu isa kadhate.

[48] Kana irratti Yesuus, “Isin yoo mallattoo fi dinqii argitan malee hin amantan!” isaan jedhe.

[49] Qondaaltichis, “Yaa Gooftaa, maaloo utuu mucaan koo hin duʼin naa qaqqabi” jedheen.

[50] Yesuusis, “Ilmi kee ni jiraataatii gali!” jedheen. Namichis waan Yesuus isatti dubbate amanee deeme.

[51] Utuu inni deemaa jiruus tajaajiltoonni isaa itti dhufanii akka ilmi isaa lubbuun jiru itti himan.

[52] Innis yeroo itti mucaa isaatti wayyaaʼe gaafate; isaanis, “Kaleessa saʼaatii torbatti dhagna gubaan isa dhiise” jedhaniin.

[53] Abbaan mucichaas akka yeroon sun yeroo Yesuus itti, “Ilmi kee ni jiraata” jedheen taʼe hubate. Kanaafuu innis, warri mana isaa hundinuus ni amanan.

[54] Kun mallattoo lammaffaa Yesuus erga Yihuudaadhaa Galiilaa dhufee hojjetee dha.

Wangeela Yohannis — Chapters