Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:49

[1] Kolbaan bulchitootaa fi worra baallii qabu jalatti akka bultu, akka ajajantuu fi karaa maraan waan dansaa hujiisaaf ka qophootte akka teetu qaassis.

[2] Nama tokko irralle’etti hantuu akka hin dubbanne, nageelliyye’ee fi nama dansaa te’anee, yennaa mara karaa maraan nama duudi’iif gadhi-laafinna akka mudhisanu himi.

[3] Tanaan qara nuutille gowwoolee, worra hin ajajanne, worra sobame, worra halcha’aa fi gammachuu foonii ta adda addaatiif garboolee teeneerru. Nuuti hammeennaa fi hinaaffa’aan le’aa, worra dhibi’iin jibbatannee wolille jibbaa turre.

[4] Ammoo arjumma’aa fi jaalaltiin Waaqa fayyisaa keennaa yennaa mudhatte,

[5] hujii balchummaa nuuti hunyeef adoo hin te’in, marartii ifiitiin, karaa dhiqata dhaloota lammeesso’ootii fi Ayyaana Woyyichaan haareffamiisaatiin nu fayyise.

[6] Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin Ayyaana Woyyicha nu irratti fakkansee buuse.

[7] Badhaadha isaatiin balchoonnee, jiruu bara baraa ta addi’iin eegannu san akka dhalluuf inni tana godhe.

[8] Wonni kun jecha dhuga’aa ti. Worri Waaqatti dhugeeffate hujii dansaa hujiisaaf akka ifi kennu, jabeessitee akka gorsitu barbaada; wonni kun dansa’aa fi ta nama maraaf bu’aa qaddu.

[9] Ammoo wol mormii gowwootaa, hidda dhalootaa laakkowuu, wol lolu’uu fi Seera Muuse’ee irratti wol dhabiisa irraa fagaadhu. Sababille wonni kun bu’aa fi gatii hin qaddu.

[10] Nama gargar bayiisa kaasu yennaa tokkoo fi lama itti gorsi, achiin duuba isa woliin womaa hin qabaatin.

[11] Nami akkasii, nama jallatee cubbuu hujee, yakkaa ifitti mure akka te’e beeki.

[12] Ganna qachaa Niqopholiisii keessatti dabarsu’uuf waan murteeffadheef, yennaa ani Arxemaas yookiin Xikiqoos gara keeti erge, haga dandeette ariiti’iin achitti natti dhufiisaaf wodhaan.

[13] Zenaasii seera beeka’aa fi Apholosiif, deensa kara’aatii waan barbaachisu maraan haga dandeette gargaar.

[14] Kolbaan teenna leetoo bu’aa hin qanne akka hin leene, waan leeto’oo barbaachisu hujjee dhaggatiisaaf, hujii dansaa hujiisaaf ifi kenniisa barattuu ti.

[15] Worri na woliin jiru duudiin nageya siif dhaameera. Worra dhugeeffanna’aan nu jaalatuuf nageya keenna himi. Badhaadhi Waaqaa isin duudii woliin jiraatu.

Tiitoosii — Chapters