[1] Ati ammoo waan barnoota sirrii te’een wolii galu barsiis.
[2] Jaarsi ka hagatti le’u, ka kabajaa qabu, ka ifi qabatuu fi ka dhugeeffannaa, jalalaa fi ossa sirrii te’e qabu akka te’u barsiis.
[3] Akkasuma jaartiin adaba ifiitiin ta ifi qabattu teetee, waan dansaa barsiittuutii malee, ta hamattu yookiin ta daadhii yortu akka hin teene barsiis.
[4] Isaan, akka dubartooti ka’imi abbaa manaatii fi ijoollee ifii jaalattu,
[5] Jechi Waaqaalle akka hin arraffanne, ta ifi qabattuu fi qulluu, ta akka dansaa mana ifii qabattu, arja’aa fi ta dhirsaaf ajajantu akka teetu barsiisanuu ti.
[6] Akkasuma dargaggooti akka ifi qabattu gorsi.
[7] Atinuu waan duudi’iin fakkeenna dansaa isaaniif te’i. Barsiisiisa keeti keessalletti dhugaamessaa fi nama kabajamaa te’uu keeti mudhis.
[8] Worri mormu waan badduu nu irratti dubbatu dhabee akka fokkifatu, jecha sirrii te’e ka hin tuffatanne dubbadhu.
[9] Garbooleen goottolee ifiitiif akka ajajantu, waan maraan akka isaan gammachiittu, akka dubbii ila keessa itti hin deebinnee fi,
[10] akka isaan jalaa wo hin hanne barsiis. Barnooti marroo Waaqa fayyisaa keennaa, karaa duudi’iin akka tolu yennaa mara worra dansa’aa fi addatamaa akka te’ane mudhisanuu ti.
[11] Waaqi badhaadha ifii ka nama maraaf fayyinna kennu mudhiseera.
[12] Badhaadhi kun cubbu’uun jiraatiisaa fi halchaa badduu biyya lafaa akka lakkinnee, bara kana keessatti ifi qabannee, qajeellee, akka nama Waaqaatitti akka jiraannu barsiisa.
[13] Addii gammachiituu fi ulfinnaan mudhatiisa Waaqa guddaa fayyisaa keenna Yesuus Kiristoosii hin eeganna.
[14] Kiristoos hammeenna duudii irraa akka nu fayyisuu fi waan dansaa hujiisaaf akka dharraanu, kolbaa ifii qulleeffatiisaaf mataa ifii dabarsee nuu kenneera.
[15] Worra si dhage’u jajjabeessaa yennaa xixxu, baallii teeti guutu’uun waan kana duudii barsiisi. Nami tokkolle si hin tuffatiin.