[1] Maarre tanaaf, obboleeyyan tiyya ta ani jaalladhuu fi dharra’u, ta gammadaa fi kallacha kiyya teetane, Gootta’aan jabaadha’aa dhaabbadha’a.
[2] Obboleettoti teenna Ewodiya’aa fi Sinxiikeen maqaa Gootta’aatiin gadhaa tokko akka te’anu kadhadha.
[3] Atille waa’elli kiyya addatamaan, dubbartoota tana akka gargaartuuf si kadhadha; dubartooti tun, Kilemensii fi worra dhibii worra maqaan isaanii kitaaba jiru’uu keessatti barreeffame, lansoota tiyya woliin te’anee, Oduu Gammadaa dhaqqassiisiisaaf ana woliin jabaatanee hujaneeran.
[4] Yennaa mara Gotta’aan gammada’a! Ittuma deebi’ee jedha, gammada’a!
[5] Qajeelummaan teessan nama mara biratti ta beekkante teetuu ti; Goottaan dhufiisa geyeera.
[6] Maarre daadimataan, kadha’aa fi galataan waan mara Waaqatti beessisa’a malee waan tokkolle’eef hin yaadina’a.
[7] Nageenni Waaqaa ka hubantii namaa mara caalu, karaa Yesuus Kiristoosiitiin gadha’aa fi qalbii teessan hin eega.
[8] Muummee irratti obboleeyyan tiyya! Qalbii teessan waan dansa’aa fi waan galateeffachiisuun guuta’a: waan dhugaa te’e, waan ulfinnaa, waan sirrii te’e, waan qulluu te’e, waan gammachiisuu fi waan galata qabu maraa yaadadha’a!
[9] Waan ana irraa barattane, waan ana irraa fudhattane, waan ana irraa dhageettanee fi waan ani hujuun dhaggitane maraa isinille tolcha’a! Waaqi abbaan nageyaa isin woliin hin jiraata.
[10] Yennaa heddu’uun duuba ammalle anaaf yaadatuu waan jalqaddaneef, ani Gootta’atti guddoo gammada. Duraanuu dhugumaan anaaf yaadataa turtane; huji’iin mudhisiisaaf ammoo daguu hin dhagganne.
[11] Kana jechuun kiyya ani gatameera jechu’uu moti; ani, «Ka qabuu na geya» jechuu baradheera.
[12] Ani waan diqqo’oo fi haga barbaachisuun caalaalle horatiis maan akka te’e beeka; maarre ani dhossaa haala maraa fi addee maratti quufaa fi beelaan, haga naa barbaachisuun gadii fi haga naa barbaachisuun ol qabaatiisalle baradheera.
[13] Hunna Kiristoos anaaf kennuun waan mara godhiisaaf hin dande’a.
[14] Te’uu malee rakkinna kiyya waan qoodantaneef, dansaa gootaneertan.
[15] Yennaa ani jalqaba Oduu Gammadaa lallabiisaaf Maqedooniya’aa baye, isin malee wolde’i kiristaanaa tokkolle kenniisaa fi fudhatiisaan na gargaariisaaf akka hin hirmaatin, isin worri Filiphisiiyuusii hin beettan.
[16] Yennaa ani Tasalonqe’elletti rakkadhe, itti deddeebitanee gargaarsa anaaf ergitaneertan.
[17] Kenniisaan ittuma eebba akka dhaggattanuuf malee, kennaa teessan dhaggatiisaaf barbaadeetii moti.
[18] Waan anaaf barbaachisuu fi haga anaaf barbaachisuun caalaalle fudhadheera; kennaa isin naa ergitane harka Ephafrodixosii irraa fudhadhee naa mijooteerti; kennaan teessan tun, akka ciincaa uddaa qabuu, ka Waaqi fudhatuutii fi itti gammaduu ti.
[19] Waaqi kiyyalle durummaa ulfinna ifiitiin, karaa Yesuus Kiristoosiitiin, waan isiniif barbaachisu maraa isiniif hin mijeessa.
[20] Waaqa Abbaa keennaaf ulfinni bara baraa haga bara baraa te’u! Ameen.
[21] Kolbaa Waaqaa maratti maqaa Yesuus Kiristoosiitiin nageya anaaf hima’a; obboleeyyan asi na woliin jirtulle nageya isiniif dhaanti.
[22] Kolbaa Waaqaa mara, keessattuu worri mana mootii worra Rooma’aa keessa jiru nageya isiniif dhaama.
[23] Badhaadhi Goottaa Yesuus Kiristoosii isin woliin jiraatu.