Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 5:57

[1] Ana Phawuloosii fedha Waaqaatiin ergamaa Yesuus Kirsistoosii te’ee fi obboleessa keenna Ximootewoos irraa,

[2] dhugeeffattoota Kiristoosiin woyyoontanee fi addatantane, ka qachaa Qolaasiyaasii keessa jirtanuuf: Waaqi Abbaan keenna badhaadhaa fi nageya isiniif kennu.

[3] Yennaa isiniif daadimannu, yennaa mara Waaqa Abbaa Goottaa keenna Yesuus Kiristoosii hin galateeffanna.

[4] Sababille Kiristoos Yesuusitti dhugeeffatuu kessaanii fi kolbaa Waaqaa mara jaallachuu keessan dhageenneerra.

[5] Jecha Waaqaa ka teete Oduun Gammadaa, yennaa jalqaba gara keessan geette, addii isii keessa jirtu dhageettaneertan; tanaaf dhugeeffanna’aa fi jaalalli keessan addii ol-gubba’atti qophoottee, isin eegattu irratti hundootte.

[6] Isin Oduu Gammadaa tana haga dhageettanee fi dhugummaa badhaadha Waaqaalle guyyaa hubattaneen jalqaddanee, Oduun Gammadaa tun odduu teessanitti akkuma teete, biyya lafaa duudii keessatti midhaan buusiisaa fi guddatiisatti jirti.

[7] Ephafraa jaallatamaa ka addee teenna bu’ee tajaajilaa addatamaa Kiristoosii te’ee fi ka nu wolille’een hojjatu irraa tana barattaneertan.

[8] Ayyaana Waaqaatiin isin wol jaallatiisa keessanille inni nutti himeera.

[9] Tanaaf guyyaa waan kana dhageennee jalqannee, isin qaroomaa fi hubantii Ayyaanaa maraan, beekkuma guutuu ka ittiin fedhii Waaqaa hubatanu akka qabaattanu isiniif daadimatiisaa fi Waaqa kadhatiisa hin lakkinne.

[10] Akka isin akka Goota’aa maltetti le’iisaan guutuma guutu’utti isa gammachiittanu, hujii dansaa hujiisaan midhaan akka buuttanuu fi Waaqalle beekiisaan ittuma guddattanu hin daadimanna.

[11] Goottaan hunna ifii ulfaata’aan, jabeenna isiniif kennu; waan mara ossaan dande’iisaafille ka gammaddanu isin godhu.

[12] Mootummaa ifaa keessatti worra woyyicha woliin dhaala akka qoodattanu, Waaqa Abbaa isin geessiselle gammadaan galateeffadha’a.

[13] Inni hunna dukkanaa jalaa nu fayyisee gara mootummaa Ilma jaallatamee akka gallu nu tolcheera.

[14] Nuuti Ilma isaatiin wodannee, araara cubbuu teennaa dhagganneerra.

[15] Kiristoos Waaqa ilaan hin dhagganneef fakkeenna dhugaamessa. Inni angafa waan dadame maraa ti.

[16] Sababilleen wonni ol-gubba’aa fi lafa irra jiru, wonni mudhatuu fi hin mudhanne, hunnootii fi bulchitooti ol-gubba’aa, dura aantole’ee fi worri baallii qabanu duudiinuu isaan dadamane. Waaqi waan duudii karaa isaatii fi isaaf dade.

[17] Inni waan duudi’iin duraa jira; wonni duudiin isaan wol qaqqabatee dhaabbate.

[18] Inni wolde’a kiristaanaa ka nafa isaa te’eef mata’a; waan maraan ka durse te’iisaaf, du’aa ka’iisalle’een ka qaraatii fi ka jalqabaa ti.

[19] Guutummaa waaqumma’aa Ilma isaa keessa akka jiraattu, fedha Waaqa Aabba’aa waan te’eef tun teete.

[20] Waaqi waan ol-gubbaa jirulle te’ee, waan lafa irra jiru mara ifi woliin araarse; dhiiga Ilma ifii ka fannoo irratti jigeen nageya buuseera.

[21] Duraan Waaqa irraa fagaattanee le’aa turtane; waan hantuu yaadiisaa fi hujiisaan diina isaa teetaneettaniiyyu.

[22] Amma ammoo woyyoole’ee fi qulqulloolee, ka komiille hin qanne isin godhee fuula ifii duratti dhikeessiisaaf, Ilmi isaa nafa namumma’aatiin waan du’eef Waaqi ifi woliin isin araarse.

[23] Te’uu malee dhugeeffanna’aan hundoottanee, jabaattanee dhaabbachu’uun, addii karaa wongeelaatiin dhageettane irraa hin tacho’ina’a. Wongeelli kunille kama isin dhageettanee fi worra biyya lafaa irra jiru maraaf lallabameeru; ani Phawuloosille tajaajilaa wongeela kanaa ta’eera.

[24] Ani amma isiniif rakkachuu kiyyaan hin gammada; marroo wolde’a kiristaanaa ka nafa isaa te’eelle, rakkinna Kiristoosii qoodamiisa irraa waan naa dhidhate foon kiyyaan rakkatiisaan hin guuta.

[25] Jecha Waaqaa guutuma guutu’utti isiniif mudhisiisaaf, akkuma itti gaafatamummaan naa kennantetti ani tajaajilaa wolde’a kiristaanaa te’eera.

[26] Jechi Waaqaa kunille, dhossaa baroota dabarane ilmaan namaa duraa dhokattee turtee, amma ammoo kolbaa isaatitti mudhiffante.

[27] Waaqi dhossaa ifii ta ulfinna guutuu qaddu tana worra Yihudoota hin te’in oddu’utti, kolbaa ifiititti mudhisuu filateera. Dhossaan mudhatte tunille Kiristoosii isin keessa jiru; inni ulfinna isin dhaggattanuuf addii keessan.

[28] Maarre nuuti nama maraaf Kiristoos lallanna. Nami mara Kiristoosiin ka bilchaate akka te’u, qarooma maraan nama mara hin gorsina, hin barsiinnalle’e.

[29] Tun akka teetuuf, karaa hunna jadduu Kiristoos kennuu, ta ana keessatti hujiisatti jirtuutiin, ani wodhaantoo qabataa itti elowa.

Qolosaayisii — Chapters