Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:24

[1] Muummee irratti, obbboleeyyan tiyya! Gootta’atti gammada’a; waan kanaan dura isiniif barreesse irra deebi’ee yoo isiniif barreesse ana hin bagsiisu; kun isinille dokonkora irraa hin eega.

[2] Worra akka sare’ee foon nafa namaa kukkutiisaan, hantuu godhu irraa ifi eeggadha’a!

[3] Nuuti worra Ayyaanaan Waaqa waaqoffannuu fi worra Yesuus Kiristoosiin ifi janyu malee, worra sirna fooniititti addannu waan hin te’iniif, dhugumaan haqanqabaa qabanneerra.

[4] Adoo waan ifi jajiisi barbaachisaa te’e, ani waan heddu’uun ifi jajiisaaf hin dande’a; nami sirna fooniitiin ifi jaju yoo jiraate, ani isa caalaa waan ittiin ifi jaju qaba.

[5] Dhaladhee guyyaa saddeetesso’oo haqanqabaa qabadhe; sanyii Israa’elii, gosa Beniyaamii keessaa dhaladhe. Abbaan kiyyaa fi haati tiyya Ibroota waan te’aneef ani Ibricha makaa hin qanne; karaa seera eegatiisaatille’een, ani worra Fariisaayotaa keessaa tokko

[6] Seera kanaaf hinaafiisaan wolde’a kiristaanaa miidhaa ture; balchummaan seera eegatiisaan waan dhaggantu adoo teetee, ani komii hin qabuuyyu.

[7] Amma ammoo Kiristoosiif jedhee, waan bu’aa anaaf qabu maraa akka waan bu’aa hin qanneetitti laakkoweera.

[8] Kana calla’aa moti; Goottaa kiyya Yesuus Kiristoos beekuun, waan mara waan caaluuf, ani waan maraa akka waan bu’aa hin qanneetitti hin laakkowa; Kiristoos bu’aa kiyya godhatiisaaf kun maraa anaaf waan bu’aa hin qanne te’eera; akka kosi’iille laakkoweera.

[9] Akkisiin ani ka Kiristoosii te’ee dhaggame. Maarre balchummaan tiyya ta seera eeggatiisaan dhaggante adoo hin te’in, Kiristoositti dhugeeffatiisaan ta dhaggante; balchummaan tun Waaqa irraa dhutti; dhugeeffannaa irralle’etti hundootti.

[10] Ani Kiristoosii fi hunna du’aa ka’a isaa beekuu, rakkinna isaa qoodamu’uu fi du’alle’een isa fakkaatuu barbaada.

[11] Du’aa ka’ee akka jiraadhu hin addadha.

[12] Kana maraa dhaggadheera yookiin guutadheera jechu’uu moti; ammoo Kiristoos ka ifii na godhatee badhaasa anaaf qopheesse san harkatti galfatiisaaf hin mixiixxadha.

[13] Obboleeyyan tiyya! Ani ammalle akka waan harka keessa galfadheetitti hin laakkowu. Te’uu malee ani waan tokko hin godha; waan duubatti hafe lakkisee, gara waan na dura jiruutitti hiixadha.

[14] Badhaasa kiyya dhaggatiisaafille gara yaada na dura jiruu rukkisa; badhaasi kunille jiruu Waaqi karaa Yesuus Kiristoosiitiin gara ol-gubba’aa na waamee naaf kennu.

[15] Yoona nuti worri jiruu ayyaanaatiin bilchaanne maraa yaada tokko qabaatuu qanna; waan tokko tokko irratti yaada adda addaa yoo qabaattanelle, Waaqi sanille isiniif hin mudhisa.

[16] Te’uu malee waanuma duraan baranne callaa jabeessinee qabannuu ti.

[17] Obboleeyyan tiyya! Fakkeenna kiyya hordofiisatti hirmaadha’a! Worra fakkeenna keenna hordofulle hubadha’aa ilaala’a

[18] Kanaan dura akkuma yennaa hedduu isinitti hime, ammalle imimmaaniin isintitti hima; worri hedduun fannoo Kiristoosiitiif diina te’aneeran.

[19] Muummeen isaanii badi’i; gadhaan isaanii waaqa isaanii ti; salphinni isaaniif ulfinna; waan lafaa qofa yaadatan.

[20] Nuuti ammoo nama biyya ol-gubba’aa ti; nuuti Goottaa keenna Yesuus Kiristoos, Fayyisaa achii dhufu dharra’aan eegganna.

[21] Inni hunna ittiin waan mara baallii ifii jala godhuun, nafi keenna salphataan kun, nafa isaa ka ulfinna qabu san akka fakkaatuuf hin jijjiira.

Filiphisiiyusii — Chapters