[1] Bara duubaatittii namooti gariin, ayyaanota wollalchisa’aa fi barsiisa durriisotaa hordofiisaan dhugeeffannaa irraa akka dacha’anu Ayyaanni Waaqaa qulleessee hima.
[2] Barsiis akkasii kijiboota dhara dubbatiisan wodanaan isaanii akka sibiila o’aan gubamee dillaye irraa dhufa.
[3] Worri kun fuudhaa fi heeruma, sagalee akkasiitii fi akkasii nyaatuun dhoogga’a» jedhan. Waaqi ammoo, sagalee tana akka nyaatanuuf dade; worri dhugeeffatuu fi worri dhugaa beekiisaaf dhufe daadimata galataatiin nyaata.
[4] Wonni Waaqi dade duudiin dansa’a; wonni daadimata galataatiin fudhatante takkaalle hin jibbatantu,
[5] isiin sababa jecha Waaqaatii fi daadimataatiif Waaqa biratti fudhatama dhaggatti.
[6] Barsiisa kana dhugeeffattoota yoo barsiitte, jecha dhugeeffanna’aatii fi barsiisa dhuga’aa ka hordotte saniin guddataa, tajaajilaa dansaa Yesuus Kiristoosii hin teeta.
[7] Oduu durii ta beera dulloontee, ta gatii hin qanne hin fudhatin. Addee san leetoo Waaqi fedhuu le’iisaaf ifi leenjisi.
[8] Nafa jajjabeessu’uuf ifi leenjisuun bu’aa diqqoo qaba; leetoo Waaqi fedhu le’iisaaf ifi leenjisuun ammoo, le’ii ammaatii fi ta dhuttulle’eef addii waan qabuuf karaa maraan bu’aa qaba.
[9] Jechi kun jecha dhugicha guutuma guutu’utti fudhatamu’uu male.
[10] Nuuti Waaqa jiraataa fayyisaa nama duudi’ii, keessattuu ka worra isatti dhugeeffatuu te’etti waan addannuuf huji’iin dadhabaa farralle dhaggina.
[11] Tana duudii isaan ajajii barsiis.
[12] Dubbii afaan keeti keessaa baatuun, haasowaan, le’iin, jaalalan, dugeeffanna’aa fi qulqullumma’aan dhugeeffattootaaf fakkeenna te’i malee, dargaggeessa waan teeteef eennulle si hin tuffatin.
[13] Haga ani dhufutti, Barreeffama Woyyicha kolba’aaf dubbisiisa, lallabiisaa fi barsiisiisatti jabaadhu.
[14] Kennansa yennaa raagoti dubbaattee fi jaarsooleen wolde’a kiristaanaa harka ifii si irra keette si’iif kenname, kennansa Ayyaanaa ka si keessa jiru san hin dagatin.
[15] Akka nami duudiin guddinna keeti dhaggu waan kana ifi kennii huji.
[16] Ati mataa keetii fi barsiisa keeti miidhassii ilaalladhu, waan kana itti jabaadhu; akkas godhiisaan mataa keetii fi worra si dhage’u hin fayyitta.