Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:56

[1] Nami tokko sooressaa Wolde’a kiristaanaa te’iisaaf yoo barbaade, hujii kabajantuu halcha jechi jedhu dhuga’a.

[2] Sooressaan wolde’a kiristaanaa nama komii hin qanne, nama niitii takkattii qofa qabu, nama hagatti le’u, nama ifi qabatu, nama kabajjaa qabu, nama keessummaa fudhatu, nama barsiisuu dande’u,

[3] nama hin machoonne, nama hunnaan hin lolle, nama qajeelaa, nama moromaa hin jaalanne, nama beesee hin jaalanne,

[4] nama maatii ifii sirri’itti bulfatu, nama ijoolleen ulfinnaan isaaf ajajantu te’uu qaba.

[5] Nami tokko maatii ifii bulfatiisa yoo hin dandeenne, attam dande’ee wolde’a kiristaanaa ka Waaqaa bulchiisaaf dande’a ree?

[6] Kijibaan afuufamee, muraa tanaan qara Seexannatti muranteetti akka hin jinne, nama dhiyoo dhugeeffate hin te’in.

[7] Maqaa isaa badee tiyyoo Seexanaa keessatti akka hin jinne, nama alaa biratti gurra dansaa qabaachuu qaba.

[8] Akkasuma qarqaartoti wolde’a kiristaanaallee worra ulfinna qabu malee, worra arraba lama dubbatu, worra unii fakkansu, worra qarshi’iif joljolu te’uu hin qabanu;

[9] wodanaa qullu’uun dhossaa dhugeeffannaa dhuga’aa jabeessanee qabatuu qaban.

[10] Isaan dursanee ilaallatamanuu ti; achiin duuba ka komii hin qanne yoo te’ane qarqaartota wolde’a kiristaanaa te’anee tajaajilaanuu ti.

[11] Akkasuma niitoti qarqaartotaalle ta kabajjaa qaddu, ta hin hamanne, ta hagatti leetu, ta waan maraan addatantu te’uu qaddi.

[12] Qarqaartichi wolde’a Kiristaanaa tokko ka niitii takkaa qofa qabu te’ee, ijoolle’ee fi maatii ifii akka dansaa ka bulfatu te’uu qaba.

[13] Qarqaartoti wolde’a kiristaanaa, worri hujii dansaa hujanu ulfinna guddaa dhaggatanee, marroo dhugeeffannaa ifii ta Yesuus Kiristoositti qabanuun jabeenna guddaa dhaggatan.

[14] Ani dafee gara keeti akka dhufu addii qaba, haga sanitti ammoo gorsa kana si’iif barreesaara.

[15] Ammoo yoo ani ture, mana worra Waaqaa keessatti nami amala attamii qabaachuu akka male akka beettuuf kun si gargaara; manni kunille utuba’aa fi hundee dhugaa wolde’a kiristaanaa ka Waaqa jiraata’aa ti.

[16] Dhossaan dhugeeffannaa teennaa mama tokko malee guddo’oo; tanaaf, «Inni foon uffatee mudhateera, dhugaa akka te’e Ayyaanaan mirkaneeffameera, ergantoota Waaqaatitti mudhateera, kolbaa biyya lafaatiif lallabameera, biyya lafaa duudi’itti dhugeeffatameera ulfinnaan gara ol-gubba’aa fudhatameera» jedhamee himameera.

1 Ximootewoosii — Chapters