[1] Amma waan duudi’iin dura, kadhaan, daadimannaan, worra dhibiif daadimatu’uu fi galata dhiyeessuun Waaqa duratti nama duudi’iif akka godhamuuf gorsa.
[2] Nageyaa fi sarmiisaan, Waaqa soda’aa fi adaba dansa’aan akka leenu, mototaa fi worra baallii ol aantuu qabu duudi’iif daadimadha’a.
[3] Daadimati akkasii Waaqa fayyisaa keenna duratti dansa’aa fi ka fudhatama qabu.
[4] Inni nami duudiin akka fayyuu fi dhugaa akka beeku barbaada.
[5] Waaqi tokkocha; wodhakkaa jiraatee Waaqaa fi nama ka wolitti araarsu tokkocha; inni nama te’ee ka mudhate Yesuus Kiristoos.
[6] Ka sanyii namaa duudii wodiisaaf mataa ifii dabarsee kenne isa; isiin tunille yennaa itti te’uu maltetti mirkanootte.
[7] Maarre anille sababa kanaaf dhugeeffanna’aa fi dhugaa lallabiisaaf ergama’aa fi barsiisaa te’ee, gara worra Yihudoota hin te’inii ergame. Ani dhugaa dubbatiisatti jira malee hin sobu.
[8] Worri dhiiraa addee maratti aari’ii fi moromaa malee, yaada qullu’uun harka isaanii ka woyyoome ol kaasanee akka daadimatanu barbaada.
[9] Dubartootille mataa shoobaa dhowattee, yookiin worqi’iin yookiin dooqaan seefatiisa, yookiin woyaa gatii guddo’oo uffatiisa adoo hin te’iin, ifi qabattee woyaa isi’iif malte akka uffattu barbaada.
[10] Dubartooti Waaqa waaqeffanna jettu akka godhuu maltetti hujii dansa’aan ifi seefattuuti.
[11] Dubartiin cadheessaa fi ajajamaan barattuu ti.
[12] Isiin akka barsiittu yookiin dhiira irratti baallii akka qabaattu ani hin eeyyamu; isiin cadhisuu qaddi.
[13] Sababille Addaam matooma dadamee, Heewwan ammoo achiin duuba dadante.
[14] Ka sobamelle Addaamii moti; sobantee seera Waaqaa ta cassite dubartitti’i.
[15] Teetuu malee dubartiin dhugeeffanna’aa fi jaalalan, woyyumma’aan ifi qabattee yoo jabaatte ilmee deyiisaan hin fayyiti.