[1] Yaa Nanawwe, inni rukutee si caccabsu sitti in dhufa, masaraa irra eegduu dhaabi, karaas eegsisi! Mudhii kee jabeeffadhu, humna waraanaa kees cimsii qopheeffadhu!
[2] Warri saamtuun sanyii Yaaqoob saamanii, waynii isaanii yoo duraa balleessan iyyuu, Waaqayyo akkuma isaanii duriitti Israa'eliif ulfina in deebisa.
[3] Loltoonni diinaa uffata dhiilgee uffatu, gaachanni loltoota isaa warra jajjaboo diimaa dha; sibiilli konkolaattota isaatii, yeroo qopheeffamee ba'u akka arraba ibiddaa in ifa, eeboon isaas in mirmirfama.
[4] Konkolaattonni ija mataa hin qabneen karaa irra asii fi achi in fiigu, waltajjii karaa irras gara fuula duraa fi dugda duubaatti in kaatu; bifni isaanii guca boba'u in fakkaata, akka bakakkaas asii fi achi in darbatamu.
[5] Diinni loltoota isaa warra ulfina-qabeeyyii in waama, isaan karaa isaanii irratti in gufatu, gara dallaa mandarattiittis ariitiidhaan in fiigu, da'oonis iddoo iddoo isaatti in qopheeffama;
[6] karri lagichaa caccabee banamaa in ta'a, manni mootummichaas huursee in jiga;
[7] mootittiin qullaatti haftee booji'amtee in adeemti; xomboreewwan ishee qoma isaanii rurrukutatanii, akka gugee in guungumu.
[8] Nanawween akka kuufama bishaanii ti, akkuma bishaan kuufamicha keessaa yaa'ee sokku, namoonni ishee ishee keessaa yaa'anii in sokku. “Dhaabadhu! Dhaabadhu!” yommuu ittiin jedhanis, tokko illee kan deebi'u hin jiru.
[9] Wanti achi keessa jiru, badhaadhummaan gombisaa ishee keessaas dhuma hin qabuutii, egaa meeticha saamaa, warqichas saamaa!
[10] Isheen saamamtee onteetti, duwwaatti hafteettis; sodaattee lapheen dha'ateera; jilbis raafameera, dhagni in hollata, fuulli hundinuus in geddarama.
[11] Iddoon leenconni keessa dhokatan meerree” Lafti isaan ilmoolee isaanii itti sooran, iddoon leenci kormaanii fi leenci dhalaan dhaqaa turan, lafti ilmooleen leencaa bir'aa malee taa'aa turanis meerree”
[12] Leencichi nyaata ilmoolee isaatiif hamma ga'u ajjeeseera, leenca dhaltuu ishee kan isaatiifis hamma ga'u qabeera; boolla isaa wanta ajjeeseen, iddoo dhokannaa isaas wanta qabeen guuteera.
[13] Waaqayyo gooftaan maccaa, “Kunoo, ani siin nan morma; konkolaataa kee aaraan nan guba, ilmoolee leencaa kees billaan in fixa; ani wanta ati qabattee nyaattu lafa irraa raawwadhee nan balleessa, sagaleen ergamoota keetiis deebi'ee hin dhaga'amu” jedhee dubbateera.