[1] Mul'anni waa'ee Nanawweettiif Naahom Elqoshichatti mul'ate macaafa kana keessatti caafamee jira.
[2] Waaqayyo hinaafaa dha, gooftaa ijaa baafatuu dhas; Waaqayyo ijaa in baafata, dheekkamsi isaas sodaachisaa dha; Waaqayyo warra isaan morman irratti ijaa in baafata, dheekkamsi isaas baruma baraan diinota isaa irratti in hafa.
[3] Waaqayyo aangoo guddaa qaba, dheekkamuuf hin ariifatu, isa yakke immoo adabuu hin dhiisu; inni qilleensa bubbisuu fi bubbee humna-qabeessa keessa in adeema, duumessoonnis awwaara miilla isaatii ti;
[4] inni galaana ifatee in gogsa, lagoonni hundinuus akka gogan in godha; Baashaanii fi Qarmelos in coollagu, daraaraan Liibaanonis in harca'a.
[5] Fuula isaa duraa tulloonni in raafamu, gaaronnis in baqu; lafti, biyyi lafaa, wanti ishee keessa jiraatu hundinuus, fuula isaa duraa in hollatu.
[6] Dheekkamsa isaa dura eenyutu dhaabachuu danda'a” Aarii isaa isa sodaachisaa duras eenyutu ijaajja” Dheekkamsi isaa akka ibiddaa in boba'a, kattaawwanis fuula isaa duraa in caccabu.
[7] Waaqayyo gaarii dha, yeroo rakkinaattis iddoo baqaa ti, warra isa amanatanis beeka;
[8] Nanawwee garuu tinfa lolaatiin raawwatee in balleessa, diinota isaas ari'ee dukkanatti in galcha.
[9] Isaan Waaqayyo irratti maal koratu” Inni raawwatee isaan in balleessa; egaa rakkinni deebi'ee hin argamu.
[10] Isaan akka qoraattiitti wal xaxanii, dhugaatii isaaniitiinis machaa'anii, akka cidii gogaatti in gubatu.
[11] Yaa Nanawwe, inni Waaqayyo irratti koratu, inni wanta jal'aa mari'atus si keessaa ka'e.
[12] Waaqayyo gooftaan,“Isaan humna guutuu yoo qabaatan, baay'ee yoo ta'anis, duguugamanii in balleeffamu; yaa Yihudaa, ani kanaan dura si dhiphiseera yoon ta'e iyyuu, si'achi deebi'ee si hin dhiphisu;
[13] egaa ani waanjoo isaanii gurmuu kee irraa nan cabsa, hudhaa isaas si irraa nan cira” jedhe.
[14] Yaa Nanawwe, Waaqayyo, “Mana waaqayyolii keetii keessaa bifa qirixamaa fi waaqayyolii baqfamanii hojjetaman diigee nan balleessa; ati jibbisiisaa waan taateef, akka ati awwaalamtu nan godha; si'achi immoo sanyiin maqaa kee waamsisu siif hin dhalatin!” jedhe; Waaqayyo waa'ee keetiif jedhee murtoo kana dabarseera.
[15] Yaa Yihudaa, gara ergamaa isa tulloota irratti misraachoo himuu, gara isa nagaa labsuus ilaali! Ayyaannan kee ayyaaneffadhu, wareega kees raawwadhu! Warri hamoonni raawwatanii waan balleeffamaniif, si'achi deebi'anii si hin balleessan.