Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 9:28

[1] Namoonni warri Nebukadnezaar mootiin Baabilon kutaa biyya Yihudaa keessaa booji'ee biyya Baabilonitti geessee turee, amma immoo iddoo itti booji'aman sanaa deebi'an kanatti aananii kan jiranii dha; isaan deebi'anii gara Yerusaalemii fi Yihudaa dhufanii, adduma addaan gara mandara mandara isaaniitti in galan.

[2] Geggeessitoonni isaanii Zarubaabel, Iyaasuu, Nahimiiyaa, Seraayaa, Re'elaayaa, Mordekaayi, Biilshaan, Miisphaar, Biigwaayi, Rehuumii fi Ba'anaa turan.

[3] Lakkoobsi namoota Israa'el kanatti fufee kan jiruu dha; gosi Faarosh kuma lamaa fi dhibba tokkoo fi torbaatamii lama;

[4] gosi Shefaaxiyaa dhibba sadii fi torbaatamii lama;

[5] gosi Araa dhibba torbaa fi torbaatamii shan;

[6] gosi Fahat Mo'aab isaanis gosa Iyaasuu fi Yo'aab keessaa kuma lamaa fi dhibba saddeetii fi kudha lama;

[7] gosi Elaam kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;

[8] gosi Zaatuu dhibba sagalii fi afurtamii shan;

[9] gosi Zakaayi dhibba torbaa fi jaatama;

[10] gosi Baanii dhibba ja'aa fi afurtamii lama;

[11] gosi Bebaayi dhibba ja'aa fi digdamii sadii;

[12] gosi Azigaad kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi digdamii lama;

[13] gosi Adoniiqaam dhibba ja'aa fi jaatamii ja'a;

[14] gosi Biigwaayi kuma lamaa fi shantamii ja'a;

[15] gosi Aadiin dhibba afurii fi shantamii afur;

[16] gosi Ateer sanyii Hisqiyaas keessaa sagaltamii saddeet;

[17] gosi Bezaayi dhibba sadii fi digdamii sadii;

[18] gosi Yoraa dhibba tokkoo fi kudha lama;

[19] gosi Hashuum dhibba lamaa fi digdamii sadii;

[20] gosi Gibaar sagaltamii shan.

[21] Gosi warra Betlihem dhibba tokkoo fi digdamii sadii;

[22] warri Netofaa shantamii ja'a;

[23] namoonni Anaatot dhibba tokkoo fi digdamii saddeet;

[24] gosi Azmaawet afurtamii lama;

[25] gosi Kiriiyat-Ya'ariim Kefiiraa fi Be'erot dhibba torbaa fi afurtamii sadii;

[26] gosi Raamaa fi Gebaa dhibba ja'aa fi digdamii tokko;

[27] namoonni Miikmaash dhibba tokkoo fi digdamii lama;

[28] namoonni Bet'elii fi Aayi dhibba lamaa fi digdamii sadii;

[29] namoonni Neboo shantamii lama;

[30] namoonni Magbiish dhibba tokkoo fi shantamii ja'a;

[31] gosi Elaam garri kaan kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi shantamii afur;

[32] gosi Haariim dhibba sadii fi digdama;

[33] gosi Lod, Haadiidii fi Onoo dhibba torbaa fi digdamii shan;

[34] gosi warra Yerikoo dhibba sadii fi afurtamii shan;

[35] gosi Senaa kuma sadii fi dhibba ja'aa fi soddoma.

[36] Luboonni immoo, gosa Yedaa'iyaa keessaa maatiin Iyaasuu dhibba sagaliif torbaatamii sadii;

[37] gosi Iimer kuma tokkoo fi shantamii lama;

[38] gosi Phaashhur kuma tokkoo fi dhibba lamaa fi afurtamii torba;

[39] gosi Haariim kuma tokkoo fi kudha torba.

[40] Lewwoonni immoo, gosi Iyaasuu fi Qadmii'el warri gosa Hodaawiiyaa keessaa torbaatamii afur.

[41] Faarfatoonni immoo, gosi Asaaf dhibba tokkoo fi digdamii saddeet.

[42] Karra eegdonni immoo, gosi Shaalum, gosi Ateer, gosi Xalmoon, gosi Aquub, gosi Haxiixaa fi gosi Shobaayi walumatti dhibba tokkoo fi soddomii sagal.

[43] Warra mana qulqullummaa keessaa hojjetan keessaa immoo, gosa Siihaa, gosa Hasufaa, gosa Xabaa'ot,

[44] gosa Qeros, gosa Sii'ehaa, gosa Faadon,

[45] gosa Lebaanaa, gosa Hagaabaa, gosa Aquub,

[46] gosa Hagaab, gosa Shamlaayi, gosa Haanaan,

[47] gosa Giidel, gosa Gahar, gosa Re'aayaa,

[48] gosa Resiin, gosa Neqodaa, gosa Gazaam,

[49] gosa Uzaa, gosa Faasehaa, gosa Besaayi,

[50] gosa Asinaa, gosa Me'unootaa, gosa Nefusiim,

[51] gosa Baqbuq, gosa Haqufaa, gosa Harhur,

[52] gosa Baslut, gosa Mehiidaa, gosa Harishaa,

[53] gosa Barqos, gosa Siiseraa, gosa Taamaa,

[54] gosa Nesiiyaa fi gosa Haxiifaat.

[55] Gosa hojjetoota Solomoon keessaa immoo, gosa Soxaayi, gosa Hasoferet, gosa Farudaa,

[56] gosa Ya'alaa, gosa Daarqon, gosa Giidel,

[57] gosa Shefaaxiyaa, gosa Haxiil, gosa Fokeret, gosa Hasbaayimii fi gosa Amiit;

[58] hojjetoonni mana qulqullummaa fi gosi hojjetoota Solomoon walumatti dhibba sadii fi sagaltamii lama.

[59] Warri mandara Tel-Melaatii, mandara Tel-Haareshaatii, mandara Keruubii, mandara Adaanii fi mandara Iimerii ba'anii dhufanii sanyiin isaanii yookiis qomoon isaanii Israa'el ta'ee fi hin taanee isaa waan ittiin amansiisan dhaban, kanatti fufanii kan jiranii dha.

[60] Isaanis gosa Delaayaa, gosa Xobiiyaa fi gosa Neqodaa ti; lakkoobsi isaaniis dhibba ja'aa fi shantamii lama.

[61] Luboota keessaa immoo, gosa Habaayaa, gosa Haqozii fi gosa Barziilaayi isa intala Barziilaayi Giil'aadichaa fuudhee maqaa kanaan waamamee dha.

[62] Isaan kun warra akka hidda dhaloota isaaniitti caafaman keessaa maqaan sanyii isaanii waan dhabameef akka xuraa'ootti lakkaa'amanii hojii lubummaa keessaa in baafaman.

[63] Kana irratti bulchaan biyyichaa,“Hamma lubni Uriimii fi Tumiimin fuudhee ittiin gargar baasee gaafatu argamutti, nyaata hundumaa caalaa qullaa'aa ta'e hin nyaatinaa!” jedhee isaan in abboome.

[64] Lakkoobsi warra biyya itti booji'amanii deebi'anii guutummaatti kuma afurtamii lamaa fi dhibba sadii fi jaatama.

[65] Kana biratti immoo lakkoobsi hojjetoota isaanii dhiironnii fi dubartoonni kuma torbaa fi dhibba sadii fi soddomii torba; akkasumas faarfatoota dhiirotaa fi dubartoota dhibba lama qabu turan.

[66] Fardeen isaanii dhibba torbaa fi soddomii ja'a, gaangoliin isaanii dhibba lamaa fi afurtamii shan;

[67] gaalonni isaanii dhibba afurii fi soddomii shan, harroonni isaanii kuma ja'aa fi dhibba torbaa fi digdama.

[68] Jarri iddoo mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa jiru yommuu ga'an, angafoota qomoo keessaa kaan manichi iddoo isaatti deebi'ee akka ijaaramuuf fedha isaaniitiin kennaa in dhi'eessan;

[69] isaan akka akka humna isaaniitti buusanii walumatti warqee akka kiilo graamii dhibba shan, meetii akka kiilo graamii kuma sadii miijanuu fi uffata luboonni uffatan dhibba tokko, nama wanta hojichaaf walitti qabamu baatutti in kennan.

[70] Warri lubootaa, warri Lewwootaa, namoonni warri kaanis, warri faarfatootaa, warri karra eegan, hojjetoonni mana qulqullummaa, Israa'eloonni warri kaanis mandara mandara isaanii keessa in jiraatan.

Macaafa Izraa — Chapters