Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:26

[1] Dubbiin Waaqayyoo inni karaa Ermiyaas raajichaa dubbatame akka raawwatamutti, Qiiros mootiin Faares mo'ee waggaa tokkoffaatti, Waaqayyo yaada mootichaa in kaase; kanaaf Qiiros mootichi akka kanatti aanee jirutti guutummaa mootummaa isaa keessatti labsii labsisiisee, caaffataanis baasee,

[2] “Ani Qiiros mootiin Faares,“Waaqayyo gooftaan bantiiwwan waaqaa, mootummoota biyya lafaa hundumaa anaaf kenneera; Yerusaalem ishee Yihudaa keessaatti mana isaaf akkan ijaaruufis na abboomeera.

[3] Amma saba isaa keessaa namni isin gidduu jiru Waaqayyoon isaa isaa wajjin waan jiruuf, Yerusaalem ishee Yihudaa keessaatti ol ba'ee, mana qulqullummaa Waaqayyo gooftaa isa kan Israa'el, kan Waaqayyoo isa mandara Yerusaalem keessa jiru, deebisee haa ijaaru!

[4] Warri biyyaa kennaa fedha isaaniitiin mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa jiruuf kennan malee, Yihudoota warra lafa turanitti hafaniif meetii, warqee, mi'a garaa garaa fi horii qe'ee haa kennan!” jedheera” jedhe.

[5] Yommus qomoo Yihudaa fi Benyaamiin keessaa angafoonni, luboonnii fi Lewwoonni, warri Waaqayyo yaada isaanii kaase hundinuu dhaqanii mana qulqullummaa isa Yerusaalem keessa jiru deebisanii ijaaruudhaaf in ka'an.

[6] Olloonni isaanii hundinuu kennaa fedha isaaniitiin kennan malee, mi'a meetiitiin, warqeedhaan, mi'a garaa garaatiin, horii qe'eetii fi mi'a gati-jabeessaan isaan in gargaaran.

[7] Kana malees Qiiros mootichi, mi'a mana Waaqayyoo isa Nebukadnezaar Yerusaalemii fudhatee galee mana waaqayyolii isaa keessa kaa'ee ture gad in baasise.

[8] Qiiros mootiin Faares mi'icha Miitradaat isa qabeenya eegutti kenninaan, inni immoo lakkaa'ee Sheshbazaar guddaa biyya Yihudaatti in kenne.

[9] Lakkoobsi mi'ichaas kanatti fufee kan jiruu dha; waciitiin warqee soddoma, waciitiin meetii kuma tokko, haaduun digdamii sagal;

[10] caabiin warqee soddoma, caabiin meetii akaakuun garaa garaa dhibba afurii fi kudhan, mi'i kan biraa immoo kuma tokko.

[11] Mi'i warqee fi mi'i meetii walumatti kuma shanii fi dhibba afur turan; yeroo warri booji'amanii turan biyya Baabilonii gara Yerusaalemitti deebifaman, Sheshbazaar mi'a kana hundumaas fidee in dhufe.

Macaafa Izraa — Chapters