Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 3:35

[1] Mootichii fi Haamaan gara nyaachisa Asteer mootittiin qopheessitee in dhaqan.

[2] Gaafa guyyaa lammaffaa sana isaan daadhii waynii dhugaa utuu jiranii, mootichi Asteeriin,“Yaa Asteer mootittii, wanti ati kadhattu maali” Innoo siif in kennama; maalis barbaadda” Walakkaa mootummaa kootii iyyuu yoo ta'e, siif in ta'a” jedhe.

[3] Yommus Asteer mootittiin deebiftee,“Yaa mootii, fuula kee duratti faara tolaadhaan ilaalamee yoon jiraadhe, si mootichatti yoo toles, anii fi qomoon koo du'a oollee akka jiraannuuf sin kadhadha!

[4] Utuu nuyi dhiiraa fi dubartiidhaan garbummaa duwwaatti gurguramneerra ta'e, kun hamma kanatti mooticha waan hin miineef, ani hin dubbadhun ture; amma garuu anii fi qomoon koo ajjeefamnee, balleeffamnee, akka barbadeeffamnuuf dabarfamnee gurguramneerra” jette.

[5] Kana irratti Ahashweros mootichi,“Namichi kana gochuudhaaf ija jabaatu kun eenyu inni” Amma eessa jira?” jedhee, Asteer mootittii in gaafate.

[6] Asteer immoo deebiftee,“Diinni keenya inni nu jibbu“Haamaan” isa hamaa kana!” jette; yommus Haamaan mootichaa fi mootittii duratti na'ee in hollate.

[7] Mootichi immoo aarii irraa kan ka'e daadhii waynii isa dhugaa jiran dhiisee ba'ee, gara iddoo dhaabaa mana mootummaa in dhaqe; Haamaan garuu mootichi waan hamaa isa irratti hojjechuuf yaada isaatti murtoo akka godhe yommuu bare,“Du'a na oolchi!” jedhee, Asteer mootittii kadhachuudhaaf achitti in hafe.

[8] Mootichi iddoo dhaabaa mana mootummaatii deebi'ee gara iddoo daadhii waynii itti dhugaa turan sana yommuu dhufe, Haamaan immoo mootittii araara kadhachuudhaaf siree isheen irratti aara galfachaa jirtu irratti in gombifame; mootichis kana argee,“Kanuma irratti immoo iyyuu namichi kun mana keessatti anuma biratti mootittii humnaan qabataa?” jedhee, guddisee in dubbate; akkuma dubbiin kun afaan mootichaa keessaa ba'een, hojjetoonni isaa ija Haamaanitti in haguugan.

[9] Xu'aashota mootichaaf ergaman keessaa inni“Harbonaa” jedhamu tokko,“Kunoo, mukti itti nama rarraasan dhundhuma shantama kan ol dheeratu mana Haamaan keessa jira; Haamaan muka kana Mordekaayi isa waan gaarii dubbatee lubbuu mootichaa oolche sana itti rarraasuuf qopheessee ture” jedhe; yommus mootichi,“Mukichatti Haamaanuma rarraasaa!” jedhe.

[10] Kanaaf jarri muka isa inni Mordekaayiif qopheessee ture sanatti Haamaanin in rarraasan; ergasii aariin mootichaa in qabbanaa'e.

Macaafa Asteer — Chapters