[1] Kana irraa kan hafes, obboloota nana, dubbiin gooftaa dafee iddoo baay'ee ga'ee, isin biratti akkuma fudhatames, ulfinaan akka fudhatamuuf nuuf kadhadhaa!
[2] Nama hundumatu amane miti; kanaaf Waaqayyo harka namoota yakkanii fi hamaa godhanii akka nu oolchuufis immoo kadhadhaa!
[3] Gooftaan garuu amanamaa dha; inni isin in cimsa, isa hamaa sanas isin irraa in eega.
[4] Wanta isinitti himne hundumaa akka raawwattan, raawwachuufis akka jirtan karaa gooftaa isin amananneerra.
[5] Gooftaan garaa keessan gara jaalala Waaqayyo ittiin nama jaallateetti, gara obsa Kristos argisiiseettis haa qajeelchu!
[6] Ammas obboloota nana, isin keessaa nama hojjechuu dhiisee dhibaa'ummaatti jiraatu, nama akka barsiisa isa nu biraa argattaniitti hin jiraannettiis hidhata akka hiikkattan, maqaa gooftaa keenya Yesus Kristosiin isin in abboomna.
[7] Nuyi yommuu isin bira turre, hojjechuu dhiifnee dhibaa'ummaatti hin jiraanne; isinis fakkeenya keenya duukaa bu'uun hammam barbaachisaa akka ta'e ofii keessanii iyyuu in beektu.
[8] Nama tokkotti illee ba'aa akka hin taanef halkanii fi guyyaa hojiitti dadhabnee hojjenne malee, utuu gatii hin baasiniif nama tokko irraa buddeena illee hin nyaanne.
[9] Nu ilaaltanii duukaa akka buutaniif fakkeenya isiniif taane malee, ba'aa isinitti ta'uuf iyyuu nuyi karaa dhabne miti.
[10] Yommuu isin bira turre iyyuu, ?Namni hojii hojjechuu hin barbaanne, midhaanis hin nyaatin!? jennee isin abboomneerra.
[11] Amma immoo isin keessaa kaan hojjechuu dhiisanii dhibaa'ummaatti in jiraatu; ofii isaaniitii waan tokko illee hin hojjetan, hojii namaa keessa lixuu isaanii garuu in dhageenya.
[12] Namoota akkasii kana gab jedhanii akka hojjetan, kan isaaniis nyaatanii akka jiraatan maqaa gooftaa Yesus Kristosiin in abboomna, in gorsinas.
[13] Obboloota nana, isin garuu wanta gaarii gochuutti hin laafinaa!
[14] Nama akka ergaa kanatti dubbii keenyaaf hin abboomamne yaadaan qabadhaa! Akka inni yeella'uttis hidhata isaa ta'uu dhiisaa!
[15] Akka obboleessaatti isa gorsaa malee immoo, akka diinaatti isa hin ilaalinaa!
[16] Gooftaan nagaa ofii isaatii yeroo hundumaa, karaa hundumaan, nagaa isiniif haa kennu! Gooftaan hunduma keessanii wajjin haa ta'u!
[17] Ani Phaawulos nagaa koo kana harka kootiin isiniif nan caafa. Akki ani itti caafus akkuma kana; milikkinni inni ittiin beekamu kun ergaa ani caafe hundumaa irra jira.
[18] Ayyaanni gooftaa keenyaa Yesus Kristos hunduma keessanii wajjin haa ta'u!