Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:57

[1] Ammas obboloota ko, waa'ee dhufa gooftaa keenyaa Yesus Kristosii fi waa'ee isaa wajjin walitti sassaabamuu keenyaa akka beektaniif waanan isin kadhadhu qaba.

[2] ?Guyyaan gooftaa ammuma iyyuu dhufeera? kan jedhu, wanta Waaqayyo nutti mul'isee himu keessa, dubbiidhaan yookiis caaffataan akka waan nu biraa ba'eetti isa odeeffamuun yaadni keessan dafee hin raafamin, hin naasifaminaas!

[3] Waaqayyoon mormanii isa irratti ka'uun utuu hin dhufin, inni hamaan seera malee jiraatus ilmi badiisaa sun utuu bakkeetti hin baafamin, guyyaan sun hin dhufu; kanaaf namni tokko karaa kam illee isin hin walaalchisin!

[4] Inni bakkeetti baafamuuf jiru sun ol of qabuudhaan Waaqayyo kan jedhamuun, waanuma namni itti sagaduunis in morma; ofuma isaatii Waaqayyo ofiin jechuudhaanis mana qulqullummaa Waaqayyoo keessa taa'umsa in dhaabata.

[5] Isa kana utuman isin bira jiruu akkan isinitti hime hin yaadattanii ree?

[6] Yeroodhuma isaatti akka inni mul'atuuf amma wanti isa ittisu akka jiru in beektu.

[7] Hamminni inni dhokataan sun kanumaan dura iyyuu hojii irra jira; garuu inni amma isa ittisu hamma karaa isaa duraa fuudhamutti hin mul'atu.

[8] Kana booddees inni seera malee jiraatu sun in mul'ata; Yesus gooftaan immoo hafuura afaan isaa keessaa ba'uun isa in ajjeesa; mul'inatti deebi'ee dhufuu isaatiinis isa in barbadeessa.

[9] Inni seera malee jiraatu kunis gochaa Seexanaatiin wanta hojii aangoo, milikkitootaa fi dinqii fakkaataniinis in dhufa.

[10] Warri baduuf jiran hundinuu immoo fayyuudhaaf dhugaa jaallatanii fudhachuu waan didaniif, gowwoomsaa hamminaa hundumaa isaan irratti in fida.

[11] Kanaafis Waaqayyo, wanta dhugaa hin ta'in akka amananiif gochaa nama wallaalchisu isaanitti in erga.

[12] Warra jal'inatti gammadanii dhugicha hin amanne hundumaatti akka faradamu in godha.

[13] Obboloota warra gooftaadhaan jaallatamtanii, hafuuraan qulqulleeffamuudhaan, dhugichattis amanuudhaan akka fayyitaniif Waaqayyo warra jalqabaa godhee waan isin fo'ateef, nuyi waa'ee keessaniif yeroo hundumaa Waaqayyoon galateeffachuun nuuf in ta'a.

[14] Ulfina gooftaa keenya Yesus Kristos isinis akka argattanitti inni karaa wangeela isa nuyi isiniif fidne kanatti isin waame.

[15] Egaa obboloota nana, barsiisa, dubbii afaaniitiin yookiis ergaa caaffataatiin, nu biraa isinitti darbetti qabamaatii jabaadhaa dhaabadhaa!

[16] Ammas gooftaan keenya Yesus Kristos Waaqayyo abbaan keenyas inni nu jaallate, ayyaana isaatiinis jajjabina bara baraa fi abdii gaarii nuuf kenne.

[17] Innumti garaa keessan haa jajjabeessu, hojii gaarii fi dubbii gaarii hundumaattis isin haa cimsu.

Ergaa Phaawulos Gara Warra Tasaloniiqeetti Erge Isa Lammaffaa — Chapters