[1] Ani akkuma isaanii maanguddoo, dhuga-baatuu dhiphina Kristos akkasumas hirmaattuu ulfina isa mul'achuuf jiruu ta'ee, maanguddoota isin gidduu jiran nan gorsa.
[2] Karra hoolotaa isa Waaqayyo tikaaf isinitti kenne sana, giddiidhaan utuu hin ta'in, jaalalaan, akka Waaqayyo barbaadutti, bu'aa nama yeellaasisu irraa argachuuf utuu hin ta'in, of kennuudhaan egaa!
[3] Hoolota karra sanaaf fakkeenya ta'uudhaan egaa malee, warra tika keessan jala jiran irratti gooftummaa argisiisuudhaan miti.
[4] Gaafa angafni tiksootaa sun mul'atutti, isinis immoo gonfoo ulfinaa isa gad deebi'aa hin adeemne in argattu.
[5] Akkasuma isin warri gara ijoollees, maanguddootaaf abboomamaa! Hundumti keessanis gad of deebisuu akkuma uffataatti uffadhaatii, walii keessanii wajjin jiraadhaa! Caaffanni qulqullaa'aan, ?Waaqayyo warra kooraan ol of qabaniin in morma, warra gad of deebisaniif immoo ayyaana in kenna? in jedha.
[6] Kanaafis Waaqayyo yeroon isaa yommuu ga'u akka ol isin qabutti, harka isaa isa aango-qabeessa jalatti gad of deebisaa!
[7] Inni isiniif waan yaaduuf, yaaddoo keessan hundumaa Waaqayyotti gataatii dhiisaa!
[8] Of qabaa, dammaqaas! Seexanni hamajaajiin keessan akka leenci yeroo beela'utti aadaa naanna'utti, nama liqimsuu barbaadee in naanna'a.
[9] Dhiphinni sanyiin isa kan keessanii kun, obboloota keessan warra guutummaa biyya lafaa keessa jiraatanitti akka dhufu beekaatii, warra amantiitti jabaattan ta'aa, Seexanaan mormaas!
[10] Yeroo gabaabduudhaaf erga dhiphattanii booddee garuu, Waaqayyo inni ayyaanni hundinuu biraa argamu, inni karaa Kristos gara ulfina isaa bara baraatti isin waame, ofii isaatii iddootti isin in deebisa, isin in dhaaba, isin in jabeessa, hundee keessanis in cimsa.
[11] Aangoon baruma baraan isaaf haa ta'u! Ameen.
[12] Ani harka Silwaanos isa ani obboleessa amanamaatti fudhadhu sanaan, ergaa gabaabduu kana ittiin isin gorsuudhaaf, kun ayyaana Waaqayyoo isa dhugaa ta'uu isaas dhugaa ba'uudhaaf isiniif caafeera. Ayyaana kanatti jabaadhaa dhaabadhaa!
[13] Waldaan akkuma keessan fo'amtee Baabilon jirtu, nagaa isiniif in ergiti; Maarqos ilmi koos akkasuma nagaa isiniif in dhaama.
[14] Jaalala obbolummaatiin wal dhudhungachuudhaan nagaa wal gaafadhaa! Nagaan isin warra kan Kristos taatan hundumaaf haa ta'u!