[1] Kristos namummaa fooniitiin erga dhiphatee, isinis immoo akkuma isaa yaaduudhaan, akka nama lolaaf mi'a hidhatetti taa'aa! Namni namummaa fooniitiin dhiphatu cubbuutti of kennuu dhiiseera.
[2] Egaa foon akka uffattanitti bara si'achi itti jiraattanitti akka jaalala Waaqayyootti malee, akka hawwa namaatti jiraachuun keessan haa hafu!
[3] Wanta warri saba Waaqayyoo hin ta'in hojjechuu jaallatan hojjechuudhaan, yeroon isin dabarsitan in ga'a. Bara sanatti gad-dhiisatti, hawwa keessan raawwachuutti, machiitti, gar-malee nyaachuutti, gar-malee dhuguutti, waaqayyolii tolfamaniif sagaduu keessattis karaa baay'ee seera Waaqayyoo irra daddarbuutti jiraachaa turtan.
[4] Isa isin amma isaanitti dabalamtanii lolaa jireenya ittisa hin qabneetiin fudhatamuu dhiiftan in dinqifatu, maqaa keessanis in balleessu.
[5] Isaan immoo waan godhan sababii isaa wajjin isa warra jiranii fi warra du'anitti faraduuf qophaa'etti himuuf jiru.
[6] Kanaaf warra du'aniif iyyuu wangeelli in lallabame; warri du'an sun sababii nama ta'aniif fooniin du'uun yoo itti faradame illee, hafuuraan jireenya Waaqayyo kennuufitti in jiraatu.
[7] Dhumni waan hundumaa dhi'aateera; egaa warra of qaban, kadhata gochuufis warra eeggatan ta'aa!
[8] Baay'inni cubbuu akka deebi'ee hin argamne kan godhu jaalala waan ta'eef, hundumaa dura immoo jaalala ho'aa waliif qabaadhaa!
[9] Wal simachuu keessatti namoonni guungummii malee keessummoota simachuu haa jaallatan!
[10] Akka hojii adeemsiftuu gaggaariin kennaa Waaqayyoo isa garaa garaa hojii irra oolchanitti, namni adduma addaan kennaa ayyaanaa isa argate, warra kaaniifis akka waa'ee baasutti ittiin haa hojjetu.
[11] Inni dubbatu, isa Waaqayyo jedhe haa dubbatu; inni waa hojjetus, humna Waaqayyo isaaf kenneen haa hojjetu; Waaqayyo waan hundumaan karaa Yesus Kristos ulfina haa argatu! Isaaf ulfinnii fi aangoon baraa hamma bara baraatti haa ta'u! Ameen.
[12] Michoota ko, wanti akka ibiddaa gubu isin qoruudhaaf yommuu isin irra bu'u, waan takkaa ta'ee hin beekne waan isin irra bu'e fakkaatee, isin hin dinqifachiisin!
[13] Kristos ulfina isaatiin yommuu mul'atu, gammaddanii akka ililchitanitti, hammuma dhiphina isaa keessaa hirmaattuu taatan, isinis hammasuma gammadaa!
[14] Maqaa Kristosiif jettanii yommuu arrabsamtan, isin warra gammadanii dha; hafuurri ulfinaa inni kan Waaqayyoo isin irra in boqota.
[15] Garuu isin keessaa tokko iyyuu nama gumaa yookiis hattuu, nama hamaa hojjete yookiis nama namatti darbe ta'e hin dhiphatin!
[16] Kristiiyaana ta'uu isaatiif yoo dhiphate garuu hin yeella'in! Maqaa Kristosiin waamamee isa hojjete sanaan Waaqayyoof ulfina haa kennu!
[17] Yeroon firdiin kennamu ga'eera; firdiin kunis warra mana Waaqayyoo keessaatti in jalqabama; erga dura nutti in jalqabama ta'ee, dhumni warra wangeela Waaqayyoo amanuu didanii maal haa ta'u ree?
[18] Caaffanni qulqullaa'aan, ?Namni qajeelaan fayyuun rakkinaan erga ta'ee, namni Waaqayyo malee jiraatuuf namni cubbamaan attam ta'uuf jira ree?? jedha.
[19] Kanaafis warri akka jaalala Waaqayyootti dhiphatan iyyuu, gaarii hojjechuudhaan lubbuu isaanii uumaa isaanii isa amanamaatti hadaraa haa kennatan!