[1] Yesuus bidiruu yaabbatee galaana ceʼee gara magaalaa isaa dhufe.
[2] Kunoo, jarri tokko nama dhagni irratti duʼee siree irra ciisu tokko gara isaa fidan. Yesuusis yommuu amantii isaanii argetti namichaan, “Ilma koo jabaadhu; cubbuun kee siif dhiifameeraatii” jedhe.
[3] Kana irratti barsiistota seeraa keessaa tokko tokko garaa isaanii keessatti, “Kunoo, namichi kun Waaqa arrabsa!” jedhan.
[4] Yesuusis yaada isaanii beekee akkana jedhe; “Isin maaliif garaa keessan keessatti waan hamaa yaaddu?
[5] ‘Cubbuun kee siif dhiifameera’ jechuu moo ‘Kaʼii deemi’ jechuutu salphaa dha?
[6] Ani garuu akka Ilmi Namaa cubbuu namaaf dhiisuudhaaf lafa irratti taayitaa qabu akka beektan nan barbaada.” Kanaafuu inni namicha dhagni irratti duʼe sanaan, “Kaʼi; siree kee fudhadhuutii mana keetti gali” jedhe.
[7] Namichis kaʼee mana isaatti gale.
[8] Namoonnis yommuu waan kana arganitti ni dinqifatan; Waaqa taayitaa akkasii namaaf kenneefis ulfina kennan.
[9] Yesuus achii kaʼee utuu deemuu namicha Maatewos jedhamu tokko utuu inni iddoo itti qaraxa walitti qaban taaʼuu argee, “Na duukaa buʼi” jedheen. Maatewosis kaʼee isa duukaa buʼe.
[10] Yeroo Yesuus mana Maatewositti irbaata nyaachaa turetti, qaraxxoonnii fi cubbamoonni baayʼeen dhufanii isaa fi barattoota isaa wajjin nyaatan.
[11] Fariisonni yommuu waan kana arganitti, “Barsiisaan keessan maaliif qaraxxootaa fi cubbamoota wajjin nyaata?” jedhanii barattoota isaa gaafatan.
[12] Yesuus immoo waan kana dhageenyaan akkana jedhe; “Ogeessi fayyaa warra dhukkubsataniif malee warra fayyaa qabaniif hin barbaachisu.
[13] Garuu dhaqaatii dubbiin, ‘Ani araaran fedha malee aarsaa hin fedhu’ jedhu sun maal jechuu akka taʼe hubadhaa. Ani cubbamoota waamuufin dhufe malee qajeeltota waamuuf hin dhufneetii.”
[14] Barattoonni Yohannis dhufanii, “Sababiin utuu nuu fi Fariisonni soomnuu, barattoonni kee hin soomneef maali?” jedhanii isa gaafatan.
[15] Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Keessummoonni misirrichaa akkamiin utuu inni isaan wajjin jiruu gadduu dandaʼu? Yeroon itti misirrichi isaan biraa fudhatamu ni dhufa; isaanis yeroo sana ni soomu.
[16] “Namni uffata moofaa irratti erbee haaraa erbu tokko illee hin jiru; erbeen sun uffata sana irraa tarsaasaatii; tarsaʼaan sunis isa duraa ni caala.
[17] Akkasuma immoo namoonni daadhii wayinii haaraa qalqalloo moofaatti hin naqan. Yoo isaan itti naqan qalqallichi ni dhoʼa; daadhiinis ni dhangalaʼa; qalqalloonis horoomaa baʼa. Daadhiin wayinii haaraan garuu yoo qalqalloo haaraatti naqame lachanuu yeroo dheeraa turu.”
[18] Utuu inni waan kana dubbachaa jiruu, bulchaan mana sagadaa tokko dhufee fuula isaa duratti jilbeenfatee, “Intalli koo ammuma na duraa duute. Garuu kottuutii harka kee ishee irra kaaʼi; isheenis ni jiraattii” jedheen.
[19] Yesuus kaʼee barattoota isaa wajjin isa duukaa buʼe.
[20] Kunoo, dubartiin dhiigni ishee waggaa kudha lama dhangalaʼaa ture tokko dugda isaa duubaan dhuftee handaara uffata isaa tuqxe.
[21] Isheenis garaa ishee keessatti, “Ani yoon uffatuma isaa illee tuqe nan fayya” jettee yaaddee turteetii.
[22] Yesuusis garagalee ishee ilaalee, “Yaa intalaa, amantiin kee si fayyiseeraatii jabaadhu!” jedheen. Dubartiin sunis yeruma sana fayyite.
[23] Yesuusis yommuu mana bulchaa mana sagadaa sanaa seenee warra ulullee afuufanii fi uummata wacu argetti,
[24] “Asii deemaa! Intalattiin rafteerti malee hin duunee” jedhe. Isaan garuu isatti kolfan.
[25] Erga namoonni gad baafamanii booddees inni ol seenee harka intalattii qabe; isheenis kaatee dhaabatte.
[26] Oduun waaʼee kanaas biyya sana guutuu keessa facaʼe.
[27] Yesuus utuu achii kaʼee deemaa jiruu, jaamonni lama isa duukaa buʼanii, “Yaa Ilma Daawit nu maari!” jedhanii iyyan.
[28] Yommuu inni mana seenettis jaamonni sun gara isaa dhufan; innis, “Akka ani waan kana gochuu dandaʼu ni amantuu ree?” jedhee isaan gaafate. Isaanis, “Eeyyee, yaa Gooftaa!” jedhanii deebisaniif.
[29] Yesuusis ija isaanii qaqqabee, “Akkuma amantii keessanii isiniif haa taʼu” jedheen.
[30] Iji isaaniis ni baname. Yesuusis, “Akka namni tokko iyyuu waan kana hin beekne of eeggadhaa” jedhee jabeessee isaan akeekkachiise.
[31] Jarri garuu achii baʼanii biyya sana hunda keessatti waaʼee isaa odeessan.
[32] Utuu isaan gad baʼuutti jiranuu jarri tokko nama hafuura hamaadhaan qabamee dubbachuu hin dandeenye tokko Yesuusitti fidan.
[33] Namichi sunis erga hafuurri hamaan isa keessaa baafamee booddee ni dubbate. Namoonnis, “Wanni akkanaa gonkumaa Israaʼel keessatti hin argamne” jedhanii dinqifatan.
[34] Fariisonni garuu, “Inni hangafa hafuurota hamootiin hafuurota hamoo baasa” jedhan.
[35] Yesuus manneen sagadaa isaanii keessatti barsiisaa, wangeela mootummaa lallabaa, akkasumas dhibee fi dhukkuba hunda irraa namoota fayyisaa magaalaawwanii fi gandoota hunda keessa deeme.
[36] Innis yommuu tuuta namootaa argetti garaa laafeef; isaan akkuma hoolota tiksee hin qabneetti dhiphatanii, gatamaniis turaniitii.
[37] Barattoota isaatiinis akkana jedhe; “Midhaan walitti qabamu baayʼee dha; hojjettoonni garuu muraasa.
[38] Kanaaf akka Gooftaan midhaan sanaa gara lafa qotiisaa midhaan isaatti hojjettoota erguuf isa kadhadhaa.”