[1] Yesuus ammas akkana jedhee fakkeenyaan deebii kenneef:
[2] “Mootummaan samii mootii ilma isaatiif cidha fuudhaa qopheesse tokko fakkaata.
[3] Innis akka isaan warra cidha sanatti affeeraman waamaniif garboota isaa erge; warri waamaman sun garuu dhufuu hin barbaanne.
[4] “Ammas akkana jedhee garboota biraa erge; ‘Kunoo ani irbaata koo qopheesseera: Sangoonni koo, horiin koo coccoomoonis qalamanii wanni hundinuu qopheeffameera. Gara cidha fuudhaa fi heerumaa kottaa jedhaatii warra affeeraman sanatti himaa.’
[5] “Isaan garuu tuffatanii, inni tokko gara lafa qotiisaa isaa, kaan immoo gara daldala isaa dhaqe.
[6] Warri hafan immoo garboota isaa qabanii salphisan; ni ajjeesanis.
[7] Mootichis ni aare. Loltoota isaas ergee warra garboota isaa ajjeesan sana balleesse; magaalaa isaaniis ni gube.
[8] “Ergasii inni garboota isaatiin akkana jedhe; ‘Dhangaan cidha fuudhaa qopheeffameera; warri affeeraman garuu cidha kanaaf hin malle.
[9] Kanaafuu gara qaxxaamura karaatti baʼaatii nama argitan hunda gara cidhaatti affeeraa.’
[10] Garboonni sunis karaatti baʼanii nama argan hunda, hamaas gaariis walitti qaban; galmi cidhaa sunis keessummootaan guutame.
[11] “Mootichi yommuu keessummoota ilaaluuf ol seenetti, nama uffata cidhaa hin uffatin tokko achitti arge.
[12] Innis, ‘Yaa michuu ko, ati akkamitti utuu uffata cidhaa hin uffatin as seente?’ jedhee isa gaafate. Namichi garuu waan dubbatu dhabe.
[13] “Mootichis tajaajiltoota isaatiin, ‘Namicha kana harkaa fi miilla hidhaatii dukkana alaatti gad darbadhaa; achittis booʼuu fi ilkaan qaruutu taʼa’ jedhe.
[14] “Warri affeeraman baayʼeedhaatii; warri filataman garuu muraasa.”
[15] Ergasiis Fariisonni waanuma inni dubbatuun isa qabuuf gad baʼanii Yesuusitti mariʼatan.
[16] Isaanis barattoota isaanii garee Heroodis wajjin isatti ergan. Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, akka ati nama dhugaa taate, akka ati dhugaadhaan karaa Waaqaa barsiiftu beekna. Ati nama wal hin caalchiftu; fuula namaas hin ilaaltu.
[17] Egaa mee nutti himi; yaadni kee maali? Qeesaariif gibira kaffaluun eeyyamameera moo hin eeyyamamne?”
[18] Yesuus garuu hammina isaanii beekee akkana jedhe; “Yaa fakkeessitoota nana, isin maaliif na qortu?
[19] Mee maallaqa gibira kaffaltan natti argisiisaa.” Isaanis diinaarii tokko isatti fidan;
[20] inni immoo, “Fakkiin kun kan eenyuu ti? Katabbiin kunis kan eenyuu ti?” jedhee isaan gaafate.
[21] Isaanis, “Kan Qeesaari” jedhanii deebisan. Kana irratti inni, “Yoos kan Qeesaar Qeesaariif, kan Waaqaa immoo Waaqaaf kennaa” jedheen.
[22] Isaanis yommuu waan kana dhagaʼanitti ni dinqifatan. Kanaaf isa dhiisanii qajeelan.
[23] Guyyuma sana Saduuqonni warri duʼaa kaʼuun hin jiru jedhan tokko tokko gara isaa dhufanii gaaffii isa gaafatan.
[24] Akkanas jedhan; “Yaa barsiisaa, Museen, ‘Namni tokko niitii fuudhee utuu ijoollee hin dhalchin yoo duʼe obboleessi isaa niitii sana dhaalee obboleessa isaatiif sanyii haa dhaabu’ jedhee nutti himeera.
[25] Kunoo obboloota torbatu nu bira ture. Inni jalqabaa niitii fuudhee utuu ijoollee hin qabaatin niitii isaa obboleessa isaatti dhiisee duʼe.
[26] Obboleessa lammaffaa fi sadaffaa irratti, hamma isa torbaffaattis waanuma sanatu taʼe.
[27] Dhuma irratti dubartittiinis ni duute.
[28] Egaa guyyaa duʼaa kaʼuutti, torban isaanii keessaa isheen niitii isa kamii taati? Hundi isaanii iyyuu ishee fuudhaniiruutii.”
[29] Yesuus immoo akkana jedhee deebise; “Isin waan Katabbiiwwan Qulqulluu yookaan humna Waaqaa hin beekneef dogoggortu.
[30] Guyyaa duʼaa kaʼuutti namoonni akka ergamoota samii taʼu malee hin fuudhan; hin heerumanis.
[31] Garuu isin waan Waaqni waaʼee duʼaa kaʼuu warra duʼanii isiniin jedhe hin dubbifnee? Innis akkana jedha;
[32] ‘Ani Waaqa Abrahaam, Waaqa Yisihaaqii fi Waaqa Yaaqoob.’ Inni Waaqa warra jiraataniiti malee Waaqa warra duʼanii miti.”
[33] Namoonni yommuu waan kana dhagaʼanitti, barsiisa isaa dinqifatan.
[34] Fariisonni yommuu akka Yesuus Saduuqota afaan qabachiise dhagaʼanitti walitti qabaman.
[35] Isaan keessaas hayyuun seeraa tokko akkana jedhee gaaffii kanaan isa qore:
[36] “Yaa barsiisaa, seera keessaa ajajni guddaan isa kami?”
[37] Yesuusis akkana jedheen; “Waaqa kee Goofticha garaa kee guutuudhaan, lubbuu kee guutuudhaan, yaada kee guutuudhaan jaalladhu.
[38] Kunis ajaja jalqabaatii fi guddicha.
[39] Ajajni lammaffaanis isuma fakkaata: ‘Ollaa kee akkuma ofii keetiitti jaalladhu’ jedha.
[40] Seerrii fi Raajonni hundinuu ajajawwan kanneen lamaan irratti hundeeffamu.”
[41] Utuu Fariisonni walitti qabamanii jiranuu Yesuus gaaffii tokko isaan gaafate;
[42] innis, “Isin waaʼee Kiristoos maal yaaddu? Inni ilma eenyuu ti?” jedhe. Isaanis, “Inni Ilma Daawit” jedhanii deebisan.
[43] Innis akkana isaaniin jedhe; “Yoos Daawit akkamitti Hafuuraan geggeeffamee, ‘Gooftaa’ isaan jedha ree? Inni akkana jedhaatii:
[44] “ ‘Gooftaan Gooftaa kootiin: “Hamma ani diinota kee miilla kee jala siif galchutti gara mirga koo taaʼi” jedhe.’
[45] Erga Daawit, ‘Gooftaa’ jedhee isa waame, yoos inni akkamitti ilma isaa taʼuu dandaʼa ree?”
[46] Namni tokko iyyuu waan tokko isaaf deebisuu hin dandeenye; gaafasii jalqabee namni tokko iyyuu deebiʼee gaaffii isa gaafachuuf ija hin jabaanne.