[1] Kanaaf waadaan boqonnaa isaatti galuu sun amma iyyuu waan jiruuf isin keessaa namni kam iyyuu utuu boqonnaa sanatti hin galin akka hin hafne of haa eeggannu.
[2] Wangeelli isaanitti lallabame nuttis lallabameeraatii; garuu dubbiin lallabame sun waan amantii isaaniitiin wal hin fudhanneef warra dhagaʼan sanaaf faayidaa tokko illee hin kennine.
[3] Nu warri amanne boqonnaa sanatti ni galla; kunis akkuma inni, “Kanaafuu ani dheekkamsa kootiin, ‘Isaan boqonnaa kootti hin galan’ jedhee kakadhe” jedhu sanaa dha. Taʼus hojiin isaa uumama addunyaatii jalqabee xumurameera.
[4] Innis iddoo tokkotti waaʼee guyyaa torbaffaa; “Waaqni guyyaa torbaffaatti hojii isaa hundumaa irraa boqote” jedhee dubbate.
[5] Ammas inni iddoodhuma kanatti, “Isaan boqonnaa kootti hin galan” jedha.
[6] Amma iyyuu akka namoonni tokko tokko itti galaniif iddoon boqonnaa sun hambifameera; warri duraan wangeelli itti lallabame sun immoo sababii ajajamuu didaniif boqonnaa sanatti hin galle.
[7] Kanaafuu Waaqni deebisee guyyaa tokko “Harʼa” jedhee waamuudhaan murteesse. Innis akkuma kanaan dura dubbatame sana bara dheeraa booddee karaa Daawitiitiin, “Isin yoo harʼa sagalee isaa dhageessan, mataa hin jabaatinaa” jedha.
[8] Utuu Iyyaasuun boqonnaa sanatti isaan galchee jiraatee, silaa Waaqni ergasii waaʼee guyyaa biraa hin dubbatu tureetii.
[9] Kanaafuu boqonnaan Sanbataa saba Waaqaatiif kaaʼameera;
[10] namni boqonnaa Waaqaatti galu kam iyyuu akkuma Waaqni hojii isaa irraa boqote sana, innis hojii isaa irraa ni boqota.
[11] Kanaafuu akka namni tokko illee fakkeenya ajajamuu diduu jara sanaa duukaa buʼee boqonnaa sanatti galuu hin dhabneef kottaa boqonnaa sanatti galuuf ni tattaaffannaa.
[12] Dubbiin Waaqaa jiraataa fi kan hojjetuudhaatii. Goraadee qara lama qabu kam iyyuu caalaa qaramaa dha; hamma lubbuu fi hafuura, buusaa fi dhuka gargar baasutti waraanee seena; yaadaa fi fedhii garaa namaas ni qora.
[13] Uumama hunda keessaa wanti fuula Waaqaa duraa dhokatu tokko illee hin jiru. Wanti hundi ija isaa duratti qullaa fi saaqamaa dha; nus waaʼee mataa keenyaa deebii kennuufii qabna.
[14] Egaa luba ol aanaa guddicha isa samiiwwan keessa darbe, Yesuus Ilma Waaqaa waan qabnuuf kottaa amantii keenya jabeessinee qabannaa.
[15] Nu luba ol aanaa dadhabbii keenya keessatti garaa nuu hin laafne hin qabnuutii; garuu kan waan hundaan akkuma keenya qorame qabna; taʼus inni cubbuu hin hojjenne.
[16] Kanaafuu akka araara argannuu fi akka ayyaana yeroo nu barbaachisutti nu gargaaru argannuuf kottaa gara teessoo ayyaanaatti sodaa malee dhiʼaannaa.