[1] Bara durii Waaqni yeroo baayʼee fi karaa adda addaatiin raajotaan abbootii keenyatti dubbatee ture;
[2] bara dhumaa kana keessa garuu Ilma isaa kan inni dhaaltuu waan hundumaa godhee muudeen nutti dubbate; isumaanis addunyaawwan uume.
[3] Ilmi calaqqisa ulfina Waaqaa ti; eenyummaa Waaqaas akkuma jirutti mulʼisa; dubbii isaa humna qabeessa sanaanis waan hunda hirkisee baata. Innis erga cubbuu keenya nurraa qulqulleessee booddee samii irra mirga Waaqa ulfina qabeessa sanaa taaʼe.
[4] Akkuma maqaan inni dhaale sun kan ergamootaa caalaa guddaa taʼe sana innis ergamoota caalaa guddaa dha.
[5] Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Ati Ilma koo ti; ani harʼa si dhalcheera” Yookaan isa kamiin, “Ani isaaf Abbaa nan taʼa; innis Ilma naa taʼa” jedhee beeka?
[6] Akkasumas Waaqni yommuu Ilma isaa hangafa gara addunyaa kanaatti ergutti, “Ergamoonni Waaqaa hundi isa haa waaqeffatan” jedha.
[7] Yommuu waaʼee ergamootaa dubbatus, “Inni ergamoota isaa hafuurota, tajaajiltoota isaa immoo arraba ibiddaa godha” jedha.
[8] Waaʼee Ilmaa garuu akkana jedha; “Yaa Waaqayyo, teessoon kee bara baraa hamma bara baraatti ni jiraata; bokkuun qajeelummaas bokkuu mootummaa keetii ni taʼa.
[9] Ati qajeelummaa jaallatte; jalʼina immoo ni jibbite; kanaafuu Waaqayyo Waaqni kee zayitii gammachuutiin si dibee, hiriyoota kee si caalchise.”
[10] Akkasumas inni akkana jedha; “Yaa Gooftaa, ati jalqabatti lafa hundeessite; samiiwwanis hojii harka keetii ti.
[11] Isaan ni badu; ati garuu ni jiraatta; hundumti isaanii akkuma uffataa ni moofaʼu;
[12] ati akkuma wayyaatti isaan marta; isaan akkuma uffataatti geeddaramu; ati garuu sanuma; umuriin kees gonkumaa dhuma hin qabu.”
[13] Waaqni ergamoota keessaa isa kamiin, “Hamma ani diinota kee ejjeta miilla keetii godhutti, gara mirga koo taaʼi” jedhe?
[14] Ergamoonni hundinuu hafuurota tajaajilan kanneen warra fayyina dhaalan tajaajiluuf ergaman mitii?