[1] Egaa nu warri Waaqa wajjin hojjennu, akka isin ayyaana Waaqaa akka waan gatii hin qabneetti hin fudhanne isin kadhanna.
[2] Inni, “Ani yeroo fudhatama qabutti si dhagaʼeera; guyyaa fayyinaattis si gargaareera” jedhaatii. Kunoo yeroon fudhatama qabu amma; guyyaan fayyinaas amma.
[3] Nu akka tajaajilli keenya hin tuffatamneef, karaa nama kamii irra iyyuu gufuu hin keenyu.
[4] Qooda kanaa nu karaa hundaan akka tajaajiltoota Waaqaatti of dhiʼeessina; obsa guddaadhaan, dhiphinaan, gidiraa fi yaaddoon,
[5] garafamuun, mana hidhaatti galfamuun, jeequmsaan, hojii dadhabsiisaa hojjechuun, hirriba dhabuun, beelaʼuun,
[6] qulqullaaʼummaan, hubannaan, obsaa fi gara laafinaan, Hafuura Qulqulluu fi jaalala of tuulummaa hin qabneen,
[7] dubbii dhugaatii fi humna Waaqaatiin, miʼa waraanaa kan qajeelinaa harka mirgaatii fi harka bitaatti qabachuun,
[8] ulfinaa fi salphinaan, maqaa baduu fi maqaa toluun jiraanneerra; akkasumas utuu dhugaa qabeeyyii taanee jirruu, sobduu jedhamneerra;
[9] beekamtoota turre; garuu akka warra hin beekaminiitti hedamne; nu duʼaa jirra; garuu kunoo ni jiraanna; ni tumamna; garuu hin ajjeefamnu;
[10] ni gaddina; garuu yeroo hunda ni gammanna; hiyyeeyyii dha; garuu namoota hedduu sooromsina; homaa hin qabnu; garuu waan hunda qabna.
[11] Yaa warra Qorontos, nu afaan guunnee isinitti dubbanneerra; garaan keenyas isiniif banamaa dha.
[12] Isinitu garaa nu dhokfate malee nu garaa isin hin dhokfanne.
[13] Ani akka waan isin ijoollee koo taataniittin isinitti dubbadha; isinis akkasuma garaa keessan balʼisaa nuu banaa.
[14] Warra hin amanneen walitti hin camadaminaa. Qajeelummaa fi jalʼinni maal wal irraa qabu? Yookaan ifni dukkana wajjin tokkummaa maalii qaba?
[15] Kiristoosii fi Belhor gidduu walii galtee maaliitu jira? Namni amanu tokko nama hin amanne wajjin maal wal irraa qaba?
[16] Manni qulqullummaa Waaqaa waaqota tolfamoo wajjin walii galtee maalii qaba? Nu mana qulqullummaa Waaqa jiraataa ti. Waaqnis akkana jedhee dubbateera; “Ani isaan wajjin nan jiraadha; isaan gidduus nan deddeebiʼa. Ani Waaqa isaanii nan taʼa; isaanis saba koo ni taʼu.”
[17] Kanaafuu, “Isaan keessaa baʼaa; isaan irraas gargar foʼamaa; jedha Gooftaan. Waan xuraaʼaa hin tuqinaa, anis isinan simadha.”
[18] Amma illee, “Ani Abbaa isiniif nan taʼa; isinis ilmaanii fi intallan koo ni taatu; jedha Gooftaan Waan Hunda Dandaʼu.”