Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 4:01

[1] Yoo dunkaanni lafa irraa kan nu keessa jiraannu kun diigame mana Waaqni ijaare, mana bara baraa kan harka namaatiin hin ijaaramin samii irraa akka qabnu beekna.

[2] Hammasitti mana keenya kan samii irraa sana uffachuu hawwuudhaan ni aadna;

[3] nu yommuu isa ufannutti qullaa hin argamnuutii.

[4] Nu utuma dunkaana kana keessa jirruu ni aadna; baʼaanis nutti ulfaateera; nu garuu wanni duʼa hin oolle jireenyaan akka liqimfamuuf mana keenya kan samii irraa uffachuu malee akka uffanni nurraa baafamu hin barbaannuutii.

[5] Kan kaayyoo kanaaf nu qopheesses Waaqa isa Hafuura Qulqulluu wabii waan dhufuuf jiruu godhee akka qabdiitti nuu kenne sanaa dha.

[6] Kanaaf nu yeroo hunda ija jabina qabna; hamma dhagna fooniitiin jirrutti Gooftaa irraa fagoo akka jirru beekna.

[7] Nu amantiidhaan jiraanna malee arguun miti.

[8] Nu ija jabina qabna; dhagna foonii kana irraa addaan baanee Gooftaa wajjin jiraachuu filanna.

[9] Kanaaf nu dhagna fooniitiin jiraannus, dhagna foonii irraa fagaannus kaayyoon keenya Isa gammachiisuu dha.

[10] Tokkoon tokkoon namaa yeroo dhagna fooniitiin jiraachaa turetti akka hojii tolaa yookaan hamaa hojjeteef gatii isaa argatuuf hundi keenya barcuma murtii Kiristoos duratti dhiʼaachuu qabnaatii.

[11] Nu Gooftaa sodaachuun maal akka taʼe waan beeknuuf namoota amansiisuuf yaalii goona. Eenyummaan keenya Waaqa biratti beekamaa dha; yaada garaa keessaniitiifis beekamaa akka taʼe nan abdadha.

[12] Nu akka isin nuun boontaniif carraa isinii kennuuf malee amma illee isin biratti of galateeffachuuf miti; kunis isin warra waan garaa keessa jiru caalaa waan ijatti mulʼatuun boonaniif deebii kennuu akka dandeessaniif.

[13] Nu yoo akka namoonni tokko tokko jedhan sana “qalbii dabarsine,” Waaqaaf jennee ti; yoo qalbii qabeeyyii taane immoo isiniif jennee ti.

[14] Jaalalli Kiristoos nu dirqisiisaatii; sababiin isaas waan namni tokko nama hundaaf duʼeef namni hundi kan duʼe taʼuu isaa amansiifamneerra.

[15] Innis akka warri lubbuun jiran siʼachi isa isaaniif jedhee duʼee duʼaa kaafame sanaaf malee akka ofii isaaniitiif hin jiraanneef nama hundumaaf duʼe.

[16] Kanaafuu nu ammaa jalqabnee nama tokko iyyuu akka ilaalcha fooniitti hin ilaallu. Yoo kanaan dura akka ilaalcha addunyaatti Kiristoosin ilaalaa turre iyyuu, siʼachi akkas hin goonu.

[17] Kanaafuu eenyu iyyuu yoo Kiristoositti jiraate inni uumama haaraa dha; wanni moofaan darbeera; kunoo wanni haaraan dhufeera.

[18] Kun hundinuus Waaqa Kiristoosiin ofitti nu araarsee fi tajaajila araaraa nuu kenne sana irraa dhufe;

[19] kunis, Waaqni cubbuu namootaa isaanitti lakkaaʼuu dhiisuudhaan Kiristoosiin addunyaa ofitti araarsaa ture jechuu dha. Innis ergaa araaraa sana imaanaa nutti kenneera.

[20] Kanaafuu nu bakka buʼoota Kiristoos; Waaqnis karaa keenyaan isin sossobata; nus akka isin Waaqatti araaramtaniif qooda Kiristoos taanee isin kadhanna.

[21] Akka nu isumaan qajeelummaa Waaqaa taanuuf Waaqni nuuf jedhee Kiristoos isa cubbuu hin qabne sana cubbuu godhe.

Qorontos Lammaffaa — Chapters