Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:15

[1] Ana jaarsa biraa, jaala kiyya ka ani dhugumaan jaalladhuuf:

[2] jaala kiyya! Akkuma lubbuun teeti tolte, akka fayyaa teetuu fi wonni maraa si’iif tolu hin daadimadha.

[3] Obboleeyyan gariin dhufanee dhuga’aaf addatamu’uu fi dhuga’aan jiraachuu keeti yennaa anatti himane ani guddoo gammade.

[4] Ijoolleen tiyya dhuga’aan jiraachuu isi’ii dhage’iisaan irra wonni na gammachiisu hin jiru.

[5] Jaala kiyya! Obboleeyyan si’iif keessummaa haareya te’anulle, ati isaan addatamaan hin qarqaarta.

[6] Isaanille marroo jaalala keetii wolde’a kiristaanaatitti himaneeran; karaa Waaqa gammachiisuun deemsa isaaniitiifille isaan qarqaartee yoo geegessite waan dansa’a.

[7] Isaan Kiristoos tajaajiliisaaf yennaa bayane, worra dhugeeffattoota hin te’in irraa womaa hin fudhane.

[8] Nuuti hujii dhuga’aa tana worra qoodamu akka teenuuf namoota akkasii kana qarqaaruu qanna.

[9] Ani wolde’a kiristaanaatiif xalayaa barreesseera; Diyotreefesiin sooressa te’iisaaf barbaadu ammoo yaada kiyya hin fudhanne.

[10] Maarre ani yoo dhufe, dharaan nu hamataa hantuu inni hujaa ture maraa dubbadha; tunille isa gewuu dhaddee obboleeyyan fudhata dida. Worri dhibille akka isaan hin fudhanne dhooggee, wolde’a kiristaanaa keessaa isaan baasa.

[11] Jaala kiyya! Waan dansaa fakkaadhu malee waan hamaa hin fakkaatin. Nami waan dansaa huju ka Waaqaa ti; nami waan hamaa huju Waaqa hin dhaggine.

[12] Nami maraa dansaa Demeexroosii dubbata; dhugaalle dansaa isaa dubbatti. Nuutille dansaa isaa hin dubbanna; dhugaa bayiis keenna dhugaa akka teete ati hin beetta.

[13] Waan si’iif barreessu waan hedduu qaba; ammoo feeni’ii fi hallu’uun si’iif barreessiisaaf hin barbaadu.

[14] Dhiko’otuu akka si dhaggu hin addadha; yennaa san ilaan wol dhagginee hin haassonna.

[15] Nageenni si’iif te’u. Jaaloti teeti nageya si’iif dhaaman. Jaalota teennatti tokkuma tokkoon nageya nu’uuf him.