Skip to content
Opens in a new window
Listen to this chapter • 2:12

[1] Ana jaarsa biraa, giittittii filatantee fi ijoollee isi’iitiif, ani dhugumaan isin jaalladha, ana calla’aa moti, ammoo worri dhugaa beeku duudiinuu isin jaallata.

[2] Sababille dhugaan nu keessa jirtu tun haga bara baraa nu woliin hin jiraatti.

[3] Badhaadhi, arjumma’aa fi nageenni, Waaqa Abba’aa fi Yesuus Kiristoosii Ilma Abba’aa biraa, dhuga’aa fi jaalalaan nu woliin jiraatuu ti.

[4] Akkuma Abbaan nu ajajetti, ijoollee teeti keessaa gariin dhuga’aan jiraatanuun dhaggiis guddoo na gammachiiseera.

[5] Ammalle giitti’i! Akka wol jaallannuuf, ajaja jalqabaa jalqannee qannu san si yaadachiisiisaaf malee, ajaja haareya si’iif barreessiisaaf moti.

[6] Jaalala jechuun ajaja Waaqaatiif ajajamiisaan le’iisa. Akkuma isin martinuu jalqabaa jalqaddanee dhageettane, ajaji isaa akka jaalalaan leetanu.

[7] Akka Yesuus Kiristoos fooniin gara biyya lafaa dhufe worri dhugaa hin baanne, worri nama dokonkorsanu hedduun gara biyya lafaa bayaneeran. Eennulle nami akkasii nama nama dokonkorsuu fi nama Kiristoos mormu.

[8] Gatii guutuu akka dhaggattanu malee, gatii waan hujjanee akka hin dhanne ifi eeggadha’a!

[9] Nami barsiisa Yesuusiitiin hin jiraannee fi irraa goree deemu mara Waaqa hin qabu; nami barsiisa Kiristoosii qabatee ittiin jiraatu mara ammoo Abba’aa fi Ilma qaba.

[10] Barsiisa kana adoo hin qabatin eennulle gara keessan yoo dhufe, mana keessanitti isa hin fudhatina’a! Nageyalle hin fuudhina’a!

[11] Nami nageya isa fuudhu, hujii isaa hantuu san qoodama.

[12] Waan isiniif barreessu waan heedduu qaba; te’uu malee woraqataa fi hallu’uun isiniif barreesiisaaf hin barbaadu; ammoo gammadi keenna guutuu akka te’uuf, gara keessan dhufee ilaan wol dhagginee, isin woliin haasowiisaaf addii qaba.

[13] Ijoolleen obboleettii teeti filatantu’uu nageya si’iif dhaamti.